BAARRILEE/BACCARROO - Pityriasis Versicolor/Tinea Versicolor
*************************************
Dr.Nuredin L irraa
Baarilee Ykn Baccarroon dhukuboota gogaa namaa irratti mul'atan/bahan kan maqaan Afaan Oromootiin beekaman keessa isa tokko. Innis faangasii gogaa keenya irra jiraatuun kan dhufu yoo ta'u, tuttuqqiidhaan ykn uffata nama isa qabuu uffachuun nama san irraa gara nama birootti hin darbu. Yaalamuu dhabuunis lubbuu namaa balaaf kan saaxiluu miti. Sanyiin firaan/dhiigaanis hin daddarbu.
---
Faangasiin rakkinna gogaa kana fidu gogaa nama hundaa irra kan jiraatu/argamu yoo ta'u, sababni inni namoota tokko tokko irratti rakkoo akkasii fiduuf guutumaan guututti kan beekamuu miti. Maqaan faangasiichaa "Malassezia" jedhamuun beekama. Rakkinni gogaa kuni ammoo maqaa "Pityriasis Versicolor"/" Tinea Versicolor " jedhamuun beekama.
---
Faangasiin kun fayyaa namaa kan hiin miine(miidhine) ta'uyyuu yeroo tokko tokko haala malee baldhachuun morma, quceefi dugda gara gubbaa jiru dhunfachuun argaa bareeda nama miidhuu danda'a. Darbee darbee hoqxoo xinnoo qabaachuu mala. Baccarroon yeroo tokko ofuma isaati qaama irraa badaa yeroo kaan deebi'uu danda'a. Yeroo baay'ee Namoota qilleensa hoo'aa jidhaa keessa jiraatan akkasumas baay'inaan dargaggoota Umrii digdamanii keessa jiran irratti mul'ata.
-----
Baarrilee/Baccarroo yoo of-irratti argine mala ittiin balleessu dandeenyu keessa:
*Qullubbii adii tuttumnee bulleesuun jiidha ishee san iddoo gogaa rakkina kana qabuutti dibachuu. Daqiiqaa soddoma booda bishaan qulqulluun dhiqachuu. Yoo xiqqaate guyyatti al lama akkas gochuu.
*Cuunfaa Loomii bishaan dachaa isaatiin Wolitti maknee dibachuu. Ergasii guyyaa tokko bulchinee dhiqachuu.
*Nadhii dammaa (damma uumamaa) haphisnee gogaa hubame san irratti dibuu. Yoo xiqqaate dhiqachuu keenyaan dura sa'a lamaaf turu qaba. Kanas guyyaa guyyaadhaan torbaan lamaaf gochuu.
*Shalalaa/Ayibii/ haphifnee daqiiqaa soddomaaf dibachuu san booda qulqullessinee dhiqachuu.
---
Karaaleen armaan olitti eeramaniin yoo baduu dhabe:
* Doktoraaf rakkina gogaa kana kan biroo irraa addaan baasuuf salphaa waan ta'uuf deemanii laallaamuun barbaachisaa ta'a.
-Haala rakkinna gogaa keessanii erga ilaalee booda Doktorri keessan Shampoo ittiin miicatan kan qoricha of keessaa qabuu, ykn qoricha gogaa irratti dibatamu, ykn qoricha liqimfamu isiinf ajajuu mala.
----
Ulfaadhaa!
Horaa, bulaa, deebanaa!
Waan addunyaa tanarratti taane himachuu osoo hin taane waan addunyaa tanarra tahuuf dhufne beekuutu dirqama.
Subscribe to:
Post Comments (Atom)
Biyyaaf Malee Biyyeef Hin Qabsoofne[ Sheikh Aadam Tuulaa]
Biyyaaf malee biyyeef hin qabsoofne Sheik Adam Tula Seenaa gabaabaa Muftii Sheekh Aadam Tuulaa (Rahimahullah) Sheekh Aadam Ahmad Hammarroo ...

-
Silaallee uleen caphee kan Abbaa Gadaa hincaphuu, Beekaa irra kutne malee, seenaann hiyyeeysa hinqabuu.Ja’a Alii Birraa bar kurnee afur...
-
Seenaa ergamaa keenyaa dhalootarraa hanga du'aatti kan maxxanse Jafar Bayan . PDF isaa buufattanii dubbistanii seenaa isaa barach...
-
Biyyaaf malee biyyeef hin qabsoofne Sheik Adam Tula Seenaa gabaabaa Muftii Sheekh Aadam Tuulaa (Rahimahullah) Sheekh Aadam Ahmad Hammarroo ...
No comments:
Post a Comment