HomeTechnologyKoompiitara Kee Keessaa Faayila Balleesite Akkaataa Deebistee Ittiin Argattu
TECHNOLOGY/JANUARY 24, 2017/ARSICHA
/NO COMMENT/969 VIEWS
Koompiitara Kee Keessaa Faayila Balleesite Akkaataa Deebistee Ittiin Argattu

Osoo beektus haa tahuu osoo hin beekne koompiitara kee keessaa faayiloota gara garaa kan na barbaachisu jettee hin yaanne balleessuu dandeessa. Booda irratti garuu yoo faayiloonni balleesite kunniin si barbaachisanitti deebistee argachuun baay’ee isin rakkisuu danda’a. Yoo rakkoon akkanaa kun isin muudate tahe akkaataa keessaa bahuu dandeessan isiniif barreessee jiraa, dubbiasaa itti fayyadamaa.
Yoo faayila kamiiyyuu koompiitara tokko irraa balleesite gara recyle bin keessa akka galu ni beekna. Yoo akkas tahe hundi keenyaa Recyle bin bannee deebifnee faayila balleesine san argachuu dandeenya. Garuu yoo Shift gadi qabnee balleesine, deebisnee faayila san argachuun baayee rakkisaadha. Anis manxansa kana keessatti faayiloota shift gadi qabuudhaan koompiitara keessan keessaa balleesitan, akkaataa ittiin deebistanii argachuu dandeessan isiniif barreessee jiraa haa jalqabnuu mee.
Hunda dura faayila kee argachuu yoo barbaadde, recyle bin banuudhaan keessa ilaali. Yoo achi keessaa hin arganne tahe; yoo faayiloota sana ol keessee(back up) gootee jiraatte tahe achi keessa barbaaduudhaan argachuu ni dandeessa. Maloota kanneeniin yoo hin milkoofne tahe, moosaajiilee armaan gadii kanneen keessa tokko fayyadamuudhaan argachuu ni dandeenya. Ani akkaataa itti fayyadama moosaajii tokkoo isiniif barreessee jira. kanneen hafan immoo maqama isaanii isiniif dhawa.
Jalqaba moosaajii maqaan isaa recover my files jedhuhttp://www.recovermyfiles.com/ hidha kana irraa buufadhaa koompiitara keessan irratti fe’aa.Itti aansuudhaan; filannoowwan lamatu isiniif dhufa. Filannoowwan sanneen keessaa isin recover a drive kan jedhu filadhaa.Fooddaa haaraa isiniif banamu keessatti filannoo search for deleted files jedhu irratti cuqaasaa sekondii muraasaaf eegaa.Amma faayiloota kee kana balleesite hundumaa ni argita. unhide the protected files in windows kan jedhu filachuun faayiloota kee iddoo duraaniitti deebistu.
Recover My Files yoo isiniif hojjachuu dide:
fi kan kana fakkaatan heedduu isaanii fayyadamtanii faayiloota keessan argachuu ni dandeessu.
No comments:
Post a Comment