Waan addunyaa tanarratti taane himachuu osoo hin taane waan addunyaa tanarra tahuuf dhufne beekuutu dirqama.
Saturday, January 07, 2017
Jechoota Hayyootaa
JECHOOTA HAYYOOTAA--
====<=======================>
Dubbisaa #Share waliif godhaa waan guddaa irraa baruu dandeessu.
~Diinni yoo si woraane, qaama kee si madeessa,hiriyyaan sobaa garuu sammuu kee si madeessaAraboota)
~Muka jallaa gaaddidduun isaatis jallaadha(French).
~Dubartootni bifaan warra irraa dhalatte fakkaati,amalaan garuu warra itti heeruman fakkatu(Oromoota)
~Qabsoo bishaanii fi dhagaa gidduutti godhamu keessatti, turee bulee kan mo'atu bishaanuma. (Japanese)
~Simbirroon risaa dukaa fiigdu, waan inni jalaa baqatu itti fakkaata(Japanese)
~si`a torba yoo kufte, si`a saddeet lafaa ka`i(Jaappanoota)
~Hiriyyaan kee namma akkamii akka ta`e natti hiimi, ati nama akkamii akka taate siifan himaa(Russia)
~.Gowwaan mammaaksa tuffata, abshaalli immoo irraa barata. (Chinese)
~. Maallaqni hin dubbatu,garuu soba dhugaa fakkeessa. (South African)
~Namni akka itti jiraatu beeku, beekumsa ga'aa qaba. (Swedish)
~Iccitiin akkuma Simbirroo ogguma nama harkaa baatu balali'uu eegalti. (Saudi Arabia)
~Waa'ee Qilxuu, Qilxuu irraa baradhu, waa'ee Birbirsaa immoo Birbirsa irraa baradhu. (Zen)
~Beekumsa (ogummaa) kee guyyaa tokkoof yoo dagatte, inni immoo guyyaa lamaaf si dagata.(Chinese)
~Yoo manni kee laga qarqara ta'e, naacha fira godhadhu. (Indian)
~. Duuti maqaan isaa hin tolu. Ykn ni ture jedhu;ykn immoo ni ariifate jedhu. (Engliz)
~ Nama Giriikii tokko erga harka fuutee booda,quboota kee lakkaawwadhu. (Albanian)
~. Keessummummaa ganda harree dhaqxee waa'ee gurraa hin haasa'iin. (Jamaican)
~. Simbirroon Allaattii duuba fiigdu, waan inni baqatu seeti. (Japanese)
~. Jabanaan kee inni haaraan akka bishaan baatu hanga mirkaneeffattutti, isa moofaa hin gatiin.Swedish)
~Bakka itti kufte osoo hin taane iddoo iraa sigigaatte(mucucaatte)ilaali lammata akka hin kufne.jecha Afrikaanotaati.
~ Barachuu jechuun barumsa keessa darbuu osoo hin taane, barumsi nama keessa darbuudha!
~Barumsa barattee yoo qoramtu,jireenya immoo qoramtee baratta!
~Nama si sobu wajjiin gammaddee kolfuu, irra nama dhugaa sitti himu wajjiin gadditee boohuusi wayya!
~Namni carraa gaarii qabu osoo bishaan galaana keessatti darbaniiyyuu, Qurxummii afaanitti qabatee keessaa baha!
~Obsi guddaan dhagaa yoo affeelu, aariin xinnoon bishaan bobeessiti!
~Yeroo tokko tokko gammachuun guyyaa tokkoo,gadda waggaa tokkootti jijjiirama!~ Hiyyeessa jechuun nama qarshii hiyyoome osoohin taane, nama sammuu hiyyoomeedha!
~ Nama kabajuun mallattoo sodaa ykn lugnummaa osoo hin taane, bilchina sammuu fi dandeettii fageessanii yaaduuti!
~ Jireenya kee fooyyessuudhaaf yaaliidhaan shaakala ati taasiftu keessatti kufaatiiwwan simuudatan kufaatii osoo hin taane, akeektuu galma gahiinsa yaalii keetiiti!
~Addunyaa kana irratti Harreen akka namaatti yaadu jiraatuu baatus, namni akka harreetti yaadu hin dhabamu!
~Akka addunyaatti yaadii, akka naannootti hojjadhu!
~Dhalli namaa wanta haara argannoodhaan uumuun (kalaqu) kan nama gammachiisu yoo ta'u, garuu ufii isaatii uumamuu (kalaqamuu) yoo I rraaffatu immoo kan nama gaddisiisuudha!
~Kan nama qaaneessu ba'aa guddaa sammuu irratti baachuu osoo hin taane, sammuu hin yaanne baachuudha!
~Yoo rakkoon wahii si muudate rakkoo si mudate saniif yaaduu osoo hin taane, akkaataa rakkoo si muudate san keessaa itti baatu yaaduu qabda!
~Osoo dhugaan kophee hin godhatin, dharti addunyaa naannofti!
~Mucucaattee dugdaan yoo kufte balleessaan kee ta'uu kan hin dandeenye yoo ta'u, balleessaan kee ta'uu kan danda'u kuftee yoo achitti hafteedha! Wal beekuu irra, walii beekuu wayya!
~Bishaan kadhaan argame dheebuu nama hin baasu!
~Sareen yeroo hunda duttu akka hin birmanneef uf gooti!
~Kan nama nyaatu dukkana osoo hin taane, wanta dukkana keessa jiruudha!~Irra caalatti kan dinqisiifatamuu qabu namoota addeessa irra qophatan osoo hin taane, namoota akkaataa isan addeessa irra ittiin qophatan barsiisaniidha!
Addunyaan tun sirraa waan tokko eegdi waan ta'eef, waan gaarii tokko hojjadhu!~Kaayyoo ufii galmaan gahachuuf dhama'uun har'aaf dhandhamni isaa kuraawaadha malee,boru firii fi dhandhamni isaa mi'aawaadha!
~Nama shakkitu hin mindeessin, yoo mindeessite hin shakkin!
~Wanti calaqqisu hundi, warqii sitti hin fakkaatin!
~Jiraachuuf nyaadhu malee, nyaachuuf hin jiraatin!
~Waggatti jiruu dabali malee, jiruutti waggaa hin dabalin!
~Riqicha muka tokkoo irra osoo hin bahin dura, gorora takka liqimsi!
~Balbalti carraa takka yoo si jalaa cufamte yoonaatti abdii kutuu dhabde, tan biraa siif banamti!
~Gatii yeroo beekuu yoo barbaadde, atileetii maaykiroo sekondii tokkoof moo'amee badhaasa meedaaliyaa warqii dhabe gaafadhu!
~ Bu'aa qabxii baruu yoo feete, barataa qabxii 0.5niif qormaata kufe haasofsiisi!
~ Aangoo qubaan si filaniin uf hin tuulin, qubaan irraa si buusaniitii!
~ Beekkumsa qabduun hin boonin, kan si caala beeku heddutu jiraatii!
~ Namni an beekaadhaa ufiin jedhu, wallaalaan akka isaa hin jiru!
~ Hanga dandeessetti bara baraan jireenya kee jijjiiri malee, akka barri wal sitti hin jijjiirre!
~ Barcumaa fi kabaja abbatu uf jalaan deema!
~ Bara rakkoo bishaantu muka namatti kora!
~ Waan garaan namaa baatu, Wadalli Harree hin baatu!
~ Lafa fardi sangaan hin jirre, maxaanatu itti arreeda!
~ Kan ati jechuu qabdu biyyi too maal naa goote jechuu osoo hin taane, an biyya kootiif maal godhe jechuu qabda!
~ Baay'ee haasahuu irra, baay'ee dhageeffachuu filadhu!
~ Hojii guddaa karoorfame irra, hojii xinnoo hojjatametu caala!
~ Bara jireenyaa kee keessatti yeroo dheeraa taa'umsaan dabarsitu irra, yeroo gabaabduu hojiin dabarsitutu bu'aa guddaa siif qaba!
Waan guddaa akka irraa bartan abdiin qaba.Share waliif godhaa...
Subscribe to:
Post Comments (Atom)
Biyyaaf Malee Biyyeef Hin Qabsoofne[ Sheikh Aadam Tuulaa]
Biyyaaf malee biyyeef hin qabsoofne Sheik Adam Tula Seenaa gabaabaa Muftii Sheekh Aadam Tuulaa (Rahimahullah) Sheekh Aadam Ahmad Hammarroo ...
-
Silaallee uleen caphee kan Abbaa Gadaa hincaphuu, Beekaa irra kutne malee, seenaann hiyyeeysa hinqabuu.Ja’a Alii Birraa bar kurnee afur...
-
Biyyaaf malee biyyeef hin qabsoofne Sheik Adam Tula Seenaa gabaabaa Muftii Sheekh Aadam Tuulaa (Rahimahullah) Sheekh Aadam Ahmad Hammarroo ...
-
Seenaa ergamaa keenyaa dhalootarraa hanga du'aatti kan maxxanse Jafar Bayan . PDF isaa buufattanii dubbistanii seenaa isaa barach...
No comments:
Post a Comment