Sunday, January 08, 2017

Dirmannaa yaada araaramaa social media irratti kennuu


Hawwii fi fedhiin ilma namaa daangaa hin qabdu, dantaa ofii caalaa dantaa saba baldhaa haakabajnuu?

Yeroo qabsoon saba oromoo bakka danqaa jirtu kanatti dhagaa walitti haruun maalif barbaachise? Qabsoon oromoo cunqursaa mootummaa Abbaa irree jalaa baatee gootota ilmaan oromoo hiriyaa hin qabneen jaarraa hedduu booda dhaloota oromoo hunda dammasitee jirtu kanatti  waldura dhaabbachuun wama jiru kun maalif yoo jettan nuti oromoon saba baldhaa ilaalcha adda addaa, Amantii adda addaa,aadaafi wkfn qabuudha.

Waldhibdeen keenya ammaaf diina yoo gammachiisellee boodaf barnoota nuutaha.
eegaa yaa ilmaan oromoo dantaa dhaaba siyaasaa keessa jirruutif jannee, nama oromoof hojjetu kabirarratti yooduulle ijaaramuun saba oromoo waggaa 25 of duuba akka deebinu nugodha. Qabsoo bilisummaa oromoo keessatti jaallan hiriyaa hin qabne kan akka Jaal Nadhii gammadaa, jaarraa Abbaa gadaa, Elemoo Qilxuu, Taaddasaa birruu, maammoo muzambil, J/waaqoo Guutuu, Husseen Bunee,fi ilmaan oromoo hedduu itti dhabne oromumman dhiigaan ijaaramteet lafeen utubamtee as geesse.

Ilmaan oromoo addunyaa tana mara keessa jiran akkuma amalaan garagaratti addaddummaa yaadaatiinis garagara maalif yaadan tokko hin taane yoojenne heera uumaatu nudaangessa.
Yaadaan waldhabuun wama jiru garuu, maalirratti waldhabne? Eenyuuf waldhabne? Waan irratti waldhabne San ammaaf dhiifnee boodaf yoo mariin furanne hoo?  Waldhabbiidhaan wajji hojjechuu wayya moo? Waliigalteen qabsoo sabaa ifdura oofuu wayya?  jennee yeroo kamiyyuu caalaa hafuura tokkummaafi jaalalaatin ummata oromoo jiddutti muldhachuun amma yeroon isaa.

Kabeeku waan beeku dalagaa,kanbeeyne waan beekan dalagu San dalagaa je'an.
Yoo ofii waan gaarii nama dalagu hin taane callifnee gurra hawaasa dhaggeeffachuu. Abalu nama kana arrabseef arrabsuu irraa of qusachuu, abalu isa faarseef, faarsuu dhiisuu,abalu garee kana deeggaraaf deeggaruu osoo hin taane, barbaachisummaa isaa erga hubatte booda ejjennoo mataa keetin deeggaruun mirga keeti.
Abbaan fedhe waan fedhe haadalaguu haadubbatuu osoo waan San hin hubatin dubbachuufi itti amanuun dogoggora.

Yeroo baayyee wallaalan nama oromoof dalagu ykn dubbatu abaarra. Qabsoon bilisummaa oromoo harka qeerroo oromoo oromiyaa jirtuun wixinamti malee fakkeessitoota fbtin miti. Qabsoon bilisummaa oromoo humna nama baratetti haajomti malee maqaa jijjiirratanii daggala fb irra hololuun hin milkooytu haga dhugaan aloolanitti. Yeroo dhimma sabaa dubbachuuf kaane gita keenyaan haadhaabbannuu akka nutti fakkaate hunda dubbachuufi dalaguu osoo hin taane maaltu duuban dhufaa xiinxaluun bareeda. Dubbiin a'oo 30 baate nama 30 hin habqattu. Arraba hamaa facaasurra hafuura tokkummaa haa diriirsinuu gootowwan akka bekele gerba, merera guddinaa haa yaadannuu kaayyoosaanii galmaan gahuuf .wayyaanef guuza hin baanu waltaanee tokkummaan galma yaanne geenya.

No comments:

Biyyaaf Malee Biyyeef Hin Qabsoofne[ Sheikh Aadam Tuulaa]

Biyyaaf malee biyyeef hin qabsoofne Sheik Adam Tula Seenaa gabaabaa Muftii Sheekh Aadam Tuulaa (Rahimahullah)  Sheekh Aadam Ahmad Hammarroo ...