Iyyaafannoo
Ilmaan oromoo quuqama qabdan share gochuun nugargaaraa.
Namni armaan gaditti argitan kun Sheek AbdulKariim Siraaj Alii je'ama.
Waa'ee isaa;
AbdulKariim siraaj Alii namoota biyyarraa baqatanii biyyoota saud Arabia hangafummaan dhufan keessaa isa tokko. Biyya saudii keessa naannoo waggaa 30 olii jiraataniiru. Waraqaa eenyummaa (ID) seeraa qabaachuun kafiila( nama bira dalagu) jalatti maxxanuun jiraachaa nama tureedha. Hojiin isaa imaama masgidaati. Kana cinaatti oromoota maallaqa dabarfachuu hin dandeenye kanneen baadiyyaafi naannawa Saudii keessa jiraatan gargaaruun maallaqni akka biyya qaqqabu taasisaafi ture.
Nama amanamaafi ummata Oromoo saudii keessa jiraatan keessatti fudhatamummaa guddaa qabaniidha. Abbaa maatii jahaati. Magaalaa Riyaad keessa jiraata ture.
Yeroo Aqiraara 2013( The plan of illegal immigrant return to theirs country) irraa kaasee sababa tokkoon malee qaama saudii arabiatiin butamee achi buuteen isaa hin beekkamne. Maatiin isaa balbala mootummoota saudiitifii mana kafiilatti deddeebi'uu irraa takka boqonnaa hin godhanne. Taheyyuu wanti kafiila isaa irraa dhagahame "nibaya" jechuu malee lubbuun jiraateefii du'ee isaa eessa akka jiru wanti beekkame osoo hin jiraatin waggaa shan lakkoofsiseera. Kafiilli isaa sunis boqoteera. Ijoolleen isaa Abbaan keenya yoom nuu dhufa je'anii yeroo namni mana isaanii dhufe wama abbaan isaanii alaa dhufaajiru sehanii fiiganii hulaa banu ture. Osuma akkas je'anuu waggaa sadii guutee falli godhan dhabamee jennaan maatiin isaa gara biyya galaniiru.
Du'ee hin sabbarre jiraatee hin agarre!. Mootummaan saudii mirga dhala namaa kan sarbuufi lubbuu qulqulluus dabarsee gara imala dhumaa kan erguudha.
Kun kanaan osoo jiruu yeroo inni qabame sanirraa kaasee mootummaa saudiifi Imbaasii itoophiyaa magaalaa Riyaad maandheffate deddebi'anii gaafatanis falaafi furmaanni argamuu hin dandeenye.
Mootummaa biyyaa keenyatti iyyachuudhaaf du'a keenyaafi dhabamuu ummata oromootiif hawwii waan qabaniif sodaa nujalaa hin dhagahan je'urraa kan ka'e itti iyyachuu mannaa usuu filanne. Mootummaa hin qabnu waan taheef.
Egaa Oromoo koo, kajeellaan waan dila kana ture amma maxxansiteef maali? jechuun keessan hin oolamu.
Duraan nama nudhagayuufi waa itti himannu waan hin qabneef amma Oromoon abbaa aangoo mootummaa Itoophiyaa taatee bakka jirtutti tarii MM keenya Dr. Abiy Ahmed gaafii mootummaa saudiitiif yoo dhiheesse achi buutee Abdukariim Siraaj Alii nidhagayu jennee waan kajeelleefi.
Dr.Abiy Ahmad yeroo darbe saudii Arabia dhufee lammiilee itoophiyaa hedduu mana hidhaa Saudii keessatti dararamaa turan yaasuun isaa nibeekkama.
Sanuma sababeeffachuudhaan ammas ilmaan oromoo mana hidhaa Saudii keessa jiran hedduu waan taheef, tarii yoo mootummaa saudif gaafii dhiheesse du'aafi jiruu isaa irraa baruu ni dandaha kajeellaa jettu waan horanneefi.
AbdulKariim Siraaj Saudii arabiyaatti yoo bade iyyuu Quuqamtoonni Oromoo mirga dhala namaatiif falmaa jiraniifii Activistoonni oromoo dhageettiifi beekkamtii qabdan iyyaafannoo kana xiyyeeffannaa keessa galchuun akka MM Dr.Abiy Ahmed Mootummaa saudii nuuf gaafatuuf dhiibbaa gootanii nugargaartan kabajaafi maqaa Oromummaatiin isin gaafanna.
Kanaafuu haga dandeessanitti sagalee taaneefii xiyyeeffannaa keessa akka galchaniif warreen dandeettii arabiffa barreessuu dandeessan Afaanota hunda gargaaramuun Hashtag gochuun sagalee argatee akka barbaadaniif sagalee tahaafii jechuun barbaada.
Maatiifi haati isaa dukkana yaadaatiin haguugamaniiru. Ijoolleen isaa "abbaa keenya biyya namatti gannee akkamitti galla"? je'anii imimmaan osoo daguuggatanii galanii turan. Abbaa isaanii osoo hardha boru dhufa je'anii eeganuu dukkana biyya namaa keessaa garaa hidhatanii galan.
AbdulKariim Siraaj Alii dhaloonni isaa harargee Lixaa aanaa hancaar (016) waddeessa.
Rabbi akka muldhisuuf du'aa'ii godhaa. Share gochuudhan nugargaaraa.
GG:
Kabajamoo MM Itoophiyaa Dr.Abiy Ahmedif
Kab. Falmitoota mirga dhala namaatiif,
Kaadimu Harimeeyni sharifeeyni malika Mootummaa saudif
Kab.Rogeeyyii Oromootiif.

No comments:
Post a Comment