–
Lati Hirpa Hunde
–
Namni akka haadha manaa fi abbaa manaatti, akka maatii tti, akka,waldaa hawwaasaa tti, akka dhaabbata amantii tti, akka dhaaba siyyaasaa tti, akka sabaa tti, akka biyyaa tti milkaa’uu barbaada. Milkaa’uuf maal gochuun qaba jedhee Kan irratti hojjetu garuu muraasa. Beekuu fi isa beekan hojii irra oolchun tokko miti. Jireenyanamaa keessatti Kan jijjiirama fidu beekuu osoo hin taane, isa beekan hojii irra oolchuu dha.
Egaa namni waliin jiraatu ykn namni waliin hojjetu tokko, waliin milkaa’ina argachuuf waliin hojjechuu qaba. Namni akkuma bifaan adda adda ta’e, amala fi fedhiin isaas adda adda. Namni amala fi fedhii adda adda qabu kun akkamiin waliin jiraachuu ykn waliin hojjechuu danda’a kan jedhu gaaffii namatti uumuu danda’a. Dhugumayyu namni amala adda addaa qabu akkamiin waliin milkaa’a?
1- WAL SIMACHUU
Wal simachuu jechuun, garaagarummaa akka qaban waliif hubatanii waliin jiraachuu danda’uudha; amala fi ilaalcha adda addaa qaban kana waliif simachuu danda’uu jechuu dha. Namni lama fi lamaa ol ta’u yeroo walitti dhufu amala, ilaalcha fi bifa tokko qabaate miti. Yeroo baayy’ee Kan namni dogoggora uumee gufuu walitti ta’u namni hundi akka isaa tti akka yaadu, ilaalcha isaa akka qabaatu, kan inni itti amanu tti akka namni amanu barbaada. Ilaalchi akkasii sirrii miti. Namni ilaalcha, amala fi amantii garaagaraa akka qabu beekanii waliif simachuun milkaa’uuf nama gargaara.
2-KABAJA
Kabaja jechuun, ilaalcha gaarii nuti namaaf qabnu; akkataa nuti nama itti ulfeessinu ykn ol ol qabnu jechuudha. Namni garaagarummaa walii erga waliif hubatee waliif kabaju qaba. Ilaalcha nama tokko yoo kabajjeef, innis ilaalcha kee siif kabaja. Amantii nama tokkoo yoo kabajje, innis amantii kee siif kabaja; fedhii isaa hubattee yoo isaaf kabajje, innis fedhii kee siif kabaja. Otuu nama hin kabajiin kabaja nama irraa eeguun gowwummaa dha. Wal kabajuun wal gidduu tti jaalala uumuu dha; akkasumas humna waliif ta’uudha. Kabajni yeroo wal qixa ta’u guddinaaf karaa namaaf saaqa.
3- JAALALA
Jaalalli akka simmintoo dha. Hidhaa waan hundumaati. Gamoon guddaa tokko simmintoo dhaan wal qabata. Akkasuma jaalalli nama waliin jiraatu ykn nama waliin hojjetu tokko Kan walitti hidhu dha. Abiddi boba’aa jiru tokko itti fufee akka boba’uuf qoraan itti daddabaluu; itti tuttuqachuu qabna. Yoo akkas hin goone abiddichi ni dhaama. Jaalalli kunuunsuu barbaada, itti tuttuqachuu barbaada. Sin jaalladha jechuun faayidaa hin qabu yoo hojiin hin mul’isne. Namni wal jaallatu muudaa waliif dhoksa, waliif obsa, kufaatii waliitti hin gammadu, irra daddarbaa walitti hin lakkaa’uu waliif dhiisee waliin gammada malee. Namni jaalalaan yeroo wal duukaa jiraatu ykn waliin hojjetu gammachuun isaa ni dabala. Namni gammachuu qabu humna qaba. Namni humna qabu immoo waa hojjechuun isa hin dhibu.
4-TOKKUMMAA
Tokkummaa dhugaa kan nama gidduu tti uumu, ilaalcha, amalaa fi amantii tokko qabaachuu osoo hin taane, garaagarummaa qaban waliif hubatanii yeroo waliif kabajanidha. Akkas jechuun hundeen tokkummaa hubannaa fi kabaja dha. Tokummaan hubannaa fi kabaja of keessaa hin qabne tokkummaa miti. Of tuulummaa fi ofittummaan farra tokkummaadha. Qaamni waliin hojjetu tokko of tuulummaa fi ofittummaa irraa bilisa ta’uu qaba. Isa hubateef adda addummaan(diversity) miidhagina. Adda addummaa kana waliif simatanii waliif kabajuun gara tokkummaa tti nama geessa! Namni tokko ta’ee waliin hojjetu akka inni hin milkoofne kan daangessu hin jiru.
5-DINQISIIFACHUU
Akka maatii tti, akka hiriyaatti, akka waliin hojjetutti, akka qomoo keetti wal dinqisiifachuun ykn wal galateeffachuun; wal leellisuun akka namni isa darbe caalaa waan guddaa hojjetuuf wal kakaasuuf nama gargaara. Walii walii keenyaaf gatii kennuu qabna. Wal ulfeessuu fi wal leellisuu aadaa haa godhannu. Nama tokko akka inni cimu, akka inni fuul duratti tarkaanfatu gochuu yoo barbaadde galateeffadhu ykn dinqisiifadhu. Egaa namni tokko yeroo waliin jiraatu keessatti ykn yeroo waliin hojjetu yoo wal galateeffate, yoo wal leellisse, yoo wal ulfeesse jaalala fi kabaja wal gidduu tti uuma; waliin milkaa’a!
Egaa walumaa galatti namni waliin jiraatu ykn waliin hojjetu tokko milkaa’uuf adda addummaa walii hubatee, waliif simatee, waliif kabajee jaalala fi tokkummaan wal wajjin hojjechuu qaba.
–
Lati Hirpa Hunde
Waan addunyaa tanarratti taane himachuu osoo hin taane waan addunyaa tanarra tahuuf dhufne beekuutu dirqama.
Friday, January 27, 2017
NAMNI AKKAMIIN WALIIN MILKAA'A?
Subscribe to:
Post Comments (Atom)
Biyyaaf Malee Biyyeef Hin Qabsoofne[ Sheikh Aadam Tuulaa]
Biyyaaf malee biyyeef hin qabsoofne Sheik Adam Tula Seenaa gabaabaa Muftii Sheekh Aadam Tuulaa (Rahimahullah) Sheekh Aadam Ahmad Hammarroo ...

-
Silaallee uleen caphee kan Abbaa Gadaa hincaphuu, Beekaa irra kutne malee, seenaann hiyyeeysa hinqabuu.Ja’a Alii Birraa bar kurnee afur...
-
Seenaa ergamaa keenyaa dhalootarraa hanga du'aatti kan maxxanse Jafar Bayan . PDF isaa buufattanii dubbistanii seenaa isaa barach...
-
Biyyaaf malee biyyeef hin qabsoofne Sheik Adam Tula Seenaa gabaabaa Muftii Sheekh Aadam Tuulaa (Rahimahullah) Sheekh Aadam Ahmad Hammarroo ...
No comments:
Post a Comment