Sunday, September 03, 2017

Dogoggorri xiqqaan siyaasaa keessatti balaa guddaa uuma.

“DOGOGGORRI XIQQAAN SIYAASAA KEESSATTI MUDATU BALAA GUDDAA UUMA !”

Rogeeyyoota (activistoota), deeggartootaa, barreessitootaa fi firoota qabsoo Oromoo mara yaadachiisa ammaas tahee, fuula duraas qabsoo keenyaaf ijoo tahe tokkoon qaba. Akkuma beekkamu yeroo ammaa qabsoon bu'aa guddaa qindoominaan akkuma buusaa jirtu, hanqinoonni xixiqqoo mul'ataniis miidhaa geessisaa jira. Hanqinni xixiqqaan deemsa qabsoo keessatti mul'atu kamuu laabraatoorii siyaasaa keessatti maaykiraaskoppiin guddifamee waan laalamuuf if eeggannoo guddaa godhuutu nurra jiraata. Akkuma daandurreen (micro Organism) ijaan hin agarre dhibee adda addaaf nu saaxiluu danda'an, dogoggoroonni xixiqqaan qabsoo siyaasaa keessatti nu mudataniis balaa guddaa nutti fiduu danda'an. Haaluma kanaan yeroo ammaa kanatti dogoggoroonni xixiqqaan osoo beeknuus tahee hin beekin hojjannu baayyee tahullee, akkaan ani irra gahetti hangafoonni iccitii odeeffannoo facaasuu, hirmaannaa diinagdee roga balaa qabuun daddabrsuu fi dirmannaa qabsoo Oromootiif bifa humnaa fi meeshaan godhamu sirnaan eegachuu dadhabuun ijoo yoo tahan,  miidhaa fi furmaata isaanii tokko tokkoon dhilliyyinee (bal'ifnee) haa laallu.
 
1) Odeeffannoo Iccitii Tahuu Qaban Facaasuu Dhabuu.

Qabsoo godhamu kamuu keessatti odeeffannoon meeshaa guddaadha. Keessattuu warra akka keenyaa kan qabsoo fi warraaqsa sochii ummata bal'aa irratti hundaa'e biyya alagaan koloneeffatamte keessatti godhuuf odeeffannoo fi iccitiin dhimma baayyee murteessaa dha. Odeeffannoon xiqqoon osoo beeknuus tahee osoo hin beekne nu harkaa baatu lubbuu lammiilee hedduu galaafachuu daran adeemsa qabsoo qancarsuu fi qabsaa'oota gaaga'uun abdii kutannaa dhalti. Diinni iccitii nu harkaa baatetti dhimma bahee hojii warraaqsa itti doomsu danuu argatee if eewaluuf illee tarkaanfii cimaa fudhata. Odeeffannoon nu biratti laaftuu fi xiqqoo fakkaattu cufti diina faallaa keenyaa biratti gatii guddaa qabdi. Yoo nuti odeeffannoo keenyaaf osoo hin dhimmamne bilisatti dabrisinee alagaaf kan kenninu tahe gaaga'ama dhuufu tilmaamuun waan nama rakkisu natti hin fakkaatu.

Keessattuu warra warraaqsa isaa ujummoo qunnamtii odeeffannootiin (Information Technology)tti harka caalaa dhimma bahu kan akka keenyaa kana keessatti miidiyaan hawaasaa akkuma odeeffannoo saffisaan waliin gahuuf bu'aa qabu, dhiibbaa fi miidhaa guddaas qaba. Teknooloojiin qunnamtii faayda guddaa osoo qabuu miidhaa isaa xixiqqaas eeggachaa yoo itti hin fayyadamne gaaga'amni isaa balaa guddaa dhala. Kanaaf yeroo ammaa iccitii guddaan nuti bilisaan fuula 'facebook' keenyarratti dhangalaasaa jirru osuma nu fayyaduu nuus miidhaa, qabsoo teenyaas maxachaa jiraachuu hubachuu dadhabuu fi itti  dhimmamuu dhabuu irraa deemsa qabsoo keenyaa dabarsinee bilisaan laachaa jiraachuu keenya mirkaneessa. Waan arkanne mara odeeffanno jannee yoo fuula miidiyaa hawaasaa irratti dhoobne iccitii keenya bilisaan alagaaf hiraa jiraachuu keenya mul'isa. Odeeffannoo nuti akkuma arganneen fuula facebook irratti maxxansinuun miidhaa uumamaa jiru tilmaamuu waan dadhabne fakkaata. Kanaaf odeeffannoo silaa iccitii godhuu qabnu hunda fuula intrrneetii irratti maxxansuu irraa osoo of qusannee gaarii dha. 

Kana malees odeeffannoo dogoggoraa kan diinni akka nutummaan wal dhooynuu fi walitti bobbaanu akkasumaas adeemsa qabsoo keenyaa sobsiisuuf fayyadamulleen akka jiru addaan baafnee beekuun gaarii dha. Yeroo hedduu mootummaan wayyaanee tooftaan qabsoo keenya ittiin fashaleessu keessaa tokko odeeffannoo sobaa nama qabsoo Oromoof dhimmamu fakkaatee eega dabarse booda iddoo odeeffannoon san irratti xiyyeefatu dhaqee wanti isaan odeessan soba jechuun qabsoo Oromoo fashaleessaa ture.

Kanaaf, Iccitii odeeffannoo keenyaa eeggachuun qabsoo qofa keessatti osoo hin taane jiruuf jireenya hawaasummaa keessattiillee barbaachisaa dha. Iccitii eeguun barbaachisaa tahuu daran ammaas dugugguruu qabsoo tahuu namni hin hubanne qaawa qilleensi diinaa nuttiin seenu banaaf. qabsaa'oonni, rogeeyyoonni, deeggartoonni fi barreessitoonni kamiyyuu yoo Oromoofiin dhimmama ja'e fakkeenyummaa Jaal Haaji Aadam Saaddoo fudhachuu qaba. Xalayaa iccitii xiqqaa qabdu nyaatee "Wanti garaa nu baate garatti nu deebitee amma waan feetan nu godhuu dandeessan." Jaal Aadam Saaddoo ja'ee san irra waan guddaa barachuu fi hubannee hojitti hiikuus qabna.

2) Dirmannaa Hawaasni Biyya Waliif Godhu Gad Fageenyaan Himuu Dhiisuu.

Hawaasni keenya bakkaa adda addarraa yeroo waliif tumsan keessafuu kan biyya keessa jiraatan, tumsa waliif godhan gosa gosaan adda babaasanii (In Details) himuu hin feesisun. 
Fkn:- Hawaasni aanaa weerarame tokko gargaaruuf qawween ykn firii rasaasaan (Ilmoon) kan arjooman yoo tahe osoo dirretti hin baafne dhoksaan yoo biraan gahan gaarii dha. Sababni isaa wayyaaneen basaastuu fi gantuu bakka hundaa qabdi waan taheef hidhannoo ummaanni keenya hidhatu irraa hiikuu fi firii irraa saamuu dandeeysi. Ammas kana godhaas jirti. 

Qaaman bakkatti argamanii goollisuu yoo barbaadaniis bifuma dhoksaa taheen battalumatti argamnii eega haleelan ykn ergama galmaan gahan booda tumsi godhamuu isaa ummataaf yoo ibsan gaarii taha. Iccitiin waliif dirmannaa keenyaa roga hidhannootiiniis tahe roga diinagdeetiin godhamu kamuu gonkumaa wayyaanef ifa tahuu hin qabu. Kuni ammoo daran nu jabeeysee diina keenya caalatti maraacha sababa taheef. Ummata gargaarsaf dhufan sanillee rakkisuu waan malaniif. Hawaasa naannoo saniitis wayyaanen irratti xiyyeeffattee gaaga'ama biraatif akka hin saaxilleef isaan fayyada je'een yaada.

Bara tahe sirnaan hin yaadadhu malee yeroo tokko Raadiyoon Sagalee Bilisummaa Oromoo (SBO'n) namoota biyya keessaa ABO'f deeggarsa adda addaa godhan maqaa sirrii fi teessoon tartiibeessee ibsuun namoonni baayyeen gaaga'ama hamaaf saaxilamanii, gariiniis mana hidhaatti guuramanii akka turan niin yaadadha. Yeroo ammaa wayta qabsoon Oromoo sadarkaa guddatti tarkaanfatte jirtu kanatti namoota dhunfaa kan deeggarsa kamuu biyya keessaa godhan kan akka abboottii qabeenyaa, aanga'oota mootummaa fi garee hawaasummaa biyya keessaa roga adda addaatiin gumaacha godhaa jiran dirree baasaanii roga miidiyaa kamiinuu himuun diinaaf dabarsanii laachuu waan taheef kaayyoo diinaatiin addaa hin laalamu. Kanaaf, namni qabsoo Oromoof dhimmamu kamuu namoota dhunfaa biyya keessaa deeggarsa laatan maqaa dhugaa fi teessoo isaa himuun hin barbaachisu.

3) Diinagdee Qabsoo Of Eeggannoo Malee Daddabarsuu Dhiisuu.

 Qabsoon gaggeeffamu kamuu humna namaa, diinagdee, tooftaa fi tarsiimoo siyaasaa fi mala saayinsaawaan yoo hin deeggaramne carraan galma gahiinsa isii xiqqaa dha. Diinagdeen humna qabsoo guddaa fi qirixxee duugdaati. Keessattuu hawaasni keenya wayta ammaa gumaachi diinagdee qabsoof taasisuu jalqabe kan nama ajaa'ibsiisuu, kan hamilee nama jajjabbeessuu fi kan nama gammachiisu tahuu daran, ummanni keenya biyya alaa fi biyya keessaas hangam akka qabsoof dheebotee, hangam akka walabummaa fi bilisummaaf hawwellee kan namatti mul'isuu dha. Haa tahuu garuu wanti eeggachuu qabnu guddaan diinagdee qabsoof guuramu kana bakka barbaachisuu fi dhimma guurameef bira karaa iccitaawaan yoo gahe malee, tasa daandii irraa maqe taanaan gaaga'ama guddaa fida. Diingdee kana daddabrsuu keessatti rakkoo fi qaawni akka hin uumamne kallattii naannawaa fi iccitaawaa fayyadamuun dirqama.

Fnkf. Biyya alaatii yeroo qabsoon finiinu maallaqa baankii wayyaaneen to'attutti gara biyya keessaa erguun gaaga'ama guddaa qaba. Diinagdee biyyoota alaatii guuraman gara biyya keessatti dabarsuuf jaarmaalee ykn dhaabbilee daddabarsa maallaqaa (hawaalaa) fi baankitti erguu osoo hin taane, nama amanamaa fi sabboonaa diinagdee qabu biyya alaa fi biyya keessaa uumachuun gaarii dha. Diinagdee biyya alaatti guurame nama saniif kennamee, inni ammoo nama biyya keessatiin wal qunnamee kallattiin akka nama dhimmamee gara bakka qabsoo geessutti kennamu eega godhame booda tooftaan hanga bakka barbaachisu gahutti akka iccitiin dabru godhuun gaarii dha. Eega dubbiin qabbanooyte booda namoonni lamaan biyya alaa fi biyya keessaa san lafa nagayaatti waliif dabarsuun gaarii dha. 

Kana malees tooftaa biraa kan balaa hin qabnetti fayyadamuun gaarii dhaa. Gara fuula duraatti gurmii fi waldoota hawaasummaa fi diinagdee kan qajeelcha sirnaawaa fi adeemsa sirrii fi jabaa tahe qabu, kan dabarsa diinagdee qabsoo irratti biyyaa fi biyya alaa jidduu diriiree hojjachuu danda'u iccitiin ijaaruun dirqama taha. Hubadhaa! Maallaqni nuti qabsoo keenya itti finiinsuu fi qeerroo jajjabeessuuf goonu kun yoo akka tasaa kallattii irraa maqe numatti deebi'ee gaaga'ama hamaa akka fiduu danda'u beekuun gaarii dha. Kanaaf of eeggannoo guddaa godhuu madditti tooftaa fi mala ammayyaawaa salphatti adeemsa diinaaf hin saaxilamne fayyadamuun gaarii dha. Eegaa dubbiftoota keenya qabsoo goonu keessatti dogoggoroota xixiqqaa mara eeggachaa deemuun gaarii dha. Galma gahiinsa qabsoo keenyaaf tarkaanfiin keenya murteessaa tahuu hubachuun warraaqsa jalqabne galma barbaannuun akka geenyuuf yaadachiisaan barreesse asirrattiin guduunfa. Waan hanga xumuraatti na faana turtaniif galatoomaa, Horaa Bulaa!

"Daandii warraaqsaa qulqulluu qabannee galma ni geenya!"

Saphaloo Kadiir | Abdulbasit
Fuulbana, 2017Saphaloo kadiir'n

No comments:

Biyyaaf Malee Biyyeef Hin Qabsoofne[ Sheikh Aadam Tuulaa]

Biyyaaf malee biyyeef hin qabsoofne Sheik Adam Tula Seenaa gabaabaa Muftii Sheekh Aadam Tuulaa (Rahimahullah)  Sheekh Aadam Ahmad Hammarroo ...