Dr.Nuredin L. Irraa

---
Vaayirasiin Tiruu /Hepatitis Virus/ vaayirasoota gartuu/gosa garagaraa ta'anii isaan irra jireessaan Tiruu miidhan dha. Vayirasiin kunniin 'Hepatitis (A, B, C, D, fi E ) virus' jedhamanii beekamu.
---
---
HEPATITIS 'A' VIRUS:
• Inni kuni vaayirasii tiruu daddarbaa ta'an keessaa isa tokko ta'ee nama isa qabu irraa gara nama biraa hanqinna qulqullinna nyaata, bishaaniifi nama dhukkubsateen hariiroo wolitti dhihoo ta'e qabaachuun darba.
• Yeroo gabaabduuf tiruu keenya haalaan miidhuu danda'uyyuu rakkinna yeroo dheeraatif tiruu keenya hin saaxilu.
• Dhukkubni tiruu vaayirasii kanaan dhufu otoo hin yaalamin ofinuu baduu/fayyuu danda'a. Qulqullinna nyaataaf dhugaatii keenyaa eguun. Bishaan qulqulluu fayyadamuun carraa vaayirasii tiruu kanaan qabamuu gadi buusuu ykn hambisuun ni danda'ama.
---
---
HEPATITIS 'B' VIRUS:
• Inni kun vaayirasii tiruu baay'e hamaa ta'eefi miidhaa yeroo dheeraa fiduu danda'u dha.
• Vaayirasiin kun akka nu hin qabneef talaliin fudhatamu jiratuyyuu vaayirasii kanaan takka qabamnaan qaama namaa keessa hin bahu/badu.
• Vaayirasiin inni kun miidhaa/dhukkuba tiruu yeroo gabaabaa ji'a jahaa gadiif turu (Acute viral Hepatitis) ykn dhukkuba yeroo dheeraan booda namatti deebi'ufi nama irra turu (Chronic Viral Hepatitis) fiduu danda'a.
• Carraa vaayirasiin hepatitis B kun dhukkuba yeroo dheeraa fiduu ka murteessu umrii itti vaayirasichi qaama namaa seenee dha. Umrii kun Xiqqaa yoo ta'e carraan dhukkuba yeroo dheeraa/dheeraaf qabaachuu guddaa ta'a. Fakkeenyaaf daa'imman yeroo cininsuu ykn dahumsaa haadha irraa vaayirasiin kun itti daddarbe carraa dhukkuba yeroo dheeraa qabaachu parsantii 90-95 qabu. Yoon nama guddaa ta'ee Vaayirasii Hepatitis B kanaan qabame carraan dhukkuba yeroo dheeraa (Chronic Viral Hepatitis) qabaachu parsantii 5-10 qofadha.
• Vayirasiin Tiruu kun (Hepatitis B Virus) kun Tiruun keenya dalagaa ishee akka dadhabdu, Kaansarii tiruutiif akka saaxilamtu akkasumas godaanisoofte ( 'Cirrhosis'- goddanisa umtee ) akka haftu gochuu danda'a.
• Vaayirasiin kun nama Isa qabu irraa gara nama biraa Wol qunnamtii saalaa hin ittifamne gochuun, waan qara
qabu woliin fayyadamuun,
dhiiga fi dhangala'oo biroo(hancufa, isparmii fi kkf) nama vaayirasii kana qabu irraa bahan/jigan akkuma argan qaqqabu/tuttuquun, akkasumas yeroo dahumsaa haadha irraa gara da'imaa daddarba.
• Vaayirasii kanaan akka hin qabamneef: Wol qunnamtii saalaa hin ittifamne gochuu dhabuu, waan qara qabu woliin fayyadamuu dhabuu, dhiiga fi dhangala'oo biroo kan qaama nama biraatii bahan/jigan akkuma argan qaqqabu/tuttuquu dhabuu, yeroo ulfaa qorannoo vaayirasii kanaaf qabaachuu ilaaluuf godhamu gochuun da'ima keenyatti akka hin dabarre talaallii vayirsii kanaaf daa'ima keenya qopheessu/qophayuu.
• Talaalliin namoota carraa vaayirasii kanaan qabamuu danda'aniif kennamu ni jira.
---
---
HEPATITIS 'C' VIRUS
• Akkuma Vaayirasii Hepatitis 'B' san dhukkuba tiruu yeroo gabaabdu fi dhukkuba tiruu yeroo dheeraaf nama wojjiin jiru fiduu danda'a.
• Isaan Vaayirasii kanaan qabaman keessaa ℅ 70-85 kan ta'an dhukkuba Tiruu yeroo dheeraa nama wojjiin turuun qabamu danda'u.
• Qaamni keenya dhukkubni kun balaa yeroo dheeraa akka hin fidne yeroo hedduu ittisuu danda'ayyuu namoota tokko tokko irratti Tiruun akka dadhabdu, Kaansarii tiruutiif akka saaxilamtu akkasumas godaanisoofte ( 'Cirrhosis'- goddanisa umtee ) akka haftu gochuu danda'a.
• Karaan hedduun vayirasiin kun Ittiin nama qabuuf daddarbu kan Vaayirasii Hepatitis B wolfakkaata yoo ta'u wontoota/barteewwan sanniin balleessun/hanbisuun Vaayirasii kanaan akka hin qabamne nu gochuu mala.
• Vaayirasii Hepatitis 'C' kun qoricha farraa Vaayirasii (anti-viral medications) ji'oota hedduuf fudhatamuun akka dhiiga keenya keessatti hin mul'anne/badu gochuun ni danda'ama.
• Virus inni kun talaallii hin qabu.
---
---
HEPATITIS 'D' VIRUS:
• Vaayirasiin kun dhukkuba fiduuf gargaarsa Vaayirasii hepatitis B kan barbaadu yoo ta'u Vaayirasii Hepatitis B wojjiin ykn Tiruu Vaayirasii Hepatitis B'n dadhabde hubun/qabuun miidha tiruu keenya irratti fida.
• Yeroo hedduu Vaayirasiin kun dhiiga keenya keessa ufuma isati baduu danda'uyyuu rakkinnoota yeroo dheeraa Vaayirasiin Hepatitis B fidu sanniinis fiduu danda'a.
• Karaan inni Ittiin daddarbus kan Vaayirasii Hepatitis B tiin wolfakkaataadha.
---
---
HEPATITIS 'E' VIRUS:
• Yeroo hedduu dhukkubni Tiruu Vaayirasii gosa kanaan dhufu turti yeroo gabaabdu booda ofuma isati baduu kan danda'u ta'uyyuu darbee darbee Tiruun keenya yeroo gababdu keessatti akka dadhabdu gochuu danda'a.
• Inni kunis akkuma Hepatitis A Virus san dhukkuba Tiruu yeroo dheeraa hin fidu.
• Vaayirasiin kun nyaataaf bishaan qulqullina hin qabne, foon dheedhii horii vaayirasi kana qabu, akkasumas dhiiga nama vaayirasi kana qabuu fudhachuun daddarba.
----
----
Mallattooleen Dhukkuba Vaayirasii Tiruu Maal Fa'a?
- Nama dadhabsiisuu
- Nama lolloojjessuu fi haqqisiisuu
- Dhukkubbi garaafi Garaan nama muruu kessattu naannoo tiruun keenya argamtu irratti.
- Hoo'a qaamaa
- Fincaani gurrachayuu ykn boora ta'uu.
- Iddoo cabsata qaamaa garagara irratti dhukkubbiin namatti dhagahamuu.
- Qaama nama hoossisuu.
- Gogaafii ijji keenya boora ta'uu
- Fedhi nyaataa gadi bu'uu
- Garaafi miila nama i'itessu/fuffursuu.
- Haala salphaan dhiiguu. Yoo dhiiges dhiigni haala salphaan dhaabachuu dhabuu.
* Sadarkaa Vaayirasiin kunniin Tiruu keenya miidhee jiru irratti fi gosa vaayirasii kanniin irratti hunda'uun mallattoolee garagaraa kan biroos mul'achuu danda'an.
---
Ulfaadhaa!
Horaa, bulaa, deebanaa!
No comments:
Post a Comment