Monday, January 09, 2017

jawar Mohammed 2016 dantaa addaa Oromiyaan finfinnee irraa qabdu

DANTAA OROMIYAAN FINFINNEE IRAA QABDU 
by 
OPDOn ammas ofii Wayyaaneen gowwomtee Oromoo gowwoomsuuf tattaafataa jirti. Kunis dantaa  Oromiyaan Finfinerraa qabdu eegsisuuf deemna jedhan. Dantaa Oromiyaa kana yoo tarreessan
1) Oromiyaan waajiroota Finfinnee keessaa qabaachuu
2) Oromoon Finfinnee keessaa galma aadaa qabaachu
3) Manneen barnoota Afaan Ormoo barsiisan Finfinnee keessa jiraachuu jedhanii lafa kaayan ( ibsa Dhaabaa Dabalee torban dabre kenneefi waan amma miidiyaan isanii hafarsu laalaa)
Kun qaanii guddaadha.
1) Finfinnee kessaa waajjira qabaachuun dantaa addaa Oomiyaatii miti. Jibuutii, Koongoofi Chaaynaanis ni qaban.
2) Oromoon Finfinnee keessa galma aadaa qabachuun gaariidha. Kun garuu dantaa Oromiyaan Finfinnerraa qabdu jechuu miti. Galma aadaa Finfinnee keessaa Ruusiyaafi Faransaayis ni qaban.
3) Afaan Oromoo Finfinnee keessatti baratamuun ilmaan Oromoo jiraattota magaalattii ta'aniif faaydaa qaba. Kun garuu dantaa Oromiyaatii miti. Kan jiraattota Finfinnee malee.  Sanuu ammoo bar manneen barnootaa mootummaa Finfinne keessatti Afaan Oromoo ha dabalamuu osoo hin taane manneen barnootaa addaatitu Oromoof banuuf deeman. Kana jechuun faaydaadhuma Amaarri Oromiyaa keesstti  argataa jirullee hin gahu. Akkuma beekkamu waggoota dheeraaf warri Afaan Oromoo barachuu hin barbaannee manneen barnootaa Oromiyaa keessatti Afaan Amaaraatin barataa jiran.
Dantaa takkaahuu faaydaa ( national interest) ummata tokkoo jechuun maal akka ta'eeyyuu waan galeef hin fakkaatu. Yoo dubbiin jalaa galte akka galtuufitti bifa armaan gadiitin keenya. Dantaan Oromiyaan Finfinnee irraa qabdu  bifa lamaan hojitti hiikkama;
1) Bulchiinsa magaalatti keessaa qooda seeraan kaayame qabaachuu( bulchiinsa waloo/joint administration)
2) Galii isii qoodachuudha ( revenue sharing)
Bifa kanaan dantaan Oromiyaan Finfinnee irraa qabdu hojitti hiikame kan jedhamu galii magaalattin argattu Oromiyaan yoo qoodatte ( shared revenue), kana gochuuf ammoo bulchiinsa magaalatti keessaas qooda qabaachuu barbaachisa ( joint administration). Yeroo kana jennu kunoo Finfinnee Dirribaa Kumaatu bulchaa  jetti ta'a. Akkasii miti.
Bulchiinsa waloo ( joint administration) jechuun teessuma mana marii fi hojii raaw'achiiftuu magaalattii keessaa Oromiyaadhaaf dhibbeentaan kennamuu qaba. Kantiibaan Finfinnee Oromoo ta'uuniifi Oromiyaan bulchiinsa Finfinnee waloon bulchuun garaagarummaa guddaa qaba. Akkasumas qoodni Oromiyaan galii diinaggee Finfinnee irraa argattu dhibbeentaan lafa kaayamuu qaba.
Kana ammoo akkaataa OPDOn amma ummata qabbaneessuuf wixxifattu kanaan waan ta'uu miti. Dura Caffeen Oromiyaa walgahee Oromiyaan Finfinnerraa qooda bulchiinsaatifi diinaggee dhibbeentaa hammanaa argachuu qabdi jechee murteesse mootummaa Federaalaatiif dabarasa. Sanitti aansee heerri Itoophiyaa keewwaanni 49 hiikkamee dantaa diinaggeefi bulchiinsaa Oromiyaan Finfinneerraa argachuu maltu akka armaan olii kanatti dhibbeentaan kaayuu qaba. Sanitti aansee heerii bulchiinsa magaala Finfinnee fooyya'ee qooda Oromiyaan magaalattirraa qabdu san ifatti lafaa kaayuu raggaasisuu qaba. Ergasii Oromiyaan bakka bu'oota ishee bulchiinsa Finfinnee keessa glachitee dantaa diinaggee ishee san hojitti hiiksifti.
Kanaafuu OPDOn waan hin beeyneefi hin taane keessa seente lallaqachuun orma ofitti kofalchiiftee Oromoo qaanessuu dhiisuu wayyaaf. Ummanni keenyas qoosaa tapha joollee OPDO kanaaf gurra laachuu dhiisee qabsoo isaa finiinsuutu dantaa inni Finfinnerraa qabu hojitti hiikaaf.

No comments:

Biyyaaf Malee Biyyeef Hin Qabsoofne[ Sheikh Aadam Tuulaa]

Biyyaaf malee biyyeef hin qabsoofne Sheik Adam Tula Seenaa gabaabaa Muftii Sheekh Aadam Tuulaa (Rahimahullah)  Sheekh Aadam Ahmad Hammarroo ...