Waan addunyaa tanarratti taane himachuu osoo hin taane waan addunyaa tanarra tahuuf dhufne beekuutu dirqama.
Monday, February 08, 2021
Waamicha Hiriira Nagaa Qeerroo Oromoo Irraa Kenname
WAAMICHA HIRIIRA NAGAA QEERROO OROMOO IRRAA
Filannoo Oromoon Keessa hin Jirre Oromiyaa Keessatti hin Gaggeeffamu
Uummanni Oromoo cabiinsa isaa jaarraa kudha saglaffaa irraa eegalee mirga isaa deebifachuuf qabsoo
hadhaawaa gochaa yeroo ammaa kana irra gahee jira. Yeroo dheeraa kana keessa carraaleen isa mudatan
ormaan irraa fudhatamanii maraammartoo qabsoo wareegama qaalii isa kaffalchiisan keessa seenaa ture.
Kan baroota durii yoo dhiifne, bara 2006 irraa eegalee qabsoo gaggeesseen ijoollee isaa kumaatamaan itti
wareegee sirna abbaa irree alagaan hogganamu ofirraa gatee jijjirama fiduu danda’ee jira.
Haata’u malee warroonni jijjiirama kana gara sirna dimookirasii fi bilisummaa dhugaattii akka ceesisaniif
amaanaan itti kenname daandii irraa maqsuudhaan sirna abbaa irree haaraa kan alagaa firoomfatee Oromoo
diinomfate ijaaruuf carraaqa jiran. Uummanni, hayyoonni fi hoggantoonni Oromoo deemsi kun dogongora
ta’uusaa hubatanii, gorsanii karaatti deebisuudhaaf yaalanii dhageettii waan dhabaniif mormiidhaan dura
dhaabbachuun dirqama ta’e. Sirnichis akkuma warra isaan duraa irraa baratetti humnaan cabsuuf waraana
bobbaasee Oromiyaa dirree ajjeecha, hidhaafi gadadoo taasise.
Yeroo ammaa kanattis filannoon ni godhama jedhamee hafarfamaa kan jiruu yoo ta’es, haalli Oromiyaa keessa
jiruu garuu dirreen siyaasaa filannoof mijatu hafe bahanii nagaan galuun sadarkaa hin danda’amnerra
gahamee jira. Dhaabbileen siyaasaa saboota biroo dirreen siyaasaa banameefii, waajjira banatanii, bilisaan
socho’anii, kaadhimamtoota qopheeffatanii, miidiyaan hayyamameefii sagantaa isaanii beeksifataa jiru.
Oromiyaa keessatti garuu qeerroo fi qarreen wareegamanii jijjiiramicha fidan mana hidhaatti guuramanii
kanneen hafan biyyaa baqatanii, qaroowwan sabaa kanneen akka Hacaaluu Hundeessaa ajjeefamanii,
paartiileen siyaasaa Oromoo gariin shiraan filannoo irraa haqamanii, kanneen hafan lamaan ABO fi KFOn
waajjiraaleen isaanii cufamanii, miseensotaa fi hoggantoonni isaanii hidhamanii dirreen siyaasaa itti cufamee
filannoo keessaa dhiibamanii bahaa jiru.
Kaayyoo qeerroo fi qarreen kumaatamaan itti wareegaman keessa tokkoo fi inni guddaan filannoo bilisa,
hirmaachisaa fi dimookraatawaa ta’een bakka bu’oota ofii filataniin ofiin of bulchuu ta’ee osoo jiruu, haala
amma jiruun garuu filannichi kan Oromoon keessaa dhiibamee bahee ormi qofti irratti wal filatu ta’uuf
deema. Haala kana callisanii ilaaluun kan itti ulfaate hoggantoonni dhaabbilee siyaasaa Oromoo mana hidhaa
keessa jiran mormii isaanii agarsiisuuf nyaata eega lagatanii guyyoota kudhanii ol ta’ee jira; fayyaan isaanis
haala yaaddeessa keessa jira.
Kanaaf nuti qeerroo fi qarreen Oromoo haala armaan olitti ibsame irrattii hundoofnee guutummaa
Oromiyaatti hiriira nagaa kan waamne yoo ta’uu guyyaa isaa hanga isin beeksifnutti qophii gochaa akka nu
eegdan kabajaan isin beeksifna.
Gaaffileen hiriira kanaa
1. Shirri ajjeechaa Artitii keenya qaalii Hacaaluu Hundeessaa qaama walabaan qoratamee dhugaan isaa
uummataaf ifa ta’ee, yakkamtoonni qaama kanaan adda bahan seeratti haa dhihaatan.
2. Hidhamtoonni siyaasaa Oromoo bakka kamittiyyuu hidhamanii jiran haal-duree tokko malee atattamaan
akka gadi lakkifaman.
3. Waajjiraaleen dhaabbilee siyaasaa Oromoo cufaman marti akka banaman.
4. Guutummaa Oromiyaa keessattii mirgi bilisummaan socho’anii dorgommii filannoo gaggeessuu akka
mirkanaa’u.
5. Boordiin Filannoo Biyyoolessaa loogii fi shira dhaabbilee siyaasaa Oromoo irratti raawwatu akka dhaabu
kan jedhan ta’u.
Guraandhala 1, 2013
Finfinnee, Oromiyaa
Qeerroo Oromoo
Subscribe to:
Posts (Atom)
Biyyaaf Malee Biyyeef Hin Qabsoofne[ Sheikh Aadam Tuulaa]
Biyyaaf malee biyyeef hin qabsoofne Sheik Adam Tula Seenaa gabaabaa Muftii Sheekh Aadam Tuulaa (Rahimahullah) Sheekh Aadam Ahmad Hammarroo ...

-
Silaallee uleen caphee kan Abbaa Gadaa hincaphuu, Beekaa irra kutne malee, seenaann hiyyeeysa hinqabuu.Ja’a Alii Birraa bar kurnee afur...
-
Seenaa ergamaa keenyaa dhalootarraa hanga du'aatti kan maxxanse Jafar Bayan . PDF isaa buufattanii dubbistanii seenaa isaa barach...
-
Biyyaaf malee biyyeef hin qabsoofne Sheik Adam Tula Seenaa gabaabaa Muftii Sheekh Aadam Tuulaa (Rahimahullah) Sheekh Aadam Ahmad Hammarroo ...