Barreeffama "Dalagaa Haa qodannu" jedhu kunoo bifa pdf isiniif maxxanse. Buufadhaa.https://t.co/8aBu7NT6Q1 https://t.co/8aBu7NT6Q1— Jawar Mohammed (@Jawar_Mohammed) May 6, 2018
Jijjiramni saffisaan waggoota muraasa dabran keessatti argame falmattoota mirga Uumata Oromoo jidduuti jijjirama hiriiraafi hariiroo (re-allignment) fidee jira. Akkuma barruu kaleessa dhimma hariiroo OPDO fi Qabsoo Bilisummaa Oromoo ( QBO) ilaalchisee dhiheesse keessatti eeretti, waggota muraasa dabran kana OPDOfi QBO jiddutti tumsi tooftaa (tactical alliance) uumamuu isaa agarsiisuu yaaleen jira. Tumsi lameen jidduutti uumame kun gama lachuufuu faaydaa kan buuseefi keessattuummoo OPDO yeroo gabaabaa keessatti gara Paartii biyya bulchituutti akka ol guddattuuf gumaacha guddaa akka godhe ibseera.
OPDOn QBO waliin tumsa tooftaa uummatte tun taaytaa qabachuun ishee daangaa mooraalee siyaasaa Oromoo hamma tokko diddiiguun uummata keenya jidduutti afaanfajjii (confusion) uumee jira. Afaanfajjiin kunis ummata keessatti cinqama (frustration) uumaa akka jiru mallattoon tokko tokko mul’achuu eegaleera. Afaanfajjiin uumamaa jiru kuni waanuma milkaa’inni qabsoo keenyaa fide akka ta’ettin ilaala. Qabsoon adada cimaafi jabaachaa adeemtun jijjiiramoonni akkanaa dhufuun isaanii waanuma hin oolledha. Haa ta’u malee jijjiirama dhufaa jiru kana waliin tarkaanfachuudhaan yaaddoo uummata keenya keessatti uumamaa jiru hir’isuuufi miidhaa qabsoorra gahu hambisuun barbaachisaadha.
Haala qabatamaa yeroo ammaa keessa jirru irraa ka’ee yoon ilaaluu qabsoo keenya injifannoodhaan galmeesuudhaan hawwiif abdii sabaa galmaan gahuuf hundumti keenyaa haala dandeenyuun gumaacha godhuutu nurraa eegama. Akkan ani ilaalutti kallattii qabsoo sadihiin ( miira dorgommiitinis ta’ee wal deeggarsaatiin) osoo bobbaanee qabsoo keenya gara goolabbiitti geessuu ni dandeenya jedheen yaada.
Kallattiiwwan qabsoo sadeen
- Paartii Biyya Bulchaa Jiru Jalatti Hiirirudhaan Deeggarsa Qabatamaa Kennuu
- Paartii Mormitootaa Jalatti Hiriiruu;
- Rogeeyyummaa Irratti Hirmaannaa Godhuu;
Kallattiiwwan qabsoo sadeen kana tokko tokkoo isaanii bal’inaan haa ilaalluu;
A. Paartii Biyya Bulchaa Jiru Jalatti Hiriirudhaan Deeggarsa Qabatamaa Kennuu;
OPDOn erga hoggansa Obbo Lammaa Magarsaa jalatti gara QBO gorte booda deeggarsa guddaa horachuu akka dandeesse shakkiin hin jiru. Namoonni yeroo dheeraadhaaf sirna sanirratti qabsaayaa turaniiyyuu jijjiirama inni mul’iseen hawwatamanuu dandahaniiru. Yeroo gabaabaa keessatti biyya alaas ta’ee biyya keessatti deeggartoota hedduu of jelatti hirirsuu dandahaniiru. Inumayyuu sanarras dabree namoota OPDO irratti qeeqa dhiyeessan hamma balaaleffachuutti gahaa jiru.
Deeggarsi amma mul’achaa jiru kun hojii qabatamaa ta’een yoo deeggarame dhaabichaafis ta’ee qabsoo keenyaafis faaydaan inni qabu ol’aanaadha. Haa ta’u malee kuni tahuu dhabee deeggarsi kennamuuf kan ololaa qofa taanaan OPDOn akka of dagattu taasisa, qabsoo keessattis waldhibdeen hin taane akka uumamu karra saaqa. Kanaafuu namoonni biyya keessaafi alatti OPDO deeggaruu feetan, tumsi keessan hojii qabatamaa taheen osoo deeggaramee faaydaa guddaa qabaata ilaalcha jedhun qaba.
Hanqina guddaa OPDOn qabdu keessa tokko humna nama barateefi sabboonummaa hidhate dhabuudha. Hoggansi OPDO gubbaa hamma gaditti jiru sadarkaan barumsa isaaniis ta’ee muuxannoon isaanii mamsiisaaf wal mormisiisaadha.Gama sabbonummaanis yoo ilaalle namoota muraasa malee hedduun isaanii waan sabboonummaan taate hin beekan. Kanarraa kan ka’e quuqamni saba isaaniitiif qaban baay’ee gadi aanaadha. Miidhaa uummataa hubatanii, sirriitti foo’anii furmaata barbaachisu kennuudhaaf dandeettiis kaka’umsas warra qabanii miti. Kanaafuu qaamni halaala irraa deeggaraa OPDO fakkaatu kan barumsa gaarii, muuxannoo madaalamaafi fedhii qaba kan ufiin jedhu hundi osoo isaanitti makamee dhaabbicha keessattis jijjiirama fiduudhaan qabsoon bilisummaa Oromoo akka cimtu godhuun barbaachisaa dha.
Yeroo kanatti halaalarraa tifoozoo ta’uun OPDOtifis ta’ee qabsoo bilisummaa Oromootiif faaydaan buusu tokkos hin jiru. Akkuman asii olitti ibse qaamni haqaan jijjiirama fiduu barbaadu itti makamee ishee deeggaruun faaydaa ol’aanaa qaba. Keessattuummoo namoonni dameelee barnootaa bulchiinsaa ( Leadership, governance, and public administration) seera ( law ), imaammata uummataa ( public policy) baratan gama kanaan tumsa ol’aanaa godhuu ni danda’u jedheen yaada. Dabalataanis kanneen barnoota biroo baratanis beekkumsa, dandeettiifi muuxannoo qaban osoo dhaaba ittiin tumsanii faaydaa ol’aanaa qabaata. Lammaa cinaa dhaabachuufii gargaaruun baay’ee barbaachisaadha. Kanaaf immoo waan danda’aniin tumsa/deeggarsa kennuun deeggarsi gara hojii qabatamaatti akka ol guddatu taasisa.
Har’arratti OPDOn dhaaba biyya bulchituudha. Deggarsa waaraa ( sustainable support) kan argachuu dandeessu hojii qabatamaa hojjachuudhaan rakkoo siyaasaa, diinagdeefi hawaasummaa yoo furuu dandeesse qofa. Paartii mormituu osoo taatee waan garagaraa hedduu waadaa seenanii uummata ofjalatti hiriirsuun hamma aangoon argamuu turuun ni danda’ama ta’a laata. Guyyaa aangoorra dhufan garuu deeggarsi waadaafi olola irratti qofa hundaa’e laga nama hin ceesisu. Deeggarsi kan itti fufuu danda’u waadaan galame yoo eegameefi jijjiiramni qabatamaan yoo mul’ate qofa.
OPDO bara dabre hoggansa Obbo Lammaa jalatti ejjannoofi amala mormituu mootummaa federalaa ta’uudhaan dhiyaattee turte. Amma garuu taaytaa naannoofi federaalaa waan qabatteef uummata kan ofjala hiriirsitee deeggarsa qabdu itti fufsiisuu dandeessu waadaa seenuu qofaafii jechoota hawwatoo ta’aniin uummata maalalchiisuu qofaanii miti. Kanaafuu warri isaan deeggaran kan beekkumsaafi muuxannoo qaban itti mootummaatti makamuuun abdii OPDO irratti horatan kana gochatti jijjiruu irratti gargaaruu qaban. Kana dhiisanii sirnichaa ala taa’anii dibbee hiddii dibanii iyyisiisa iyyaa oolun OPDO ni qancarsa malee hin fayyadu. Paartii biyya bulchutti cehe ( governing party) kan humna (capabilities) waan ummanni irraa eegu ( heightened expectation) san bakkaan gahuu dandeessisu hin qabne hojiin deeggaruu dhiisanii yoo harkuma dhayaniif ummata keessatti hawwii dhugaa irraa fagaate (unrealistic expectation) akka uumamu, paartiin sunis of-hubannaa of goyyomsuu (distorted self-perception) akka horatan godha. Kun ammoo ummanni hawwii sobaatiin guutamee ka’e, waan hawwe san yeroo gabaabaa keessatti paartiin biyya bulchu sun guutuufi baannaan, akkuma abdiin faana hiriire san qalbiin cabdee gara mormiitti deebi’a. Kanaafuu abdiin OPDOfi hoggansa isaanirraa qabdan akka galma gahu yoo feetan deeggarsa/tifoozoo afaanii irraa gara deeggartoota hojii qabatamaatti ce’uutu isinirraa eegama.
Hoggansi OPDOs warra haaraatti isin deeggaruu eegale kaadiree dibbee dhoftu gochuurra ofitti makaatii hojii ogummaafi barnoota isaaniitiin madaaltu itt kennuu. Asirratti waan bara 2005/6 ta’e tokkoon yaadadha. Yeroo san biyya Singaapore akkasumas Ameerikaa irraa ganna ganna deddeebi’een hojii qowanno hojjadha ture. Yeroonis bara ADWUI/EPRDF filannoon moo’amee lubbuun itti dhuftee waan tureef, OPDOn sabbonummaafi sabboontota Oromoo diinomsuu irraa gara hawwachuutti tooftaa yeroo jijjirtee ture. Walgahii Adaamaatti barattoota yuniversitii waliin OPDOn gootu keessatti qondaalonni OPDO ‘jijjirama yoo arguu feetan nutti dabalamaa isummaan argamsiisaa. Nama barate hin qabnu’ jechaa turan. Barattoota jidduu falmaa guddaatu ture. Garri tokko OPDOn nu sobdi malee gara ishiin humaa hin dhufu jedhan. Gariin mee itti siqnee laalla jedhan. Dhuma walgahii irratti namni hammi tokko seenee aanaa hamma naannotti beaurocracy keessa seene. Kaqn achiin dhidhfamee bade akkuma jiru warri jajjaboon jijjirama har’a OPDO keessatti muldhateef shoora taphatanii jiru. Dhiheenya kans namoonni itti dabalaman gargaaruu yaalaa jiran.
Irra deebi’en jedha. OPDOn taaytaa biyya bulchuu qabattee jirti. Gahumsa biyya bulchuu garuu hin qabdu. Hoggansi ishiis kana waan waakkatu natti hin fakkaatu. Dhaabni kun rakkina dabballee hin qabu. Dabballee miliyoona shan galmeeffatee mindaa nyaachisa. Kan dhabe humna namaa beekkumsa, muuxannoofi sabboonummaa/ quuqama qabuudha. Maarree obbolaan keenya amma OPDO haaraatti deeggaraa jirtan, qeeqa keenya jara irraa tiiksuu dhiisaati, dhugaatti yeroof beekkomsa keessaniin of kennaa dandeetti bulchiinsaa paartii sani humneessaa hojjadhaa hojjachiisaa. Kana gochuu baatanii afaan qofaan faarsuufi qeeqxota ishii tti dallanuutti yoo murtooftan kuftee isin qaanessiti. Hubadhaa, miidiyaalee irratti hojii OPDO jajjabeessu hojjachuun faaydaa hin qabu jechuu miti. Hojiin uwwisa midiyaa kamiiyyuu faaydaa waaraa kan qabaatu yoo gocha qabataamaan muldhatu calaqqiseedha. Ololli bu’aa buusu kan hojii qabatamaa tokkotti baatrii itti ibsee cululuqsee agarsiiseedha. Kanaafu beekkumsaafi muuxannoon jara gargaaraa hojii gaggaarii isaan qabatamaan dalagan yoo jiraate ragaa waliin agarsiisuutu irra fayyada. Saniin alatti afanuma har’a faarsaniin abaaruutu dhufa.
B) Paartii Mormitootaa Seenanii Jajjabeessuu
Akkuman kaleessa eere qabsoo tana bakka ishiin amma geesse irraa fuulduratti furguggeessuuf OPDO qofa qeequufi eeguun faaydaa hin qabu. Dhaabbilee mormitootaa dhiibuufi jajjabeessuun barbaachisaadha. Hojii dhaabni KFO dalaguu qaba jedhee yaadu irratti waa katabuuf kaniin waadaa gale karaa jira. Ammaaf garuu falmattoonni haqaa adeemsi OPDO hin hawwatin, akkamiin dhaabbilee mormitootaa gargaaranii faaydaa buusan kan jedhurrattin qabxii lamaan takka dhiheessuu fedha.
Namoonni OPDO irraa abdii hin qabne, kan garuu ammoo dhaaba siyaasaa keessatti hammatamanii qabsoo tanaaf tumsuu barbaadan filannaan biraa qaban dhaaba mormituutti dabalamuudha. Dhaabbile mormitootaa jiran keessaa dhaabni maxxantummaa irraa walabaafi yeroo ammaatti lafarratti hojii qabatamaa (operationally) kan hojjachaa jiru KFO waan ta’eef dhaabuma san mee akkamiin jabeessuun danda’ama kan jedhurrattin fuulleeffadha. Qabsoon mirgaa Oromoofi biyya Itoophiyaa sanii reefu sadarkaa biyya jaaruu ( state building) irraa gara dimokraatessittu cehaa jirti. Gara dimokraatessuu (democratization) ni ceetu moo duubatti dhigigaatti kan jedhuu iyyuu shakkiidha. Ammatti wanti ifatti agarru biyya takka dimokraatessuuf haalduree kan ta’e dirree siyaasaa baldhisuu ( liberalization of the political sphere) eegaluu isaati. Boqonnaan itti aanu kan sirna mootummaa dimokraatessuuti. Itti aansee ammoo sirna dimokraatawaa jaarame san hidda isaa gadi fageessuu ( democratic consolidation) gaafata. Dirreen siyaasaa baldhachuu eegale akka daran jabaatuuf, tarkaanfiin dimokraatessuu saffisaafi bifa amansiisaan akka eegaluuf, sirni dimokraasii dhaabnu ammoo hidda akka gadi dhabbatu nu gargaara.
Akumma armaan olitti OPDO irratti kaafne KFO gargaaruufis jabinaafi laafinni jaarmaya kanaa maali kan jedhu sirritti xiinxaluu feesisa. Xiinxala irraa - gubbaa ( generalized) amma ani godhaa jiruun yoo ilaalle, ciminni KFO fudhatama maqaafi hoggansi isaa qabuudha ( legitimacy and credibility). Bu’ureessitoonni dhaabbilee lamaan KFO uumanii ( KBO fi KFBO) Dr Mararaa Guddinaafi Obbo Bulchaa Dammaqsaa hayyoota saba kana keessatti ulfina guddaa qabaniidha. Ulfina kana ammoo oduun osoo hin taane hojii waggota dheeraa sabaafi biyyaaf hojjataniin horatan. Jara lamaan qofa osoo hin taane hogganni isaan jalaan biqilan, kan akka Baqqalaa Garbaa, Olbaanaa Leellisaa, Dajenee Xaafaa, Addisuu Bullaallaa, Dastaa Dinqaa Mulaatuu Gammachuufi kkf qabsoo baroota as aanaa kana keessatti hoggansa hojiin madaalame kennuun dinqisiifannaafi deeggarsa guddaa saba biraa horatanii jiru. Hoggansa hojii qabatamaan madaalamuun deeggarsa horatan qabaachuun jabinaafi horoo (asset)guddaa jaarmaya tokkoti.
Laafinni KFO guddaan caasaan issaa gubbaa hamma gaditti kan sirritti diriiree, ijaarameefi humna horate ta’uu dhabuudha. Sababni laafina kanaa waan lama. Kan duraa sirnicha abbaa irree sodaa dorgommii qabuun dhaaba KFDO kana akka malee hacuuccaafi caasaa isaa diigaa turuu isaati. Kan lammataa ammoo ummanni keenyas yeroo dheeraaf irra jireessatti qabsoo hidhannoof dursa waan kenneef jaarmayaalee qabsoo nagayaatti hirmaatan leeccalloon ( materially) deeggaruu keessatti laafina qabaachuudha. Kanaafuu gargaarsi KFO barbaachisu lama jechuudha. Kan duraa roorroo mootummaan irraan gahu irraa faccisuu yoo ta’u kan lammataa humna jaarmaya sanii cimsuudha. Roorroo mootummaan irraan gahu faccisuuf ummanni hundi shoora taphachuu qaba, ni danda’as.
Adeemsi amma OPDOn itti jirtu kan LYM labsuun ofii duula na jaaladhaa geggeessaa KFO sakaaltee qabdee kun dhaabbachuu qaba. San bira dabres KFOn biyya keessa akka barbaadetti nagaafi bilisaan socho’ee akka of gurmeessu dandeessisuuf mootummaafi paartii biyya bulchu irratti dhiibbaa gochuu feesisa. Cehumsa sirna dimokraasii keessatti seerotni dorgommii siyaasaa (rules of the game) kan paartii biyya bulchu qofaan qophaayan taanaan yoomiyyuu fillannoon haqaa hin geggeeffamnu. Kanaafuu adeemsa, seera, gabatee yeroofi hoggansa filannoo irratti sadarkaa Oromiyaatti KFO, OPDOfi ogeeyyi roga sanii hirmaachisuu akka qaban paartii biyya bulchu dirquu feesisa. Sadarkaa federaalattis mormitootaafi ADWUI walqixa akka hirmaatan gochuu barbaachisa. Kanaafuu warri KFO jabeessuu barbaadan hojiin tokko paartii biyya bulchaa jirurraa dhiibbaa gochuuf duuluun dabalatee gama ogummaatiin dokmantilee hojii kanaaf barbaachisan KFOn akka qopheessu gargaaruudha.
Akkuma reefu jenne KFOn caasaan isaa jalaa hanga gubbatti haleellaa diinaatiifi deeggarsa leeccalloo dhabuun laaffatee jira. Kana jabeesuuf ilmaan oromoo sabaaf quuqaman kan akka miseensa jaarmayni siyaasaa hirmaachuu barbaadan KFOtti makamuun cimina dabaluu danda’u. Hirmannaan godhamu garuu kanuma xalayaa miseensummaa guutuun ciisan osoo hin taane beekkumsa, dhageettiifi muuxannoo qabaniin akka gurmeessaa( organizer), tarsiimoofi karooraa baasuu (strategic planning), deeggarsa maddisiisu (resources moblization) irratti hirmaachuu barbaachisa. Kan biyya keessa jiran waan kana hunda gochuu danda’an. Kan biyya alaaammoo yoo danda’an galanii itti makamuu yoo hin taane ammoo ala kanatti bifa deeggarsaatin ( support base) ijaaramanii leeccalloo walitti aansee dhaqu maddisiisuu qabu. Dimshaashatti QBOtiif faaydaa akka buusan yoo feene, OPDOnis ta’ee KFOn deeggarsa qabatamaa humna, beekkumsaafi muuxannoo guddaa isaan barbaachisa. Kanaafuu warri jaarmayaalee kanatu irra fayyada jedhanii amanan, deeggarsi isaanii kan afaanii qofa osoo hin taane kan qabatamaa ta’uu qaba. Oduun baay’ate garaa nama bokoksa ta’a malee beela nama hin baasu. Akkamiin KFOn daran cimuu danda’a kan jedhurratti barruu biraa waanin qopheessaa jiruuf ammaaf asumarrattiin irraa bu’a.
C. Aktivistummaa Irratti Hirmaachuu
Karaan qabsoo tana ittiin gargaaraan tokko paartii biyya bulchaa jirutti makamuu ykn ammoo paartii mormituutti dabalamuun beekkumsa, humnafi muuxannoo qabaniin hojii qabatamaa hojjachuu akka ta’e kaayeera. Warri dhaaba siyaasaa keessatti hammatamuuf fedhii hin qabne hoo? Warri akkasii bifa rogeeyyii (activist) jennu jalatti socho’u. Hojii bifa rogeeyyiitiin dalagamuu qabu bal’inaan mariachuu dura, maalummaa isaa irrartti hubannoo wal qabsiisuun barbaachisaa fakkaata. Jechii rogeeyyii jedhu waggoota as aanaa kana siyaasaa teenya keessatti beekamaa dhufus maalummaan isaafi garaagarummaan dhaaba siyaasaa jalatti jaaramuufi akka rogeeyyii socho’uu ifa waan ta’e hin fakkaatu.
Rogeeyyii/Aktivistii jechuun namoota ummata tokko keessatti dantaa hawaasummaa, diinagdeefi mirgoota siyasaa hirdhatan akka guutamaniif carraaqan jechuudha. Kanas waa’ee dhimma sanii, fakkeenyaaf faalama qilleensaa, irratti hubannoo ummataa jijjiruun dadammaqiinsa uumanii , ummanni qaamota mootummaa ykn kubbaaniyyaalee rakkoo saniif madda ta’an irratti dhiibbaa godhuun dirqisiisee jijjiirama barbaachisaa fichisiisuu dandahuudha.
Akeekni dhaaba jalatti gurmaa’uufi akka rogeeyyiitti socho’uu walfakkaachuu mala. Garuu ammoo caaseffamni, amanamummaan ( loyalty) rogeeyyiifi miseensota dhaabaa garaagarummaa qaba. Warri dhaaba siyaasaa jalatti gurmaa’an kaayyoo, immaamataafi tarsiimoon hoggansaan gubbatti kaayame hojiitti hiiku. Gabaabumatti caaseffamni dhaabbile siyaasaa kan gubbaa-gaditti sadarkaa sadarkaadhaan (heirechically) ijaarameedha. Naamusni hojii isaanii seera bulmaata dhabbatichaatiinn masakama. Gama rogeeyyiitiin yoo deebinee kaayyoon muummeen (grand vision) ummata bal’aa keessaahuu qaamota hawaasaa loogiin irra gahu, humneessuu yoo ta’es imaammataafi tarsiimoo walfakkaataa qabaachuun dirqama miti. Fakkeenyaaf rogeeyyiin hammi tokko eeggumsa naannoo irratti fuulleeffachuu malu, kaawwan ammoo mirga hojjattootaa irratti fuulleffachuun ni malu.
Ijaaramiinsi rogeeyyii dagalee ( horizontal networking) yoo ta’u hariiroon gareelee jidduu jiru hariiroo hojiiti (funtional relationship). Garaagarummaan paartii siyaasaa jalatti gurmaa’uufi akka rogeeyyii socho’uu inni duraa, paartiin qaama hawaasa siyaasaa ( political community) keessatti kan ramadamu yoo ta’u, rogeeyyin ammoo qaama sivil soosaaytii ( civic society) ta’uudha. Adda addummaan biraa ammoo hariiroo isaan mootummaa waliin qabani. Warri paartii siyaasaa gaafa dhaabni isaanii aangorra hin jirre mootummaa ni mormu. Yeroo paartiin isaanii moo’ate taaytaa qabate mootummaa deeggaru. Rogeeyyiin garuu mootummaan fedhe dhufee dabree fuulleffannaan isaanii ajandaan qabatanii ka’an sun hojitti hiikkamuudha. Jecha biraatiin miseensonni paartii dantaa hawaas-diinagdee dhabbataniif galmaan gahuuf dhaaba san ol baasutti amanu. Dhaabni sun taaytaa siyaasaa qabannaan isaanis sarkaadhaan taaytaa qabatanii ajandaa san hojitti hiiku. Rogeeyyin garuu abbaan fedhes bahu dhiibbaa irratti godhguun ajandaa isaanii san akka hojitti hiiku duula geggeessuu osoo addaan hin kutin itti fufu.
Asirratti rogeeyyiin paartii A irra kan B osoo qabatee ajandaa isaanitiif naatoo nuuf qabaata jedhanii tilmaamuun filannoo keessatti tokko deeggaranii kaan mormuu akka tooftaatti fudhachuu malu. Ammoo paartiin isaan filannoo keessatti deeggaran sunuu yoo filame akka miseensota paartii mormiifi dhiibbaa mootummaa irratti godhan hin dhiisan. Daranuu cimsan malee. Garaagarummaan biroo ammoo miseensonni paartii tarsiimoofi karoora hoggansi baasuun ajandaa jaarmayaa hojitti hiiku. Rogeeyyiin ammoo yero yeroon ajandaafi tooftaa qabsoo jijjiiruun mootummaafi paartii aangoo harkaa qaburratti dhiibbaa godhu. Fakkeenyaaf bara dabre Lammaa Magarsaa ‘ yero yeroon ajandaa nutti uumaa nu rakkisan’ jedhee komachaa ture. Hojima rogeeyyitu sani. Ajandaan tokko duulaan yennaa bakka gahe, deebitee hin teessu, ajandaa biraa baasun duulli haaraan geggeeffama. Yaadadhaa qabsoon dantaa sabaafi mirga lammiileef godhamu yoomiyyuu hin goolabamu. Dhalootaa dhalootatti dabra. Kanaafuu rogeeyyii jechuun hojii umrii guutuu diddaa deemsisuuti ( activism is an act of permenent protest, resistance and advocacy). Waliigalatti Qabsoo sirna domokraasii gadi dhaabuufi san boodas mootummaan dimokraatawaa dantaa ummataaf dursa kennee akka hojjatuuf civil society ( jaarmayaalee hawaasaa) cimaan barbaachisaadha. Rogeeyyiin qaamota civil society keessaa tokko. Jaarmayaaleen hawaasaa wabii sirna domokraasiiti kan jedhamuuf. Jaarmayaaleen hawaasa hojii isaanii gahuumsaan akka geggeessaniif ammoo mootummaafi jaarmayaalee siyaasaa irraa walaba ta’anii hojiin waltumsaa demuudha.
Erga rogeeyyummaa/actvism irratti hubannaaf hammana jennee mee amma immoo rogeeyyiin Oromoo qoodni amma booda qaban maal ta’uu qaba yaada jedhutti haa deebinu. Akkuma namuu beeku qabsoo bifa harayaan baroota afran dabran kana hoo’e keessatti rogeeyyiin shoora gaarii taphatan. Akkuma sila jenne milkaa’ina qabsootiin jijjiramni dhufe rogeeyyii keessatti dabalatee humnoota siyaasaa Oromoo keessatti jijjirama ( reallignment) fidee jira. Kanaafuu tarkaanfiin duraa aktivistiin tokko fudhachuu qabu filannoolee sadan armaan olitti tarreessine keessa kam keessatti osoo hirmaate bu’aa akka buusu of gaafatee of amansiisuudha. Lakki paartii biyya bulchuufi kan mormituu keessa seenuu hin fedhi bifa aktivisitiin itt fufa hoo jedhe hojiin nu eeggatu kan armaan gadiiti.
Akkuma asii olitti ibse biyyi sun imala gara dimokraasitti gootu keessatti reefu sadarkaa dirreen siyaasaa bal’achuu ( liberalization of political sphere) bira geenye. Kanaafuu hojiin guddaan rogeeyyii dirreen siyaasaa tun deebitee akka hin dhiphanneefi saffisaan cehuumsi gara dimokraasii guutuu akka geggeeffamu taasisuudha. Kana gochuuf ammoo dhibbaan ummataa daran akka cimu kakaasuufi gurmeessuu barbaachisa.
Sababni guddaan LYM akka ka’u, labsiileen dirree siyaasaa dhiphisan kanneen akka labsii shoororkummaa, miidiyaafi jaarmayaalee hawaasaa akka ka’an, mormitoota waliin mariin sirnaa akka eegalu OPDOfi ADWUI irratti dhiibbaan cimuu qaba kan jennuuf. Qaamni cehuumsa mijeessuu akka dhaabbatu, Yoo milkoofnee gara dimokraasii ceeneyyuu sirna dimokraasii utubuuf ( dimocratic consolidation) keessattuu hojiin rogeeyyii daran jabaatee itti fufuu baannaan of duuba deebi’uutu dhufa. Fuula cehuumsi gara dimokraasii goonu akka milkaa’uuf cinaattis dantaa addaa ( special interest) saba keenyaas geggeessuu qabna.
Fakkeenyaaf saamichi Oromiyaa akka dhaabbatu, kan hamma ammaa saamame akka deebi’u, mirgi abbaa biyyummaa Finfinnee, Dirree Dhawa, Mooyyale irraa qabnu, dantaan ummanni keenya magaalaa Harar irraa qabu kkf akk furmaata argatan gochuun barbaachisaadha. Hubadhaa, yeroo cehuumsaatti mootummaan laaftuudha; kana jechuuf harka miicciiruun gaafilee ummataaf deebii kennisuu haalli kennataadha. Walumaagalatti boqonnaan qabsoo itti aanu hirmaannaa cimaa rogeeyyii barbaada. Dirqama kana milkaaninaan bahuuf rogeeyyiin maxxantummaa dhaaba siyaasaatirraa walaba ta’uun, tarsiimoon masakamaa, tooftaa isaanii haala waliin jijijjiraa deemuu qabna. Hunda caalaa waan qalbiin yaadnufi afaaniin dubbannu saffisaan gochatti jijjiraa tarkaanftuun baay’ee barbaachisaadha.
Goolaba
Walumaagalatti haala qabatamaa amma keessa jirru keessatti eddoo jijjiirama fiduu dandeenyuun ololaaf holola qofaan wanti fiduu dandeenyu tokkoyyuu hin jiru. Hundumti keenyaa gaheelee sadeen asii olitti tarreeffaman keessaa kan fedhii, beekkumsa akkasumas muuxannoo keenyaan waliin adeemu filachuudhaan keessatti hirmaachuun baay’ee barbaachisaadha. Akkuman olitti sirriitti ibse OPDO jijjiirama hoggansa Lammaa jalatti mul’ise akka cimee hojjatuufii itti fufiinsaan hojjatu qaamni dandahu waan dandahuun bira dhaabbachuu qaba. Keessattuummoo OPDO hanqina nama barateefii sabboonummaa qabuu waan qabduuf namoonni dandeettii qabdan kanneen quuqamni sabaa isinitti dhagahamu dandeettiinifi muuxannoon qabdan akkasumas fedhiin keessan jira taanaan itti makamtanii dhaabichas qabso bilisummaa Oromootis tumsuutu isinirraa eegama.
Gama birootiin qaamoleen har’as taanaan ejjannoof ilaalchi keessan OPDO dhaafis ta’ee hoggansa dhaabichaa irratti shakkii qabdan dhaaba siyaasaa mormituu keessatti hirmaachudhaan deeggarsa godhuun baay’ee murteessaadha. Keessattuummo haala amma jiruun paartiin siyaasaa Oromiyaa keessatti hojiirra jiru KFO tahuu isaatiin walqabatee dhaabni kun kallattii hundaanuu akka cimuuf tumsa garagaraa godhuun baay’ee fayyada. Dhaabichi miseensota hedduu akka horatu, leeccaaloo ittiin socho’u gahaa akka qabaatu, sadarkaa sadarkaadhaan uummata gurmeessuuf haalli akka isaaf mijatu, eddoo garagaraatti waajjira banatee socho’uu akka danda’uuf cinaa dhaabbachuun baay’ee murteessaadha. Bifuma wal fakkaatuun rogeeyyiin/aktiivistoonni keenyas dhimmoota saba keenyaa ilaallatan garagaraa, keessattuummoo kan yeroo waliin adeeman irratti xiyyeeffachuudhaan gorsa walabaa (independent consultancy) kennuudhaan jajjabeessuu danda’u.
Kanaafuu, hundi keenyayyuu kallattiiwwan tumsa qabsoo asii olitti ibsaman keessaa kan fedhii, dandeettiifi muuxannoo keenyaan wal simatu filachuudhaan qabatamaan Qabsoo Bilisummaa Oromoo saffisiisuutu nurraa eegama. Haallifi adeemsi siyaasaa amma keessa jirru halaalarraa waa’ee qabsoo yaada kennuu/ deeggarsaafi qeeqa ololaa oofuu osoo hin ta’in qabatamaan hojii mul’atu hojjachuu gaafata. Qabsootti daran dhihaatanii waan qabsoo keenya tumsu hojjachuu barbaachisa. Yeroos akka dhuunfaattis, akka gareettis akka sabaattis milkoofna!
Har’aaf kanuma. Ta biraatiin walitti deebina.
Jawar Mohammed
Caamsaa 6, 2018