Friday, April 27, 2018

Karaan kun Morsiitti nu geessaa laata?

Jawar Mohammed irraa



Darajjee Garafaa barruu dheengadda  katabeen muummicha ministeeraa qeequun akka biyya Masriitti waraanni aangotti deebi’ee warraaqsa kana dubbatti deebisee ( counter revolution) sirna abbaa irrummaa duraanii akka jaaruu karaa saaqa yaaddoo jedhu ibse.

Tarii warri akka kiyya dullomtan yoo yaadattan warraaqsa biyya Masrii fi rakkoolee san booda dhalatan  jala bu’ee yero yeroon miidiyaalee garagaraa irratti xiinxala dhiheessaan ture. Dhimman sirritti jalqabarraa hanga ammaa beekuudha. Kanarratti hundaayuun, rakkoon walfakkaataan ( counterrevolution) qabsoo teenya akka hin mudanneef waywaachaa turuun kiyya ni yaadatama. Keessattuu ji’oota Onkololeessaafi sadaasa 2017 keessa.

Sadarkaa amma irra geenyetti MM Abiy Ahmad hireen Mohammed Morsii mudachuu  maltii? Eeyyeen. Garuu hireen sun kan isa mudattu dogongora inni hojjachaa jiruun malee kan qeeqxota isaatin qofa miti. Kana agarsiisuudhaaf, dogongora Mursiin hojjatee waraanaaf karaa bane armaan gaditti gabaabsee dhiheessa.

Mootummaa Hosnii Mubaarak sochii ummataatu  Kuffise. kana jechuun yeroo Morsiin aangotti dhufu akkuma amma Itoophiyaa keessaa kanatti humna wal madaalu lamatu ture. Humna waraanaafi tikaa ( security) gama tokkoon, humna hummataa ( people power) gama kaaniin. Muursiin hunda dura kana hubachuun humnoota lamaan keessaa kamtu jijjiraman barbaadu fiduuf na cinaa hiriiruu danda’a jedhee xiinxaluu qaba ture. Durumarraa dogongora eegale.

Akkamiin? Biyyattiin sirna abbaa irree keessa waan turteef paartileen siyaasaa hundi laamshoo turan. Humni gurmaa’ina qabu Muslim Brotherhood ( Paartii Bilisummaafi Haqaa) kan bifa hawaasummaatiin lafa jala gurmaa’ee tureedha. Waraanni kana waan beekuuf osoo paartileen hin jabaatin, hin mari’atiniifi dhimmota jajjaboo irratti waliif hin galin gara filannootti akka deemamu dhiibbaa godhan. Warri MB mormitoota biroorra cimina waan qabaniif  moo’uu akka danda’an qofa madaallii keessa galchuun filannoon akka godhamu tole jedhan. Isaaniifi paartilee kaawwan jiddutti adeemsa filannoofi qoodama aangoo irratti waliigalteen homaatuu osoo hin godhamin filannoo seenanii moo’atan. Filannoo boodas taaytaa siyaasaa paartii biraatiif osoo hin qoodin ofumaa dhuunfatan. MB’n paartilee birootiin yoo madaalamu deeggarsa wayyaa qabaatus ummata guututu cinaa hiriiree miti.  MB’n adarkaa paarlamaatti harka 47% , pirazidantummaaf ammoo Morsiin sagalee 52% moo’ate.  Ummanni walakkaan hafe warraaqsa keessatti hirmaatus shoora guddaa qabaatus  alatti hafe. Ni dallane.

Akkuma taaytaa qabateen ammas paartileefi hayyoota MBn ala jiran mari’achiisuufi waliigaluuf affeeruu dhiisee imaammataafi ilaacha paartii ofii hojitti hiikuu yaale. Mormiin isa mudachuu eegale. Jeneraalota gubbarra jiran kaasee kan naaf amanaman jedhuun jijjiruun waanuma waraana san guututti too’ate waan itti fakkaateef caasaa gubbaa hamma gaditti jijjirama barbaachisu hin goone itti dhiise. Adaduma inni imaammata ummata hunda hin hammanneefi hin hirmaachifne hojitti hiikeen mormiin isatti dhalachuufi deeggartoonnummaan isaatu mucucaachuu eegalan. Ummata walakkaa tokkofi Mursii jiddutti walfalleessuun dhalachaa demuun waraanaafi damee tikaa kan jijjirama hin feeneef hiree banan. Waldhibdeen humnoota jijjiramaa taaytaarra jiraniifi taaytaa alaa akka daran babal’tu shoora taphachuu eegalan. Diinaggeen biyyattii  hammi guddaan harka waraanaa waan jiruuf dhiheessii hirdhisuun qaalommina jireenyaa uuman. Hojii nageenya biyyaa tiksuu hirdhisuun kashalabbummaa ( holiganism) fi yakki akka baba’atu godhan. Bakka tokko tokkotti ammoo mormii imaammata Mursii irratti godhamu humnaan cafaquu eegalan. Ummanni abba irrummaa jalaa baanee bilisummaatti ceena jedhe bilisummaas, nagayas, misoomas dhabuu eegale. Jeequmsiifi gaaga’amni diinaggee hammachaa deemuun ummanni  waa hunda caalaa tasgabbii feena yaada jedhuu akka horatu godhe. Ni fincile. Mootummaa Mursii raase. Tasgabbiin fida jedhee waadaan galuun  jeneralummaan Mursiin shuume fonqolchee aangoo qabate.

Dogongorri Morsii galaafate waan lama gochuu dhabuu isaati. Humnoota biyyattii lamatu jira jenne. Tumsi isaa humna ummatati. Humni ummataa sun daran jabaatee akka cimu tarkaanfilee gaafiifi fedhii ummata sirna duraa san kuffisee saffisaan deebisaa, humnoota siyaasaa ofitti qabaa cimsuu dadhabe. Akkasumas humna waraanaa laaffisuun jijjirama hoggansaafi caasaa gubbaa hamma jalaatti saffisaan geggeessuu dhiisee qondaalotuma muraasa kaasee amane. Dhawaataan humni isa deeggaru qoqqodamaa laamshaayaa deemee isattuu garagale. Humni silaa isaaf hamaa ( threat) laafisuu dhiisee akkuma jiraniin itti fufsiise aangoo too’achuuf billaa itti qarachuu eegale. Inumaatuu dogongorri inni humna ummataa cimsuu irratti raaw’ate, humna waraanaatiif deeggarsa ta’e. Ummatuma sirna abbaa irree waraanaa qabsoon kuffisetu daanditti deebi’ee pirazidantii sirna dikomraatawaan filametti duulee lafaan dhahe.

Warraaqsi Marsii akka of duuba deebi’uuf badii guddaa kan raaw’ate Mursiifi paartii isaati. Kana jechuun garuu aktivistoonni, dhaabbileen siyaasaafi hayyoonni dogongora hin hojjanne jechuu miti. Dogongora hojjatanii jiran. Badiin duraa sirna abbaa irree Mubaarka kuffisuu malee san booda maaltu dhufaa irratti wanti yaadameefi hojjatame hin turre. Kan lammataa akkuma Mubarak kufeen aktivistoonni hedduun injifannoon dhiichisutti goranii waan dhalachaa deemuuf xiyyeeffannaa hin kennine. Bu’aa xaarii isaanii sassabuu dhiisanii midhaan oogditti itti roobe godhan. Hedduun isaanii waanuma qabsoon galma keessee bilisummaa of duuba hin deebine goonfataniitti miidiyaalee garagaraatti injifannoo labsuutti yeroo qisaasaa turan, ykn ammoo paartiifi namoota itti aanee aangoo qabata jedhan jalatti hiriiran. Osoo kanatti jiranii dogongora hamaa tokko raaw’atan. Kunis aangoo Mubaarak irraa bu’e Koreen Waraanaa ( Council of the Armed Forces) akka fudhatu itti dhiisuu hin qaban ture. Mootummaan cehuumsaa sivilii kan qaamoleen siyaasaa garagaraa irraa ykn qaama walabaa irraa akka dhaabbatu dhiibuun shoorri waraanaa akka daangeffamu mormii cimsuu qaban ture. Koree Waraanaatti dhiisuun sun jeneraalonni adeemsi cehuumsaa akka gufachiisuuf isaaniif tolutti akka deemu akka godhan hiree kenneef. Dongorri sadaffaa paartilen osoo hin qophaayiniifi waliigaltee hin uummatin filannootti fiiguudha. Filannoon seeraafi adeemsa isaa irratti waliigalteen biyyooleessaa osoo hin uumamin godhame bu’aa ( electoral result) paartii tokko aangessee warra kaan alatti hambise fide. Kun ammoo warra alatti hafe mufachiise, kan ol bahan ( Morsii faa) kophatti waraanaan akka waldura dhabbatan godhe. Kun ammoo akkuma armaan olitti kaayame tokkummaafi humni ummataa ( people power) haphachaafi laaffachaa, kan waraanaafi tikaa moo’amee ture jabaachaa akka dhufu karaa saaqee, boodarra warraqsi wareegamni guddaan itti kaffalame sun akka kufu taasise.

Faallaa kanaa biyya Tuniziyaa keessatti warraaqsi godhame biyyattii gara dimokraasitti ceesisuun goolabame. Maalif? Qabsaa’onni Tuniziyaa dogongora Morsiifi waahillan isaa hojjatan hin raaw’anne. Fakkeenyaaf, osoo abbaan irree Ben Alii aangoo irraayyuu hin fonqolfamin hayyoonnifi dhaabbileen siyaasaa biyyattii chaaratara waliigaltee cimaa uumanii turan. Bara 2003 irraa eegalee dhoksaafi ifaan irratti hojjachaa waan bilcheessaniif gaafa sirni abbaa irree kufu, raacitee waliigaltee lafaa qaban san ol baasan. Eenyu dursee aangoo haa qabatuuf waldorgomuu mannaa adeemsa gara dimkoraasitti isaan ceesisu ( process over result)  irratti waliigaluu irratti hojjachaa turan. Akkuma biyya Masriii paartileen hedduun sirna abbaa irreetiin laamshayanii turan. Kan xiqqo irra wayyaa kan hiddi isaa sochii amantiitin walqabatu paartii Ennahdha ture. Akkuma MB biyya Masrii isaanis osoo caldhisanii dorgomanii filannoo shakkii malee harka guddaan ( landslide)  moo’atu ture. Garuu  itti hin jarjarre. Bifa paartilee kaawwan hin dhiibneen mootummaan tokkummaa biyyooleessaa akka dhabbatu  waliigalteetti gahame. Filannoon osoo qophiin hin godhamin saffisaan geggeeffamurra akka turu yaada paartileen biroo dhiheessan ni fudhatan. Waliigalteen murteessaan biraa paartiin Ennahdha dur biyyattiin heera shari’aatiin akka bultu fedhii qabaatuus, marii ( negotiation) paartilee biraa waliin godhaniin paartiin amantii jiraachuun mirga ta’ee heerri biyyatti garuu amantiin ala ( secular) akka ta’u waliif galan.

Hubadhaa Ben Aliin aangoo irraa ari’amuutti aansee aangoon harka ajajaa waraanaa Jeneraal Rashid Ammar ture. Akkuma jeneraalota biyya biroo innis aangoo tana dhuunfachuu hin jibbine. Garuu humnoonni cihuumsa barbaadan waliigaluudhaan humna ummataa ( people power) daran waan cimsaniif, jeneralichiifi waraanni biyyattii sababa dhabsiifaman. Waraanaafi damee basaasaa keessaa jeequmsa uumuudhaan aangoo deebi’anii toohatuuf yaaliin hamma fonqoclha mootummaatti aggaamachuu godhamee ture. Garuu humni ummata irra aanee gulufa gara dirna dimokraasii itti fufsiise. Humna ummataa sodaatuun jeneraaltichi aangoo namuma Ben Ali jalatti muumicha ministeera ta’e Mohamed Ghannouchitti dabarsee kenne. Namni kunis aangoo dhuunfachuuf fedhii hin dhabne. Garuu aktivistoonni biyyasii injifannoon mirqaananii galanii hin teenye.  Mormiin nagayaa bifa haarayaan dhoosuun adeemsi cehuumsaa qaamolee hunda akka hirmaachisu dhiibbaa godhan.

Haaluma kanaan Komishiniin cehuumsa geggeessuu kan paartii biyya bulchaa jiru, mormitootaafi qaamolee hawaasaa garagaraa hirmaachisu uumame. Hoggansa abukaatoo seeraa Yadh Ben Achour jalati komishiniin kun daandii cehuumsaa (transitional roadmap) hundaan fudhatama qabu lafa kaaye. Murtii komishinaa kanaa keessaa tokko biyyattiin suduudaan filannoo bulchiinsaatti seenurra, dura filannoon qaama heera mootummaa tumuu ( constituent assembly) akka godhamuudha. Kunis heerrii mootummaa qaama ummataan filame akka wixineeffamu ( draft) haala mijeessuun heera lammiilee hundaaf fudhatama qabu tumuuf dandeessise. Dabalataanis komishiniin kun sirni filannoo bakka bu’ummaa madaalawaa? ( proportional representation) akka ta’u murteesse. Sirni kun paartiin jabaan tokko sagalee wayyabaa waan argate qofaaf mootummaa kophatti akka hin dhuunfanne dhoorkuun, aangoon akka hiramtu taasisee,  paartilen waliigaluufi tumsa jaaruuf akka dirqaman haala mijeessa. Kun ammoo mootummaa jaaramu keessatti paartileefi qaamonni hawaasaa hundi qooda akka argatan gochuun tokkummaafi humna ummataa ( people power) cimsaa adeemuun hiree waraanni cehuumsa gufachiisuuf argatu jalaa dhiphise. Haala kanaan Tunisiyaan sirna abbaa irree irraa gara dimkoraasii cehuuf yoo milkooftu ollaan ishii Masriin garuu harka waraanaatti deebite.

Fakkeenya biyyoota lamaanii kana kanin dhiheesse akka waa irraa barannuufi. Warraaqsi biyya keenyaa bakka biyyoonni kun bara 2011 jiran gahaa jira. Dogongora Masriitti hojjatame ofirraa maqsaa daandii Tunisiyaa irraa haa barannuufi. Shakkii Darajjee Garafaa xixxaafi qeeqni aktivistootaa MM haaraya laaffisee waraanni aangoo akka too’atuuf karaa saaqa jedhe ka’uumsa barruu kanaati. Shakkiin isaa guututti dogongora jechuu koo miti. Garuu waraanni Wayyaaneen aangoo akka too’atuuf daandii kan saaquu maluu tokkoffaatti dogongora Muummicha Ministeeraafi waahillan isaa raaw’achuu malan, kan duruu eegalani. Kan lammataa dogongora qaamonni jijjirama barbaadan, ummati, Qeerroon, paartileen siyaasaa, miidiyaaleefi hayyoonni raaw’atuu malan, kan duruu ammoo eegalani. Bulchiinsi MM Abiy wanni guddaan biyyoota lamaan irraa barachuun hojiitti hiikuu  qabu,

1) Humna ummata daran cimsaa deemuun taaytaa argatan aangotti jijjiruun dhiibbaafi aggaammii waraanaa fashaleessaa deema. Kana gochuuf ammoo tarkaanfilee amantaa ummanni isaanirraa qabu daran jabeessu saffisaafi murannoon fudhachaa deemuun murteessaadha. Fakkeenyaa LYM kaasuu, hidhamtoota hunda gadi lakkisuu kkf.

2) Cehuumsa gara dimokraasii godhamu kophaa keenya akka paartii biyya bulchuutti goona yoo jedhan ofis sakaalanii cehuumsas akka dhanqan hubachuu qabu. Komishinii cehuumsaa walabaa kan paartii biyya bulchu, mormitoota hunda, hayyootaafi qaamolee hawaasaa garagaraa hirmaachise jaaruun murteessaadha. Komishiniin kun akkuma kan Tuniziyaa armaan olitti ilaallee seerotaafi adeemsa filannoo, akkaataa yakkamtoonni itti seeraafi dhiyaatan, araarriifi nageenyi biyyaa bu’u kkf irratti hojjata. Bifa kanaan itti deemuun, murtiin jijjiramaaf godhamu kan Muummicha Ministeeraa tokko ykn dhaaba siyaasaa tokkoo osoo hin taane kan biyyoolessaa akka ta’u godha.  Kana jechuun diddaa humni Wayyaanee cehuumsaaf qabu kophaa osoo hin taane guuza ( daboo) waliin akka ofirraa faccisan gargaara. Tarkaanfileen fudhatamus ummata guddaa biratti fudhatamaafi abbummaa uuma. Kophaa yaallaan garuu mormitoonnifi ummannis ni muufata, deeggarsa isaan dhoowwata, haleellaa humnoota jijjirama hin barbaanneetiif isan saaxila.

3) Tarkaanifilee humni waraanaa akka jijjirama dhufaa jiruu waliin tarkaanfatu dirqisiisu saffisaan walitti aansanii ( fast and sequenced action) fudhachuu barbaachisa. Kun qondaalota ol’aanuu kaasuu qofa osoo hin taane caasaalee ajajaa murteessoo walkeessa laaquu feesisa. Keessattu koreen waraanaa ( military council) amma jiru qabiyyeen isaa akka jijjiramu gochuun waan yeroon kennamuufi miti. Tarkaanfiin walfakkaataan damee basaasaa irratti fudhatamuu qaba.

Gama warra mootummaan ala jiruun ammoo

Akka waan qabsoon goolabamteetti dhiichisuun akeeka bilisummaa argamsiisuf kaayame kan gufachiisuufi wareegama hanga ammaa kaffalame kan dhadhaa ibidda bu’e taasisu akka ta’e hubachuun feesisaadha. Mormiifin dhiibbaan tooftaa jijijiirachaa daran itti fufuu qaba.
Cehuumsa kan Abiy ykn EPRDF mataa isaaniitiin geggeessanii nu milkeessu jechuun dogongora guddaadha. Dhiibbaa ummataatin alatti takkaa fedhiin ( incentive) hin jiraatu, fedhiinis jiraatu humni hin jiraatu. Humni jijjiramaa amansiisaan yeroo mara diddaa ummataa ta’uu irraanfachuu hin qabnu. Kanaafuu qaamni cehuumsa kana mijeessu kan paartii biyya bulchu, mormitootaafi ogeessota damee garagaraa hirmaachise saffisaan akka dhaabbatu qabsoon cimaan godhamuu qaba. Mootummaan gara dimokraasii ceena jechaa takaanfii cehuumsaaf karaa haxaayu diduun takkaahuu lafarra harkisuun , cehuumsa gufachiisuuf akka deemu mallattoo waan ta’eef falmaa cimaan dirqisiisuu barbaachisa.
Dhaabbileen mormitootaa taa’anii akka adurree cidhaan kormaatu naaf kufa jettee  eeggattuu paartiidhuma biyya bulchu irraa jijjirama eegurra, ofiifis socho’uun dhibbaa godhuu qabu. Fakkeenyaaf daandii cehuumsaa hordofamuu qabu jedhan qopheessanii, ofii irratti waliigalanii ummataafi mootummaaf dhiheessuu qabu. Kun dirqama isaanii akka bahaniifi adeemsa cehuumsaa karaa isaaniif ta’u qabsiisuuf isaan fayyada. Paartii biyya bulchaa jiru kan harkifataa jiru irrattis dhiibbaa uumuun saffisaan cehuumsa akka fidu dirqisiisuu danda’u. Ciisanii, faca’anii mootummaa eeganaan garuu isaaniis qaamuma cehuumsa ghufachiisu keessaa tokko ta’u.

Namni keenya taaytaa qabateef aktivistoonnis ta’ee ummanni ejjannoofi murannoo bilisummaaf qabnu jijjruun kasaaraa guddaa fida. Akeekni qabsoo sirna siyaasaa ummata keenya hundaaf ta’u jaaruufi malee obboleessa ykn obboleettii teenya takka taaytaarra keenyee deebi’uufi miti. Namoota taaytaa irratti bayan kana qabnsoon dhiibnee akkuma baafne, biyyattii gara sirna domokraasitti ceesisanii bilisummaa waraa ( sustainable) fiduuf akka nu gargaaraniif qeeqaafi xixxaa cimaa babrbaachisa. Dhibbaan akkanaa ammuma ganamaan finiinuu baannaan qondalonni kun of dagachuu, harkifachuufi dogongora uumuun humna ummataa qisaasaa deemu. Badii xixiqqoo har’a uuman ghuddifne itti agarsiisuu baannaan, badi gurguddaa boru uuman xiqqeessanii laaluuf deemu. Badii  xixiqqaa har’aatirraa qeeqaan sirreessuu dandeenya ta’a. Badii gurguddaa boruu hin dandeenyu. Isaanis laamshessee qabsoo tanas kasaarsa.

Waliigalatii hireen Morsii mudatte MM Abiy mudatuu maltiin  soodaa guddaa ta’uu baatus, hireen cehuumsi kun gufachuu bal’aadha. Muummichi Ministeeraafi waahillaan isaa deeggarsaafi shubbisa ammaa kanaan of dagatanii saffisaan tarkaanfii gara cehuumsaa geessu fudhachuu baannaan humni ummataa ol isaan baase harca’aa jilba isaan buusaa deema. Erga humni harca’ee booda tarkaanfii sirreeffamaa  fudhanna yoo jedhan humna warra jijjirama diduutin caalamu. Gaafas filannoo lama qabu. Takkaa humna xiqqaafi harca’een  falmaa seenanii akka Morsii moo’amuu, ykn ammoo humna waraanaafi tikaa Wayyaanetti harka kennatanii ashaanguliitii ta’u. Kanaafuu warri taaytarra jirus saffisaan daandii cehuumsaa saaquu, warri sirnichaa alaas isaanirrattii dhibbaa gochaa, ofiifis qophaayuun barbaachisaadha. Warra taaytaa qabateen jaalatamuuf harka dhawuunifi, dhaabbilee mormitootaa ciisaa jiran lafatti laaluun gatii guddaa nu kafalchiisa. Ani tiyyaa warra taaytaa qabatetti ibidda qabuu, mormitoota ciisanitti bishaan qorraa naquun hirribaa dammaqsuu filadheera. Teeysan mooji!!

Wednesday, April 25, 2018

Jawar Mohammed irraa

Hoggansi OPDO maalif LYM kaasuu hin barbaanne? 

LYM ni kaasan jennee osoo abdannuu torban dabre keessa walgahii Adaamaafi bakkoot biraatti godhame irratti barbaachisummaa labsii kanaatu dabballootatti himamaa ture. Hoggansi ol'aanaan OPDO durumarraa labsii kana paartilee EPRDF biroo waliin guututti deeggaruu isaa ni yaadatama. Kanarraa ka'uun jarri kun LYM kana tursuuf fedhii akka qaban jala murree dubbachuu dandeenya. Sababani isaanii maali laata? 

1) Caasaan isaanii jidduugaleessaafi gara gadii takkaahuu tarkaanfii Qeerrootiin barbadaayeera ykn ammoo sirnicha ganee ummatatti makameera. Kanaafuu LYM kanaan humna waraanaatiin fayyadamanii caasaa san deeffatanii jaaruu barbaadan. Kun abshaalummaadha. Nama isaan mormu komaand poosiitti eeran qabsiisuun ukkaamsu. Garagalanii nuu miti komaandi poostiidha jechuun komii jalaa of baasu. Kana jechuun hanga komaandi poostiifi Qeerroon wal atakaaranuu OPDO deebitee of jaaruu feeti.

2) Akeekni OPDOn labsii kana tursuu feetuuf kan lammataa OFC/KFOn akka ummata keessa socho'ee of jaaree jabaatee filannoo itti aanuuf hin qophoofne sakaaluudha. LYM kun paartileen mormitootaa akka walgahii hin yaamne, ummata hin jaarree dhoorga. OPDOn filannoo itti aanuuf qophaayaa jirti. Filannoo dhugaa kan walaba ta'eefi paartiin cimaan isanin dorgomuuf humna horate keessatti ni moo'amna jedhanii sodaatu. Kanaafuu LYM warra gaafa filannoo isaaniin falmuu danda'u sun akka of hin jaarree ugguree laamshessee tursiisa. Guyya filannootiif ji'oonni muraasni yennaa hafu fakkeessuudhaaf akka socho'an hayyamanii moo'achuu fedhu. Hubadhaa, filannoon gandaa, aanaafii namootaa Caffeefi paarlaamaa federaalaa keessaa hirdhatan itti guutanii silaa Caamsaa kana ta'a. Filannoo kanatti ni moo'amna jedhanii waan sodaataniif LYM sababeeffachuun bara dhufutti dabarsan. Gaafa LYM kun ka'utti filannoon sun dhihaatee jira. KFOn keessattu sadarkaa aanaafii gandaatti sirritti of jaaruuf yeroo hin qabaatu. Kun ammoo OPDOn moo'adhe akka jettuuf hiree kennaaf. Yaadadhaa KGG OPDO paartilee mormitootaa biyya jiraniifi kan alaa hunda waliin hojjanna jettee erga ibsa baaftee ji'a 4 ta'aa jira. Hanga ammaa garuu paartii biyya jirus ta'ee kan alaa waliin haasaa sirna tokko akka hin eegalin mirkaneeffadheera. Akkuma KFO amma LYM laamshessitee erga filannoo jala gahamee fakkeessuuf gadi lakkiftuu, warra ala jiraniis filannoof jiini muraasi erga hafee galaa jechuuniif deemu. 

Kun waan OPDOn tooftaa OPDOn baafattee ittiin socho'aa jirtuudha. Garuu yaada isaanis ummata keenyas miidhuudha. Paartiin cimaan Oromiyaa keessatti jiraachuun OPDO Wayyaanota biratti gatii dhabsiisa malee hin jabeessu. Kabaja har'a EPRDF keessatti argatte kana kan horatte sababa Qeerroon humna cimaa ta'ee as baheefi. KFO laaffisuun OPDO osoo hin taane TPLF deebitee akka cimtu godha. Akkasumas LYM kaasuun dirree dimokraasii bal'isanii fedhiin ummataa fincila irraa gara paartii ijaarameetiin akka deemu gochuun tasgabbii OPDOn waywaataafii ooltuuf murteessaadha. Dirreen dimokraasii dhiphatee paartileen laamshayanii turraan ummanni ammas sadarkaa hawaasaa ( civic society) tti hoggansa sochii Qeerrootiin qabsoo isaa itti fufuu malee filmaata biraa dhaba. Waliigalatti LYM deeggaruudhaan tarsiimoon OPDOn hordofaa jirtu, dogongoroota MM hojjataa jiruun walitti dabalamee,  kan ishiifi ummata Oromoo bifa haaraan walitti buusee, Wayyaanetti lubbuu horuudha.  waan kana ta'eef hoggansi OPDO ofii jedhee qalbii horachuun LYM safisaan akka kaasu gorsina.

Sunday, April 15, 2018

Biyyaaf Malee Biyyeef Hin Qabsoofne[ Sheikh Aadam Tuulaa]

Biyyaaf malee biyyeef hin qabsoofne Sheik Adam Tula Seenaa gabaabaa Muftii Sheekh Aadam Tuulaa (Rahimahullah)  Sheekh Aadam Ahmad Hammarroo ...