Tuesday, October 18, 2022

Biyyaaf Malee Biyyeef Hin Qabsoofne[ Sheikh Aadam Tuulaa]

Biyyaaf malee biyyeef hin qabsoofne

Sheik Adam Tula



Seenaa gabaabaa Muftii Sheekh Aadam Tuulaa (Rahimahullah) 


Sheekh Aadam Ahmad Hammarroo Al-Oromii.

Goodina Harargee Bahaa, Aanaa Kombolchaa, Tuulaa ganda je’amtutti Abbaan Isaa Ahmad Hammarroo Amata 90 dura Ilma Aadam je’ee Moggaase Rabbiin kenneef. Kan booda Sheekha Sheekkootaa tahuuf taa’u.


Inni Ulamaa’ii biyyi teenya qabdu guddichaa fii Hangafa. Barsiisaa ulamaa’ootaa, leenjisaa Ustaazootaa, abbaa ilmaaniiti.

Barnoota Islaamaa joollummaan barachuu jalqabe. Barnoonni Islaamaa Itti Mi’aawee dargaggumma Isaa Beela, Oowwa, qabbana, osoo hin janne barnootumarratti dabarse. Ulamaa’ii akka aduutti dukkanna wallaalaa ibsaa turan hunda irra deemee barnoota Isaan qaban irraa fuudhatee jira.


Sheekootii Isaa Gurguddoo fii Beekkamoo.

Sheekh Abdullaahi Tuqoo Al-Oromii, Sheekh Abdullaahi Tuqoo addeeysaa Aqiidaa fii Sunnaah, Mujaahida Harargee, Arsii fii Baalee Towhiidaan Ibse ture. 


Abdullaahi Tuqoo Bahara beekkumsa Islaamaa, Abbaa Hadiisaa fii Towhiidaa kan miilaan Ilmii barbaada biyyaa bahe, Eegas Doonii yaabbatee garaa Baharaa gubbaa guyyaa 15 Nyaataa fii dhugaatii malee taa’ee Makka gahuu dandahe. 


Biyyaa fii Biyyaa alatti baratee Ulamaa’ii hanga ammaa Towhiidaan biyya teenya Ibsaa jiran barsiisee biraa Akhiiraa gale Rabbi Rahmata haa godhuuf.


Sheekh Aadam Tuulaa Sheekkootii akkanaa tanarraa barate.

Sheekh Ahmad Basiiraa, Inni haafiza hadiisa Rasuulaa ﷺ  kan Ijaan hin agarre ture. Sheekh Ahmad Basiiraa barnoota barachuuf Hararghee ka’ee Jimmaa Abbaa Jifaar hoggaa dhaqu Saahiba Isaatu harka qabee Isaan deemaa ture. 


Waahilli Sheekh Ahmad Basiiraa harka qabee karaa itti garsiisaa, Harargeerraa Miilaan deemaa Jimmaa Abbaa Jifaar guyyaa hedduu booda hoggaa gahan, dhukkubsatee ciise. Maaliif Dhukkubsate beeytaa? Sheekh Ahmad Basiiraa Ijaan waan hin Agarreef saahiba Isaa yeroo hedduu duubaa itti gufataa karaa dheeraa deeman, Waahilli Isaa miilli Isaa gama hirphaa gadiitiin dhiiguu fii Madaawuu jalqabe. Garuu hanga Jimmaa gahanii Obsee deemaanii ture. 


Jimma hoggaa gahan garuu dhukkubsatee baati oliif ciise jedhan.

Sheekni Sheekkootaa Sheekh Aadam Tuulaa Barsiistoota akkanaa hedduu irra deemee irraa barate. Hundi Isaanii Ijaazaa/ hayyamaa barsiisuu fii Fatwaa godhuu kennaniifii gaggeeysan.

Sheekh Aadam Tuulaa haala kanaan barsiisuuf gad taa’e. Amata 60 oliif barsiisaati jiruu Isaa dabarse.


BARSIISUU JALQABUU ISAA:

Sheekni Sheekkootaa Sheekh Aadam Tuulaa Harargee Bahaa Aanaa Dirree Xayyaaraa, Aradaa Suqul keessatti waan amata 30 oliif deemee barate barsiisuuf Majlisa barnootaa/Yuniivarsiitii Islaamaa tan Majlisa Sheekh Aadam Tuulaatiin beekkamtu gad dhaabe.


Sheekharraa baratuuf Ilmii namaa Hararghee, Jimmaa, IluuAbbaa Booraa, Arsii, Baalee, Wallaggaa fii Kafaa irraa lakkoofsa hedduun dhufuu jalqabe.


Sheekni Salaata Subhii booda barsiisuu jalqaba. Hanga Asrii barnoonni adda addaa itti fufa. Nyaataa fii dhugaati wanni je’amu jidduu tana hin jiru. Salaataa fii barsiisuu qofa.

Hadiisaa, Fiqhii, Towhiida, Tafsiira Gosti barnootaa hedduutu baratama. Baratoonni Isaanii 1500 hanga 2000 amata guutuu ji’a Ramadaanaa malee ni baratan.


Sheekni Sheekkootaa Sheekh Aadam Tuulaa Ulamaa’ii akka Isaa hedduutu Isarratti barate. Inni beekaa Hadiisaati. Umrii nama tokkoo waan tahuu amata 60 ol barsiisummaan itti fufanii jiran.


Sheekkootii Isa biratti baratan keessaa Haafiza Hadiisaatii fii barsiisaa Ulamaa’ootaa Sheekh Ahmad Watar, Sheekh Usmaan, Sheekh Aliyyi Fallaanaa, Sheekh Muhammad Zabuur fii Ulamaa’oonni biroo hedduudha.


Sheekkootiin yeroo ammaa majlisa barsiisaa jiran tan Isaan bira hin dabrin waa xiqqoodha. Sheekni Sheekkootaa Sheekh Aadam Tuulaa arrallee hin dadhabne, hin hifanne barsiisuu, gorsuu, Haqa dubbachuu, Aqiidaa Salafaa Qulqulluu facaasuu, warra bid’aa ragaan saaxiluu itti fufee jira. HUB:- (Seenaan Kun osoo isaan lubbuun addunyaa irraa hin godaanin akka Lakkoofsa farnjii bara 2014 barreeffame)


Sheekhni Amata dheeraaf waan barsiisaa jiruuf Abbaa barsiisee, Ilmoo barsiisee, Ilmoo Ilmoo barsiise jira. Suni akkamitti tahe yoo jette? Kunoo dubbiin akkana:-


Sheekha bira darsaan tokko gaafa Inni dura barsiisuuf gad taa’e, Isaa dardaraa bira dhufee baratee Sheekni barsiisuuf hayyameefii biraa deeme. Inni Sheekha tahe kuni Ilmoo dhalee Sheekh Adam Tuulaa biratti erge, Inni kunis baratee biraa bahe, Ilmoo Isaa itti erge, amma kan sadeeysoo kuni Majlisa sheekhaatti barataa jira. 


Amata sagaltama dabran jedhama umriin Isaanii garuu akka nama amata 19tti Halkanii guyyaa barsiisuu fii ifiif dubbisuun dabarsan.

Waan Amantii Islaamaa faalleeysu, Jallinoota adda addaa karaa bareedaa Quraanaa fii Hadiisaatiin Ummataaf ni ibsan.


Sheekni Darasaa qofa osoo hin taane warra biyyaa guutuu Abbaa fii Ilmaanis walumaan sagantaa barnootaa godheefii barsiisaa jira.

Kana hunda wajjiin kitaaballee qopheeysee jira. Gariin Afaan Oromootiin, gariin ammo Afaan Arabaatiin qopheeyfamee jira Maxxanfamuu baatus.


Sheekh Aadam Tuulaa Zamana mootummaa dabree keessa akka biyyaa bahuuf dhibbaan adda addaa itti godhamtee turte, Garuu didee Obsaan ummata barsiisuu filate.


Mootummaan Dargii ummata barsiisuu Sheekhaa waan jibbeef amata lamaaf Hararitti badii malee hidhee miidhaa qaamaa hedduu irraan gahee jira. Sheekni san hunda booda hoggaa bahan akkuma nama imaltuu deemee dhufee tokkotti barsiisurra gad taa’aan.


Sheekni Sheekkootaa Tuminsa dur tumamerraa kan ka’e godaanisa guddaa Milarraa qaban, Miilli yeroo garii tumaa sanirraa Isaan dhukkuba.

Rabbiin irraa haa jaalatu Sheekha Sheekkootaa Sheekh Aadam Tuulaa.

-----

Maddi: Aqiidaa Ulamaa'ii teenyaa fuula: 68-72

Qophii Urjii Ahmad

bara 2014 Akka lakkoofsa faranjii

Thursday, August 12, 2021

Kitaaba Barnootaa Hundeelee 4n


 Kitaaba barnoota hundeelee 4n kan qopheesse sheek Muhammed Abdulwahaab yoo tahu, Afaan oromootti Kan jirjiire salahaddiin Ahmad.  Barnoota hundeelee 4nii kana Asirraa download godhachuun buufadhaa irraa dubbisaa waliifis dabarsaa itti fayyadamaa. 

Monday, February 08, 2021

Waamicha Hiriira Nagaa Qeerroo Oromoo Irraa Kenname

WAAMICHA HIRIIRA NAGAA QEERROO OROMOO IRRAA Filannoo Oromoon Keessa hin Jirre Oromiyaa Keessatti hin Gaggeeffamu Uummanni Oromoo cabiinsa isaa jaarraa kudha saglaffaa irraa eegalee mirga isaa deebifachuuf qabsoo hadhaawaa gochaa yeroo ammaa kana irra gahee jira. Yeroo dheeraa kana keessa carraaleen isa mudatan ormaan irraa fudhatamanii maraammartoo qabsoo wareegama qaalii isa kaffalchiisan keessa seenaa ture. Kan baroota durii yoo dhiifne, bara 2006 irraa eegalee qabsoo gaggeesseen ijoollee isaa kumaatamaan itti wareegee sirna abbaa irree alagaan hogganamu ofirraa gatee jijjirama fiduu danda’ee jira. Haata’u malee warroonni jijjiirama kana gara sirna dimookirasii fi bilisummaa dhugaattii akka ceesisaniif amaanaan itti kenname daandii irraa maqsuudhaan sirna abbaa irree haaraa kan alagaa firoomfatee Oromoo diinomfate ijaaruuf carraaqa jiran. Uummanni, hayyoonni fi hoggantoonni Oromoo deemsi kun dogongora ta’uusaa hubatanii, gorsanii karaatti deebisuudhaaf yaalanii dhageettii waan dhabaniif mormiidhaan dura dhaabbachuun dirqama ta’e. Sirnichis akkuma warra isaan duraa irraa baratetti humnaan cabsuuf waraana bobbaasee Oromiyaa dirree ajjeecha, hidhaafi gadadoo taasise. Yeroo ammaa kanattis filannoon ni godhama jedhamee hafarfamaa kan jiruu yoo ta’es, haalli Oromiyaa keessa jiruu garuu dirreen siyaasaa filannoof mijatu hafe bahanii nagaan galuun sadarkaa hin danda’amnerra gahamee jira. Dhaabbileen siyaasaa saboota biroo dirreen siyaasaa banameefii, waajjira banatanii, bilisaan socho’anii, kaadhimamtoota qopheeffatanii, miidiyaan hayyamameefii sagantaa isaanii beeksifataa jiru. Oromiyaa keessatti garuu qeerroo fi qarreen wareegamanii jijjiiramicha fidan mana hidhaatti guuramanii kanneen hafan biyyaa baqatanii, qaroowwan sabaa kanneen akka Hacaaluu Hundeessaa ajjeefamanii, paartiileen siyaasaa Oromoo gariin shiraan filannoo irraa haqamanii, kanneen hafan lamaan ABO fi KFOn waajjiraaleen isaanii cufamanii, miseensotaa fi hoggantoonni isaanii hidhamanii dirreen siyaasaa itti cufamee filannoo keessaa dhiibamanii bahaa jiru. Kaayyoo qeerroo fi qarreen kumaatamaan itti wareegaman keessa tokkoo fi inni guddaan filannoo bilisa, hirmaachisaa fi dimookraatawaa ta’een bakka bu’oota ofii filataniin ofiin of bulchuu ta’ee osoo jiruu, haala amma jiruun garuu filannichi kan Oromoon keessaa dhiibamee bahee ormi qofti irratti wal filatu ta’uuf deema. Haala kana callisanii ilaaluun kan itti ulfaate hoggantoonni dhaabbilee siyaasaa Oromoo mana hidhaa keessa jiran mormii isaanii agarsiisuuf nyaata eega lagatanii guyyoota kudhanii ol ta’ee jira; fayyaan isaanis haala yaaddeessa keessa jira. Kanaaf nuti qeerroo fi qarreen Oromoo haala armaan olitti ibsame irrattii hundoofnee guutummaa Oromiyaatti hiriira nagaa kan waamne yoo ta’uu guyyaa isaa hanga isin beeksifnutti qophii gochaa akka nu eegdan kabajaan isin beeksifna. Gaaffileen hiriira kanaa 1. Shirri ajjeechaa Artitii keenya qaalii Hacaaluu Hundeessaa qaama walabaan qoratamee dhugaan isaa uummataaf ifa ta’ee, yakkamtoonni qaama kanaan adda bahan seeratti haa dhihaatan. 2. Hidhamtoonni siyaasaa Oromoo bakka kamittiyyuu hidhamanii jiran haal-duree tokko malee atattamaan akka gadi lakkifaman. 3. Waajjiraaleen dhaabbilee siyaasaa Oromoo cufaman marti akka banaman. 4. Guutummaa Oromiyaa keessattii mirgi bilisummaan socho’anii dorgommii filannoo gaggeessuu akka mirkanaa’u. 5. Boordiin Filannoo Biyyoolessaa loogii fi shira dhaabbilee siyaasaa Oromoo irratti raawwatu akka dhaabu kan jedhan ta’u. Guraandhala 1, 2013 Finfinnee, Oromiyaa Qeerroo Oromoo

Friday, May 03, 2019

Seenaa Nabiyyii[saw]


Seenaa ergamaa keenyaa dhalootarraa hanga du'aatti  kan maxxanse Jafar Bayan. PDF isaa buufattanii dubbistanii seenaa isaa barachuuf afaan oromootiin link armaan gadii kan ⇛ Downloud ⇚ je'u kana cuqaasuun buufadhaa  dubbisaa irraa baradhaa.

Tuesday, April 23, 2019

Haasawaa MM Bahardaaritti godhe


Haasaan Muummichi Ministeeraa Abiy Ahmad dhimma sabboonummaa Oromoo irratti kaase waan laaftutti laallee bira dabarru miti. Dogongora jechaas miti. Amma duras haasaya sabboonummaa Oromoo xiqqeessan haasayaa ture…irra dabarreef malee. Sabbonummaan ( nationalism) Oromoo ni miidhe moo ni fayyade waan jedhu garuu gadi buunee irra deebinee mari’achuun akka barbaachisaa ta’a agarra. Kanaafu armaan gaditti waan jedha.

1. Sabboonummaan maali? Gabaabatti aadaa seenaafi eenyummaa saba ofiitin boonu, akkasumas aadaa, seenaa, eenyummaafi mirga saba sanaa miidhaa irraa eeguuf quuqamuudha. Sabbonummaan Oromos kanuma.

2. Ummanni cunqurfame tokko roorroo jalaa bahuuf waliin qabsaa’uun ( collective action) murteessaadha. Kan gitaan ( class) cunqurfame gitaan jaaramee falma ( class struggle). Fakkeenyaaf waldaa hojjattootaa. Kan koorniyaan ( gender) conqurfame akkasuma. Warri sabaan roorrifames sabaan gurmaa’a.  Cunqursaa sabaa jalaa bahuuf sabaan gurmaa’uun dirqiidha. Sabaan gurmaa’uuf ammoo sabboonummaa ijaaruufi cimsuun dirmaqa. kanaafiidha sabboonummaan gaaza qabsooti kan jennuuf.

3."Sabboonummaan Oromoo saba guddaa xiqqeessitee gandatti deebifte" jedhe Abiy. Kun madaallii dogongoraati.  Sabbonummaan Oromoo ganda keessaa baafte malee gandatti hin deebifne. Sabbonummaan Oromoo baroota 1960moota keessa jaaramuun duratti diinni Oromoo ganda gandatti qoodee wal wallaalchisee ture. Har’a daangaa daangatti akka sabaatti walbeekuu bira dabarree kan waliif hadoodnuufi diinnarratti bakka takkaa kaanuuf sababa sabbonummaan cimeefi. Sabboonummaa jechuun ummanni bal’aan tokko osoo ollummaa  lafaatifi fira foonii hin ta’in, sadarkaa sammuutti nuti tokko jedhee socho’uu jechuudha. Kanaafuu sabboonummaan Oromoo diinni malkaafi gaaraan qoode tokko godhee, waloon qabsaa’anii salphina keessaa bahanii kabajaa har’aa kana akka goonfatan godhe. Sabbonummaan Oromoo hin xiqqeessine, ni guddise. Gandatti hin deebifne humna itti horeet addunyaatti beeksise.

4.  Sabbonummaan rakkoo hin qabu jechuu miti. Sabboonummaa akka humna nuukulaaraatti  fudhannee laaluu dandeenya. Humni nuukulaaraa yoo dhooye dhumaatii guddaa akka fidu beekkamaadha. Kanaaf sodaatamas. Gara biraan ammoo nuuklaarri  madda annisaa ( source of energy) guddaadha. Humna ittisaa ( defense) biyya tokkoo isaa amansiisaadhas. Maarree balaa nuuklaarri yoo tasa dhoohe uumuu malu sodaatanii Ameerikaan faan ummata isaanii ibsaa dhoorkanii dukkana keessa jiraachisaa jiruu? Ni dhooyaaf sodaatanii qawweee nuuklaaraa hiikkatanii? Lakki. Balaa akka hin uumneef of eeggannoo cimaa gochaa irraa fayyadamaa jiru.  Nus sabboonummaa miidhaa inni fiduu malu irraa eeggachaa   itti fayyadamaa deemna malee busheessinee of kasaarsuu hin qabnu.

5. Siyaasaa Oromoo keessatti Itoophiyaa tana jijjirree saba biraa waliin jiraachuu wayya moo biyya walabaa dhaabbachuu nuuf wayya yaadni jedhu dhalootuma qabsoo tanaa waliin dhufee as gahe. Garuu karaa lachuunuu bakka gahuuf sabbonummaa Oromoo cimsuu malee busheessuun hin fayyadu. Akkuma amma dura jechaa turreefi amma argaa jirru Itoophiyaa dimokraatessu kan danda’u ummata Oromooti. Ummanni Oromoo kana gochuuf ammoo akka sabaatti jabaa ta’ee gurmaa’ee siyaasaa biyyattii dhuunfachuu qaba. Gurmuu akkasiitiif ammoo sabbonummaa malee wanti humna kennuuf hin jiru. Haaluma kanaan Oromiyaa walabaa jaaruuf yoo deemnes sabbonummaa malee gaazni biraa hin jiru.  Kanaafuu Itoophiyaa Oromoofi saba biraatiif taatu jaaruuf sabboonummaa Oromoo xureessuu osoo hin taane daranuu cimsuun humna horachuu malee busheessuun akeekuma sanuu hanqisa.

6. Muumichi Ministeeraa Itoophiyaa tokko taate namni itti waliif galee jiraatu jaaruu akka barbaadu dubbata. Kana gochuuf ammoo sabbonummaan Oromoo akkuma taaytaatti isa baafte amma boodas humna itti hortee akeeka isaa galmaan gahuuf gargaarti malee hin gufachiiftu. Sabbonummaan Oromoo Itoophiyaa haaraya sabaafi sablammiin walqixxummaafi jaalalaaan keessa jiraatan uumuuf humna guddaadha malee balaa miti. Itoophiyaan sabboonummaa Oromoo hin fudhanneefi hin hammenne dimokraatawuu dhiisaatii akka biyyaattuu ittin fufuu hin dandeessu. Sabboonummaan Oromoo bakka ukkaamsan bira dabree jira, ukkamsuuf yaaluun dhoohinsa guddaa uuma.

7. Warri ummata Oromoo cunqursaa Oromiyaa saamuu fedhan gaafuma sabboonummaan Oromoo dagaaguu eegalerraa olola jibbaa oofaa turan. Yeroo tokko fottoqxuu ( secessionist) yeroo kaan dhiphoo jechuun kolaasuuf yaalaa turan. Sabboonummaan Oromoo garuu olola isaanii baruma baraan cabsaa kunoo har’a harka kennisiiftee jirti. Warri sabboonummaa Oromoo xiqqeessaa ture bu’aa argame hubachuudhaan har’a sabbonummaa saba ofii jaaraa jira. Yeroo injifannoo akkanaa keessatti nama qabsoon tun olbaafteefi dhaaba Oromoo hogganu irraa ilaalcha farra sabboonummaa Oromoo dhagayuun hedduu kanaaf nama gaddisiisa.

8. Sabbonummaa Oromoo xureessuun dhaabas ta’ee nama siyaasaa Oromoo keessatti milkaayuu barbaaduuf balaa hamaadha. Dhaaba siyaasaa Oromoo hogganaa sabboonummaa Oromoo tuquun akka awutoobuusii yaabbatanii deemuu barbaadan takka taankara gaazaa  ishii uruuf yaaluuti. Uruufis hin milkooftu. Imaltoonni kaan sitti hin dhiisan. Yoo milkooftee urte ammoo konkolaataan sun gaazni waan jiguuf fagoo hin deemu.

9. Lammaa Magarsaa OPDO ummanni xireeffatu  akka hiree ammaa kana argattu gochuu kan danda’e sabbonummaa Oromoo ofitti fudhatee humna waan godhateefi. OPDOn akkuma dur ‘ dhiphummaa’ jechaa turte sabbonummaa Oromoo xureessutti yoo deebite halkan tokkotti sabaan xireeffamti. Ofii jedhii mi’aayi!!

10. Muumichi Ministeeraa dhugaadha Itoophiyaa guutuu hoggana; saba cufa walqixa tajaajila. Garuu siyaasaa keessatti milkaayuuf hundee ofii jabeeffachuu malee muufachiisuun kasaaraa guddaa qaba ( never loose your base) Itoophiyaa bulchuuf of ta'uu dhiisuun hin barbaachisu. Inumaatuu sabbonummaafi Oromummaa cimaa qabatanii dhaquutu biyya saniifi faaydaa qaba. Ilaalchonni warra kaanii yaalamanii kufanii jiran. Amma dabareen kan Oromummaan yaaluuti.

11. Ilaalchi Abiy  kan isaa qofa natti hin fakkaatu. Waanuma akka jaarmaayyi dhiibaa jirantu muldhata. OPDO fi EPRDF dhaabbilee sabummaa irratti jaaramanirraa gara biraatti cehuuf akka yaalaa jiran ni beekna.  Kora Hagayya dhufu taa'amurratti  EPRDF adda ta’uu irraa gara paartii jijjiramuuf ( from front to party) akka karoorfate Shifarraa Shugguxee dhiheenya kana dubbatee jira. San dura Sibahaat Naggas dubbachaa ture.  Ibsa ejjannoo Koreen Jiddu Galeessaa OPDO baase keessattis wanti kun calaqiisee jira. Itoophiyaa keessa cunqursaa gitaa ( class exploitation) malee kan sabaa hin jiru waan jedhu kaayan. Kuni soba qofa osoo hin taane tarsiimoo siyaasaa dogongoraati. Itoophiyaa keessa cunqursaafi loogin sabaa kaleessas ture har’as hammatee itti fufee jira. Hin dogongorinaa!  Gara fuulduras sirnuma dimokraatawaa keessattuu siyaasaa biyya akka Itoophiyaa sabummaa irratti kan hundaaye ta’eeti itti fufa. Wayyaaneen yaada kana kan ooftuuf warra ishii waan sirritti diinaggeen  humna itti jaarteefi jirtuuf of dhoksuufi. Sabni keenya garuu walqixxummaa fiduuf har'a qofa osoo hin taane borus itti qabsoo itti fufuu qaba. Kanaaf ammoo sabboonummaa isaa laaffisuu osoo hin taane daran cimsachaa deemuun barbaachisaadha.

12. Tooftaa qabsoo amma godhamaa jiru keessa tokko OPDO wayyaanee jalaa bilisoomsuun meeshaa qabsootti jijjiiruudha. Hojii tooftaan tun gaafattu keessaa tokko OPDO keessaa jallaa dhabamsiisuu takka jallisuun, kan jabaa ammoo ajjabeessuudha. Kun caasaa isaanii jalaa hamma gubbaatti itti fufa. Kanaafuu warreen jechaafi gochaanis qabsoo Oromoo faalleessan irratti qabsaa'uun cimee itti fufuu qaba.

13. Muumichi Ministeeraa kun wanti Baahir Daaritti haasaye  akka waan dogongora arrabaa ta’eetti warri fudhatan jiru. Miti. Ilaalchuma isaatu sani. Waan kana akeeku  akka hudeddutti dubbataa ture. Ilaalchi dogongoraa kan isas saba kanas miidhu waan ta’eef sirreeffachuu qaba! Alagaa gammachiisanii firoomfachuuf saba ofii muufachiisuun kasaaraa siyaasaa qaba. Alagaan hamma fedhe har'a harka siif dhawu bor xiqqoma muufachiifnaan sitti garagala. Kana ammoo torbaanuma dabres agarree jirra. Tarsiimoon sirri saba ofii jabeeffachaa kunuunsaa ormas kabajaan itti dhihaachuudha. Yoo constituency kee jabeeffatte orma birattis kabjaa dhugaafi yeroo dheeraa argatta.  Mummichi ministeeraa saboota biyyatti walitti dhiheessuuf akka yaalu naaf gala. Garuu ammoo sabbonummaa Oromoo busheessuufi warra kalee ummata keenya lafarraa duguugaa ture faarsuun tokkummaa inni yaadu san hin fidu; daranuu madaa dur tuttuqee ummata walitti buusa

14. Akkuma Lammaan jedhe sabboonummaan Oromoo nuuf bu’ura waa hundaati. Motora sochii cufaati. Ummanni keenya humna waraanaa hin qabu. Fira biyya alaa hin qabu. Oromoon waluma qaba. Of ta’ee akka sabaatti galma ga’uuf ammoo sabboonummaa isa barbaachisa. Aggaammiin sabboonummaa isaa irratti godhamtu aggaammii saba kana laaffisuufi diiguuf xiyyeeffatteedha. Ofirraa haleeluu qaba. Wanni fedhes dhufu Oromoon sabboonummaa isaa gonkumaa laaffisuu hin qabnu.

15. Dhumnarratti Muummichi Ministeeraa kun akka alaa faarfamu kana osoo hin taane  mudaa hedduu qaba. ( mudaalee san tarreessuu hin fedhu; jaallan isaa ni beekan garii ammoo duruu mumul'achuu eegalan). Mudaan isaa sun saba keenyaafi biyya san akka hin  miine dammaqinaan hordofuu; warri itti dhiyaattan dhugaadhaan gorsuu, nuti warri irraa fagoo ammoo cimsinee qeequun barbaachisaadha. Warri itti dhiyaatu osoo beekanii caldhisanii faarsinaan, nuti warri fagoos mirqaana yeroo cabsuu diddaaf afaan qabannaan walfudhannee qilee dhaqna.

Waliigalatti maddi humna qabsoo Oromoo tokkicha. Sunis tokkummaa isaati. Hapheen tokkummaa kanaafi gaazni isa oofu ammoo sabboonummaadha. Kanaafuu namni ija takka qabu cirrachaan hin taphatu akkuma jedhan, Oromoonis warra sabboonummaa isaa laaffisuu fedhan cimsee dura dhaabbachuun fashalsuu qaba. 

Sunday, April 21, 2019

Iyyaafannoo Obsa fixachiisaa

Iyyaafannoo

Ilmaan oromoo quuqama qabdan share gochuun nugargaaraa.
Namni armaan gaditti argitan kun Sheek AbdulKariim Siraaj Alii je'ama.

Waa'ee isaa;


AbdulKariim siraaj Alii namoota biyyarraa baqatanii biyyoota saud Arabia hangafummaan dhufan keessaa isa tokko. Biyya saudii keessa naannoo waggaa 30 olii jiraataniiru. Waraqaa eenyummaa (ID) seeraa qabaachuun kafiila( nama bira dalagu) jalatti maxxanuun jiraachaa nama tureedha. Hojiin isaa imaama masgidaati. Kana cinaatti oromoota maallaqa dabarfachuu hin dandeenye kanneen baadiyyaafi naannawa Saudii keessa jiraatan gargaaruun maallaqni akka biyya qaqqabu taasisaafi ture.
Nama amanamaafi ummata Oromoo saudii keessa jiraatan keessatti fudhatamummaa guddaa qabaniidha.  Abbaa maatii jahaati. Magaalaa Riyaad keessa jiraata ture.
Yeroo Aqiraara 2013( The plan of illegal immigrant return to theirs country) irraa kaasee sababa tokkoon malee qaama saudii arabiatiin butamee achi buuteen isaa hin beekkamne.  Maatiin isaa balbala mootummoota saudiitifii mana kafiilatti deddeebi'uu irraa takka boqonnaa hin godhanne. Taheyyuu wanti kafiila isaa irraa dhagahame "nibaya" jechuu malee lubbuun jiraateefii du'ee isaa eessa akka jiru wanti beekkame osoo hin jiraatin waggaa shan lakkoofsiseera. Kafiilli isaa sunis boqoteera. Ijoolleen isaa Abbaan keenya yoom nuu dhufa je'anii yeroo namni mana isaanii dhufe wama abbaan isaanii alaa dhufaajiru sehanii fiiganii hulaa banu ture. Osuma akkas je'anuu waggaa sadii guutee falli godhan dhabamee jennaan maatiin isaa gara biyya galaniiru.

Du'ee hin sabbarre jiraatee hin agarre!. Mootummaan saudii mirga dhala namaa kan sarbuufi lubbuu qulqulluus dabarsee gara imala dhumaa kan erguudha.
Kun kanaan osoo jiruu yeroo inni qabame sanirraa kaasee mootummaa saudiifi Imbaasii itoophiyaa magaalaa Riyaad maandheffate deddebi'anii gaafatanis falaafi furmaanni argamuu hin dandeenye.
Mootummaa biyyaa keenyatti iyyachuudhaaf du'a keenyaafi dhabamuu ummata oromootiif hawwii waan qabaniif sodaa nujalaa hin dhagahan je'urraa kan ka'e itti iyyachuu mannaa usuu filanne. Mootummaa hin qabnu waan taheef.
Egaa Oromoo koo, kajeellaan waan dila kana ture amma maxxansiteef maali? jechuun keessan hin oolamu.

Duraan nama nudhagayuufi waa itti himannu waan hin qabneef amma Oromoon abbaa aangoo mootummaa Itoophiyaa taatee bakka  jirtutti tarii MM keenya Dr. Abiy Ahmed gaafii mootummaa saudiitiif yoo dhiheesse achi buutee Abdukariim Siraaj Alii nidhagayu jennee waan kajeelleefi.

Dr.Abiy Ahmad yeroo darbe saudii Arabia dhufee lammiilee itoophiyaa hedduu mana hidhaa Saudii keessatti dararamaa turan yaasuun isaa nibeekkama.
Sanuma sababeeffachuudhaan ammas ilmaan oromoo mana hidhaa Saudii keessa jiran hedduu waan taheef, tarii  yoo mootummaa saudif gaafii dhiheesse du'aafi jiruu isaa irraa baruu ni dandaha kajeellaa jettu waan horanneefi.

AbdulKariim Siraaj Saudii arabiyaatti yoo bade iyyuu  Quuqamtoonni Oromoo mirga dhala namaatiif falmaa jiraniifii Activistoonni oromoo dhageettiifi beekkamtii qabdan iyyaafannoo kana xiyyeeffannaa keessa galchuun akka MM Dr.Abiy Ahmed Mootummaa saudii nuuf gaafatuuf dhiibbaa  gootanii nugargaartan kabajaafi maqaa Oromummaatiin isin gaafanna.

Kanaafuu haga dandeessanitti sagalee taaneefii xiyyeeffannaa keessa akka galchaniif warreen dandeettii arabiffa barreessuu dandeessan Afaanota hunda gargaaramuun Hashtag gochuun sagalee argatee akka barbaadaniif sagalee tahaafii jechuun barbaada.

Maatiifi haati isaa dukkana yaadaatiin haguugamaniiru. Ijoolleen isaa "abbaa keenya biyya namatti gannee akkamitti galla"? je'anii imimmaan osoo daguuggatanii galanii turan. Abbaa isaanii osoo hardha boru dhufa je'anii eeganuu dukkana biyya namaa keessaa garaa hidhatanii galan.

AbdulKariim Siraaj Alii dhaloonni isaa harargee Lixaa aanaa hancaar (016) waddeessa.

Rabbi akka muldhisuuf du'aa'ii godhaa. Share gochuudhan nugargaaraa.

GG:
Kabajamoo MM Itoophiyaa Dr.Abiy Ahmedif
Kab. Falmitoota mirga dhala namaatiif,
Kaadimu Harimeeyni sharifeeyni malika Mootummaa saudif
Kab.Rogeeyyii Oromootiif.

Biyyaaf Malee Biyyeef Hin Qabsoofne[ Sheikh Aadam Tuulaa]

Biyyaaf malee biyyeef hin qabsoofne Sheik Adam Tula Seenaa gabaabaa Muftii Sheekh Aadam Tuulaa (Rahimahullah)  Sheekh Aadam Ahmad Hammarroo ...