Kitaaba Sirna abbaa irreetirraa gara dimokraasii ja'u hayyoonni oromoo Afaan oromotti jirjiiran kana→ As tuqaa buufadhaa adeemsa qabsoon oromoo keessa dabarteefi irra jirtu salphatti hubachuu dandeessu. Maarree waliif dabarsuu hin dagatinaa warra hin argatiniif
Waan addunyaa tanarratti taane himachuu osoo hin taane waan addunyaa tanarra tahuuf dhufne beekuutu dirqama.
Thursday, October 26, 2017
Friday, October 20, 2017
"Nyaadhee fixuu dadhabus facaasee fixuu hin dadhabu" jette lukkuun
"NYAADHEE FIXUU DADHABUUS, FACAASEE FIXUUN DADHABU!" JATTE LUKKUUN. | Waliif share godhun sittin ulfaatin
Qabsoon godhamu kamilleen tarsiimoo, ijaarsa, gamtummaa fi wal dhaga'uun hornagamtee yoo tarkaanfatte qofa galma barbaachisu saniin gahuun danda'ama. Bifa qindoomina qabu qofaan injifannoo dhugaa fi fiinxa ba'iinsa kajeellu san milkaa'uun danda'ama malee bifa faffaca'aa fi diigamiinsaatiin tarkaanfii takka ejjachuu hin dandeenyu. Haalli dhiheenya kana mul'atu ammoo qabsoo jalqabarraa tarsiimoo siyaasaa fi saayinsiitiin qajeelfamtee deemaa turte jallisuu fi mitiriqsuuf qaamni cubbuun cuuphame gariin waan cabaquu jalqabe fakkaata. Haalli kun ammoo qabsoo fiinxarra geesse deebi'ee qancarsuu madditti qeerroowwan akka habalee qaramtee teepha gabrummaa bara danuu cicciruu jalqabde deebisanii doomsuuf shira xaxamaa jiru tahuun beekkamaa dha. Qeerroon Oromiyaa xurree walabummaa Oromiyaa fi bilisummaa Oromootti nu fullaaftu tahuu jalqabarraa gad qabanii beekan waan taheef warri jiddu lixni gariin kaayyoo qeerroowwan kanaa firfirsuu barbaadan, garuu hin danda'an malee. Facaasuu dadhabaniis garuu deemsaa fi akeeka keenya irraa nu shaakaluun saffisa deemsa qabsoo dhibeeysuu fi tirachiisuu malan jannee shakkuu qabna. Haala garii amma tahaa jiru yoon gad qabee laallu waan hedduutu keessaa nutti mul'ata. Dhiheenyuma kana dubbiin alabaa bilisummaa Oromoo irratti kaatee atakaaroo fi waca wahii uumuun shoorarkaa fi hokkora keessa Oromoo galchuuf yaalanii turan. Haa tahuuti garuu gareen garaaf gaara qaxxaamurte gariin afaanuma qofa qabattee maaliif akka gurra nu duuchitu naaf galuu baatullee, osoo biyya harkatti hin deebifatin alabaa fi asxaaf maraachuun, kan biyyee irra dhaabbannu hin qabne alaabaaf mar'achuun qabsoo hin taatu. Warraaqsa goolabbiif qarqara bilisummaa irra gahee jiru kana micciiruu fi jijjiiruuf warri hamashaa cubbuu hamashatan heddummaachaa jiraachuuniis dubbii biraati. Wayta jirru kanatti abbaan fedhe haa wacuu, kan barbaadees haa irraa qicuu nuti ammoo addaan osoon facaanee kaayyoo dhugaa fi haqa Oromoon ganna dhibbaa oliif irraa agabe san galma dhugaatiin gahuun nurratti dirqama. Kana godhuuf ammoo waan nuuf maluu fi nuuf tolu irratti wal dhagayaa deemuu qabna. Nuti dhaloonni qubee dhaloota 'fidalaa' waliin waliif galuun akka malee nutti ulfaatee jira. Tahuus ciniinnannee qabsoo galmaan gahuuf of qopheessuu qabna.
Waa'een alaabaa yoo kaafamu ammoo jibbansaaf ykn tuffiif osoo hin taane kabajaa fi ulfina isiif qabnurraa dubbanna. Haa tahuu garuu,"Beelooyne ja'anii mar'imaan dheedhii hin nyaatan" akkuma ja'amu, waa hundi yeroo isii tan sirrii eeggatti malee waan tahuu hin oolle. Obsaa fi abdii dhugaa nu barbaachisa jechuu kiyya. Jarjaraan osoo hin qaxarre boqqolloo qeensa kaayee shimbirroof karaa bana. Bakka inni qeensaan ka'e san hordoftee shimbiroon boqqolloo qaxaratti fixxi. Nutiis qabsoon nuti godhaa jirru alaabuma qabsoo Oromoo tan gootonni kum kumni jalatti wareegame tana fuul dura akka isiin hin buqqaanetti oromiyaa keessa gad dhaabuuf waan taheef jarjaraa fi sardama hin barbaachisu. "Jarjaraan re'ee hin horu" akkuma ja'an san yoo jarjarree waanuma keessa keenyatti dhaga'amu hamilee yerootiin yoo goone gaaga'ama guddaatu nu mudachuu danda'a. Of eeggannoo fi tarsiimoon hogganamaa deemuun wareegama hin malle akka nu hin mudanneef nu gargaara. Qabsoo godhaa jirru of eeggannoo, tasgabbii, bilchinaa fi tarsiimoon hornogamaa deemuun dirqama taha. Kana godhuuf ammoo qeerroon Oromoo bilchinaa fi kutannoo qabsoon gaggeessaa asiin gahan dagachuun isaanirra hin jiraatu. Akeekaa fi kaayyoo bu'uraa tan deemsa qabsoo ittiin eegalleen injifannoo hawwinu galmeessaa qabsoo tana goolabbii bareedaa hin qasamnee fi hin tifamneen guduunfuu nurra jiraata. Kana keessatti qaama tumsa qabsoo keenyaaf qaama diinaa keessa horanne kan akka poolisii Oromiyaa kan milkooyne kanallee kabajaa, waan isaan nuun ja'anillee dhagayaa deemuun gaarii dha
Waan milkooyne sirnaan qabachaa waan dhabnees itti barbaaddachaa yoo tarkaanfanne qofa galiif galmi ganamaa osoo hin micciiramnee fi hin jijjiiramne bakkaan gahuu dandeenya. Yoo san tahuu baate ammoo wareegama hin barbaachifne kafallee, kufaatii nuun hin mallees kufnee caccaphuun nu mudata. Qabsoon bilisummaa Oromoo dura irraa sirnaa fi tirna bareedaa qabaachaa hanga godhamtetti bu'aa baayyee nuuf laachuun isii beekkamaa dha. Osoo galma akeekamteef san hin gahin karatti mogolamuun qabsoo Oromoo ammoo bu'aa argame caalaa ba'aa hamaas gateetii gubbatti nu fe'a. Mee tanuma irra dabarre keessaa xiqqo haa hubannuu. Eega Addi Bilisummaa Oromoo dhaaba mirga abbaa biyyummaa falmachuuf qabsoo biyya keessaa godhu irraa baafamee gara bosonaatti deebi'ee galee riphee lolaa tahe boodallee hanga arraa maquma isaa ulee godhatee diinni nuun dhaanaa ture. Mirguma uumamaan qabnullee yoo gaafannu isin ABO dha, shoorarkeessitoota, farra misoomaa, farra nageenyaa, humna badiiti ja'amnee bardoo fi buuca sobaa alagaan tooftaan nutti quunquumtee ittiin nuus deedaqaa turte. Yoo waanuma heerri mootummaa federaalaa sadarkaa fuula xalayaa irratti nuuf hayyamellee gaafanne deebiin keenya hidhaa, ajjeechaa, reebicha, qaamaa miidhamuu, biyyaa ari'atamuu fi kkf tahee qoodaa fi hooda keenya irraa agabnee, jireenya buxa hin qabneen sukukkullee, sukkuumamnee, bututnee hanga arraallee daammacaamaa turre. Kan nu aagibeeysaa ture ammoo diina tahullee maqaan isaan ittiin nu sancarsaa fi qancarsaa turan isin ABO dha maqaa ja'u afaanitti qabachuun akka tahe beekkamaa dha. Nuti injifannoo kalee qabsoon ABO'n hogganamtu nuuf buuftee fi galanni wareegamtoota qabsaa'oota keenyaas kan galchuu dhiisii himnee fixuu dandeenyuu miti. Akkasuma warra dhiiga gootota san lafatti irra ajjatee tarkaanfatee, kaayyoo isaaniis ajjeesse kanaas galaan saanii nurraa hin dhumu. Garuu hanga galma barbaachisu san geenyuu ciminumaan qabsoo tarsiimoon itti fufu malee alabaaf wacuun nurra hin jiraatu.
Garuu wanti nama dhibu Addi Bilisummaa Oromoo akeekaa fi kaayyoo dhugaa xaliila akka bishaan roobaa qabaachuun ni beekkama. Hoggana dadhabaa qabaachuu daran shira alagootaatiin qofa osoo hin taane rakkoo keessoo isaa turtee waliin geengoo qabsoo biyyaa keessaa eega darbame booda shira alaa caalaa hammeenyi mooraa qabsoo isaa daran hammaachuun abbaa biyyummaaf qabsaa'uun hafee riphee lolaa tahe. Maquma riphee lolaa sanuu hanqatee osoo muuguu riphee rafaa fi riphee hafaa tahuu malee if cimsuu fi qabsoof tumsuu hanqate. Riphee lolaa moggaafatee riphee oolaa tahuu daran inuu ammaas bakka lamaa fi kudha lamatti qaqqaanxa'uun dhaabichaatiis haala qabsoo akka hin sossoone sakaalee, bu'aa lama fiduu daran teepha ba'aa gabrummaa hamtuu nurratti gad jabeessu tahuun isaa ammallee dhiiga nu danfisuu, shira wayyaanee jalatti nu gombisuu fi gabrummaa hammeenyi isii nuun hin malle jalatti nu hambisuu mudate. Kun marti dadhabinaa fi masluufummaa hoggantootaatiin kan uumame ture. Qabsoo qeerroon Oromoo amma godhaa jiruu kuniis tasa mucucaattee yoo kufte ykn tasa mitiriqxee nu harkatti gunnuuffattees wanti nu mudachuu malu tilmaama keenyaan ol akka tahu shakkii hin qabu. Hameenyaa fi jireenya goflola kottee gabrummaatiin nu qucaacuu fi manxaraasha (masaraaca) alagaatiin nu waraanu kan dur irra hamaa san keessatti deebine jechuun ammoo boolla wajiijni ibiddaa keessatti dibametti darbamuu jechuu dha. Kun tahe taanaan ammoo bilisummaa hamiluu dhiiaii deebinee jiraachuuf hawwuu miti nyaachuufuu carraa hin qabnu. Osuma kun hin taane daandii deemsa qabsoo keenyaa akka hin gunnuuffanne eeggachaa deemuun dirqama. Qabsoon kaayyoo sirrii qabattee qabsaa'oota qaroo fi hoggana qaraan gaggeeffamtu injifannoo caalma galmeessaa galma barbaachisu san geessi malee akkuma qabsoo hoggana darree fi dadhabaan durfamtuu, akka qabsoo kaayyoo fi galma hin qabneetti karumatti tima limtee qabamtee, gaadii teepha cubbuutiin sakaalamtee hidhamtee hafuu fi bakka hin malletti shooylaa cubbuutiin kufuu hin qabdu.
Qabsoon Oromoo amma gaggeeffamaa jirtu tun haalaa fi amalli deemsa isii qabsoo kaleessa godhamaa turte waliin dakaa fi baddaa dha. Adeemsaafi malli isiis tan duriin addummaa guddaa qaba. Qabsoon ammaa tun qeerroon bakka dur itti raftee dammeeyfamtee fi bakka itti kuftee kaafamtee fi bakka itti gaggabdee bayyanachiifamtee tarsiimoo fi tooftaa ammayyaawaan masakamaa, adeemsa sirnaawaan tarkaanfachaa fi gulantaa qindaawaan deemaa as geesse malee qabsoo tasa mirqaanuma yerootiin farshaantee kaatee as geessee miti. Hundaafuu, urtoo fi qottoon amma qabsoo fi warraaqsa Oromoon godhaa jiru kana bakka hawwinee fi dharraane saniin akka nuti hin ga'anne qoqoruuf ilkee qarachaa jirtu hedduu dha. Garuu nuti bakka baaneef injifannoon gahuuf, adeemsa jallate sirreeffachaa, kan miliqe xurretti deebifachaa, kan mitiriqees dhidhiibaa waluma daddagalfachaa daandii qabsoo qajeelaa irra yoo imallee qofa injifannoo waggaa dheeraa fannoo turte lafatti buufachuu dandeenya. Qabsoon Oromoo wayta ammaa sadarkaa guddaa of duuba deebi'uu fi mucucaachuu bira dabartee jiraachuun beekkamaa tahullee garuu yoo dhiibbaa ambaa caalaa kan nuti gargar addaan dhiibbannuu fi wal qaanxeessinu tahe qabsooniis deebitee qancaruu fi xoolaguun isii hafa hin qabu. Gaafa gamaaf gamas wal harkifne, hoggaa nuti akkuma lukkuu faffacaanee gola golaa kan qaaqqifnu tahe humnaa fi malli nuti dhawannu bu'aa buusuu miti sagaleen teenyaahu dhawwaaqaa oollee bullullee hin dhaga'amtu. Humni birki birkitti bubuutee gaaraa gabrummaa dhiibdee fonqolchuu dhiisii qaraa dandeessee hin cabsitu. Yoo humnaa teenya qindeeffannee ba'aa walitti tahuu irra ba'aa wal gargaarre qofa osoo hin dadhabne, osoo daandii irraallee hin daddabne imala saffisaatiin bakka baaneef san yeroon gahuu dandeenya.
Kana maddittiis of ijaaruun dirqama guddaa dha. Gandaan, araddaan, hiriyummaan, walitti dhiheenyummaan, akkasumaas maatii fi firoomaan akkuma walitti siqnuun wal jaaruu, wal miggaaruu, wal ajjeeruu qabna. Eenyullee osoo hin eegganne dhimma keenyaaf nutummaan dhimmamnee waliin mari'achuun wal jaaruu qabna. Yeroo ammaa qabsoon Oromoo tarsiimoo ammayyooytuu fi fooyya'ina qabduun tarkaanfachaa jirti. Tarsiimoo san keessaa tokko obboleeyyan keenya kan haaloota taheen caaseeffama mootummaa alagaa tajaajilaa turan hawwannee, maxxanfannee, qabsoo teenyatti dabaluun humna yoo godhanne bilchalli dhihana bilisummaa dafee bilchaata. Haaluma amma agarru kanaaniis Poolisiin Oromiyaa kan baroota lamaan dabran kana ulee alagaan harka kaayee ajaja jala kaayee numarrattin bobba'aa turan san wayta ammaa kana ammoo haala nama ajaa'ibsiisuun harka mirgaa qeerroo tahuu daran wabii warraaqsa Oromoo tahuu danda'anii jiran. Tarsiimoon kun ammallee dabalee daddabalee irratti hojjatamuu qaba. Qabsoo sabni akka keenyaa kan sirna kolonii jalatti gombifame kun taasiisu keessatti obbolaa mooraa ambaa keessa tajaajilaa jiran, habaaboo taanee hawwachuun humna diinaa butuchaa irree keenya cimsachaa deemuuf nu gargaara waan taheef tooftaa simannaa fi hammannaa skkanaa cimsuu qabna.
Walumaagalatti injifannoo itti dhihaanne tana milkaa'uuf akkuma kaleessa wal dhagayaa, wal jala deemaa, wal hordofaa dhufne ammaas miira jaalala obbolummaa hidda Oromummaatiin ganamarraa nu jiddutti magarte tana daran cimsuun, wal kabajuu, waliif abboomuu fi waliif hubachaa tarkaanfachuun gaarii tahuu namuu hubatee, fudhatee hojiirra oolchuu qaba. Kanaaf fakkeenyi guddaan dirmannaa fi hirmaannaa Oromoon amma waliif godhaa jiru kanaa achi numa hin hafini. Xiqqaan guddaa kabajuu, guddaan xiqqaa kabajuun aadaaf hooda Oromoo kan dur irraa qabnu tahuun akkuma beekkamu, kennaa keenya uumaan badhaafamne tana daran leellisuun hojitti hiikaa yoo deemne, bakka tokko xurree dabetti tolumaa fi dadaan karatti wal deebifachaa yoo deemne galmi nuti hin geenye, gaarri nuti diddiiguu hin dandeenye numa hin jirre. Kanaaf, manguddoota keenya, abboottii amantaa, abboottii gadaa fi hangafoota yaadaaf akeeka dhugaa qaban dhaga'uu, bakka isaan irraa dhaabbadhaa ja'an irraa dhaabbachuun injifannoo qofa osoo hin taane eebba dabalataas nu milkeessa. Wanni hubachuu qabnu guddaan wayyaaneen ummata Oromoo kana warraaqsa isaanii irraa gufachiisuuf dhagaan isiin hin fonqolchine hin jiru. "Nyaannee fixuu dadhabnuus facaafnee fixuu hin dadhabnu" akkuma lukkuun jatte, wayyaaneeniis ummata Oromootiin injifatamuu of beeknaan shira danuu xaxxee qabsoo teenya gufachiisuuf godhaa jirtu tana haa irratti dammaqnuu yaa Oromoo. Jarri keenya gariiniis qabsaa'uu dadhabnuus qabsoo gufachiisuu hin dadhabnu waan ja'an fakkaatu. Warri gama biraatiin hiriira kana nuutu qindeessu jira jattaniis dhaabaa ja'aa itti himaa mee. Kana tahuu baannaan qabsoon teenya hiriiruma qofa amaleeffattee hafuu daran diinni tooftaa kaleessa ittiin nu masakeen arraas nu fixuuf kaayyoo guddaa qabaachuu haa barru. Haqa keenya falmachaa jirra waan taheef dhugaa irratti wal dhaga'aa deemuun dirqama keenya. Hiriira amma finiinaa jiru kanaas diinni harka keessa naqachuu ragaa danuun argaa jirra waan taheef yeroof haa dhaabnuu hadaraa. kana jechuun kiyya garuu qabsoo haa dhaabnu jechuu kiyyaa miti. Qabsoo hiriiraa irraa gara gulantaa xumuraatti haa tarkaanfannu jechuu kiyya. Gulantaa xumuraa ammoo wal jaarun qabsoo hidhannootti galuu.
"Dhugaa fi haqa qabnu qabsoo tarsiimoon hornagamtuun injifanna!"
Saphaloo Kadiir | Abdulbasit
Onk. 2017

Thursday, October 19, 2017
Dhugaa hadhooftuu
Dhugaan furmaata rakkooti. Warri keenya kanaaf dhugaa dubbatanii bakka aduun dhiite buluu wayya jedhu. Roorroo fi gadadoo hamaa keessa jiraatuu keenya addunyaatu beeka. Kana keessaa bahuuf qaata qabsoo eegalle. Wareegamma guddaa baafne.Qabsoon keenya garuu galma hin geenye. Sababi ammoo wal sobuu dha. Wal sodaannee fafakkeessina. Amma dhugaa walitti himuun dirqama.
Oromoon erga qabsoo sirnaa jalqabee ganna shantama jala gaheera. Kan qabsoo sirneesse ammoo ABO dha. Dhaabi kun xurree qabsoo saaquu caalaatti tokkummaa Oromoof bu'uura cimaa teechise. Oromoo gosaan adda bahe walitti fidee sabboonummaa facaase. Garuu amma ABOn maqaan malee qaamaan hin jiru. Caasaan isaa jalaa haga gubbaatti diinaan dhuunfatameera. Basaasa diinaatu maqaa ABOtiin hojjata. Keessa fi alattuu diinatu baajata baasee waan ABOn jiru fakkeessuuf diraamaa hojjata. Diraamaan kun alaabaa fi sirbaan miidhagee dalagama. Kan raawwatamu ammoo maqaa "Shanee" jedhamuuni. Murni kun diinatti dhiyoo dha. Firoomi jitu kan dhiigaa ykn kan maallaqqaa ta'uu waaqatu beeka. Wanti sirriitti beekamu murnichi diina waliin ta'ee qabsoo Oromoo qancarsuu isaa ti. Yeroo dheeraaf Oromoon akka hin tokkoomne kan danqaa ture murna kana. Gootota keenya irrattis daba hamaa hojjataa ture. Garii ofii ajjeese. Dargaggoota Soloolotti dhuman haga hin beeku.Garii ammoo harka diinaa buuse. Warra kaan ammoo kijibaan maqaa ajjerse. Dr Mararaan Guraagee ta'uu fi Abbaa-duulaan Tigree ta'uu murna kanatu ololaa ture. Ofii waa hin hojjatu. Akka nami hin hojjanne ammoo oduu fi miidiyaan ololee gufuu ta'a.
Shaneen qabatamaatti hin jiru. Kan jiraa isa fakkeessu diina. Diinatu baajata baasee murnicha dhaadhessaa jira. Diinni maqaa ABO waa lamaaf fayyadama. Tokko Oromoo gowwomsuu dha. Oromoon gaafa sirba qabsoo dhageeffataa alaabaa ABO argu ni gammada. Waan dhaabichi torban ykn ji'a booda dhufee isa bilisoosu se'a. Kanaaf taa'ee dhaggeeffata. Fala biraa hin barbaadatu. Alaabaa fi sirbaan gowwomsee buddeena abjuu nu nyaachisa. Waggoota 26 darban wanti Oromoo diina jala bulche sodaa du'aa ykn jabina diinaa miti. Waan hin jirre abdatuutu gabrummaa nurra bubbulche.
Lammati ammoo sabboonummaa Oromoo rukutuu dha. Kun gama lamaan raawwatama. Gama tokkoon Oromoo sabboonaa biyya keessa jiru maqaa ABO itti maxxansee darara. Naggaadeen Oromoo maqaa saniin saamaman danuu dha. Miseensoti KFO maqaa saniin hidhamu. DhDUO sabboonaan maqaa saniin ifatama. Barataan Oromoo maqaa saniin ajjeefama. Gama kaanin ammoo maqichaan dahatee Oromoo qabsoo jibbisiisa. Murni maqaa kanaan nagadu Oromoota dhaabichatti dabalaman ni darara. Garii hidhee itti taphata. Kaan ammoo ajjeesee gata. Yoo fedhe diinatti laata. Kashalabbee raatuu dabballee jedhee hawaasatti bobbaasa. Jarri ammoo ganda keessa yaatee waan fokkuu hojjatti. Kun martuu akka Oromoon qabsoo irraa abdii kutatuufi. Wanti saba keenya afaan afaan godhe cubbuu maqaa ABOtiin diinni raawwatu kana. Diinni faayidaa ofiitiif baajata baasee alaabaa fi faaruu ABO dhaadhessa.
Jidduu kana bakka adda addaatti hiriirri bahamaa jira. Hiriira kana diinatu qindeesse. Ofumaa horii ramadanii alaabaa oomishuun rabsan. Kaayoon jaraa jeequmsa uumanii Oromiyaa bulchiinsa waraanaa jala galchuu dha. Bulchiinsa obbo Lammaa jigsanii ergamtoota kaayatuu fedhu. Amma "Shororkeessaan waan seeneef waraanni Oromiyaa haa galu" jechuu eegalaniiru. Shaneenis hiriiricha natu hooggana jedheera. Fedhiin jaraa walitti gale jechuu dha. Diinni qabsoo keenya cabsuuf jeequmsa qopheesse. Shaneen ammoo jira jechuuf ana jedhe.
Amma qeerroof dhaamsan qaba. Lammii fi biyya keef qabsaa'uf mirga qofa otoo hin ta'in dirqama qabda. Kana karaa sitti fakkaaten godhi. Garuu waan ABO jedhamu faana deemtee ofiin hin taphatin. ABOn diinaan fudhatameera.Gaafa garas deemte saba bilisoomsuun hafee ofii badda. Yoo akka kootii Oromoo martuu walqabatee hooggansa haaromsaa bira dhaabbata.
ABOn hin jiru. Dhugaa kana gootichi Umar Suleeyman ganna 15 dura hime. Amma dhugaa hadhooftuu tana liqimsuun dirqama.
Dhugaan kun nama baayyee rifachiisuu mala. Garuu dhugaa dha.Dhugaa Hadhooftuu

Dhugaan kun nama baayyee rifachiisuu mala. Garuu dhugaa dha.Taye dendea
Sunday, October 15, 2017
Shira diinaa dursanii beekuun abshaalummaadha
Akkuma qabsoon teenya hammaachaa deemtuun diinni karaa ittiin humna oromoo cabsu akkuma dur nugodhan ammallee nugodhuuf yaalaa jiru.
Hiriira dhiyoo tana guyyaa 3f dhiha oromoyaatiifi naannolee takka takka keessatti tahe namoonni hedduun ija shakkiitiin ilaalaa turan kunis,
-hiriira kana kan qindeessee miira itti dhagahameen qeerroo oromootu qindeesse yaada je'u qabu gareen hangi tokko.
-murni biraa immoo waldhabdee siyaasaa jidduu isaanii jirturraa kan ka'e nuutu waame fi, isaantu harka keessaa qabaafi kkf dha(shakkiini)
Dhugaan jirtu garuu harka diina keessatti naqatanii dhugooma kaayyoo isaanii waan galmaan gahatan fakkaatanis shira yeroo ammaa kana kan oofaa jiru wayyaaneedha.
Ragaan kanaa ilaalcha ardha fuula Feesbuukii Isaanii irratti maxxansan irraa hubatamuu qabu,sababalee oromoonni biyya alaa quba walitti laachaa jiraniif shira ofii dalagan Media #ONN , #Beekan gulummaa irranaa(diinqa oromoo) fi #seeyf nebelbel faatu harka keessaa qabaadha.
Kunis ergaan isaanii ifaadha.
Oromoonni sababa walshakkiifi yaada garaagarummaa isaanii calaqqisu ibsaa waan jiraniif akka nuti walitti dunnuuf yaadaniiti.
Inni biraa ilaalcha namni tokko tokko OPD'f qabuudha.
Sababa oppiidiyoon sirna wayyaanee jala turteef amantii akka irraa hin qabneefi gaafii Amma duraahuu OPDO'n hin deebifneedha. Wanti hubatamuu qabu garuu dhaabni kun ofii isaatiifuu gabrummaa jala jiraachuu isaa hubachuu dhabuudha. Yaaddoon namoota hagoos OPDO'n Amma akka waan qabsoo oromotti makamte fakkaattet booda wama isaanitti deebi'aniidha.
Deebiin gabaabaadha. Kunis Opidiyoon qeerroo oromoo fi ummata oromoo qabsotti hin galchine ummata oromoo fi qeerrootu OPDO qabsotti galche malee jaalatanii osoo hin tahin dirqamaani.
Kanaafuu OPDO'n akka duraatti kan deebi'u yoo qeerroon oromoofi ummanni oromoo qabsoo dhiisan qofa.
"Oromoon waan dhabe hin qabu waan waliin dhabe malee". Ummanni oromoo kan qabsaayaa jiruuf mirga uumamaan rabbi isaaf kenne lafa badhaatuu kennaa uumamaa magariisa oromiyaa irratti abbaa tahee nagaafi tasgabbiidhan ummattoota ollaa isaa wajjiin jiraatuuf qabsaaya malee dhaaba tokko bilisoomsee tokko gabroomsuuf miti. Dhalli oromoo siyaasa garagaraa keessatti yeroo baayyee gaaffiifi yaada adda addaa kan kaasaniifi qabsaayaa jiraniif, boru hegeree oromoofi oromiyaa keessatti dhalli oromoo kamiyyuu mirga heerri uumamaan isaaf kenne kabajameefi bilisummaa keessatti mirgi yaada ofii dubbachuufi mirgoota dimokraasiin qaban kamiyyuu bilisaan akka itti fayyadamaniifi abbaan irree sirnoota dabran keessatti mirgoota jiraachuu mulqaa turan wilii oromiyaa keessatti akka hin deebineefi.
Yeroo ammatti hamilee walii eeguuniifi akka dhala namaa tokkotti yaada walii kabajanii qabsoo ummanni oromoo wareegama qaalii itti kafalee asiin gahe tana firii itti godhuuf,
-Akka oromoofi oromummatti qabsaayuu
-ajandaalee diinni keenya nuttiin as bahu kamiyyuu dhaaba abaluutu godheefi anaatu godhee osoo hin taane ija oromoofi oromummaatin ofirraa ilaalanii tarkaanfii waliin marii qabdu akka oromootti fudhachuu,
-humna diinaa madaalaa humnaafi siyaasa oromoo waan jabeessaafi utubaa dalaguu,
-olola walirratti oofuufii maqaa walballeessuu irraa akkasumas waan hamilee namaa tuqaa irraa ofqusachuu,
-kahamtuu dalagaa jirus tahee kagaarii dalagaa jiruufis bilisummaan oromoo kahundaa tahuu beeynee obsaafi tarsiimoo beeytota keenyaa jala deemuun barbaachisaadha.
Dhumarratti
Seenaa waggoota 50 duraa keessatti dhaaba opdo ummata oromootif aantummaa garsiisuufi qabsoo oromoo dubbatu hin dhageenye. galanni qeerroo oromiyaatif haatahuu osoo hin jaalatan bulchiinsa MNO akka inni qabsoo oromootti makamu taasisaniit jiran. haga ammatti siyaasa biyya sanii fuulaafi fuulatti goolii walitti galchuuf walkurkursaa kan jiru isaani kanaafuu ummanni oromoo hiree Amma argame kanatti alaafi keessan cimee akka itti fayyadamun waamicha godha.
Kaballeesse guyyaa qaba
Kagaarii dalages galata qaba.
Oromoon oromummaa waliin qaba
Malaan raasan diroon dhadhaa baati
Ni injifanna tokkummaan qabsooyna.
Nibilisoomna
Nuredin M Kedir 2017

Qabsoon Maaraatooniidha
Jawar Mohammed QABSOON MAARAATOONIIDHA
(dheeraadha suuta dubbisaa) Torban dabre wal fakeenya qabsoo keenyaafi fiigicha maaraatoonii jidduu jiru ibsuudhaaf barruu gabaabduu takka feesbuukii gubbaatti maxxanseen ture. Akkuma beekkamu Fiigichi Maaraatoonii dorgommii kiloomeetira 42ti. Kiilomeetira 41n duraa san kufnee, kaanee, isa nu dura jiru dhaqqabnee fiigicha itti fufuu dandeenya. Akkuma Atleetin teenya Tiikii Galaanaa bara dabre goote sana jechuudha. Dheebonnu karaarraa gorree, bishaan fudhannee, bayyanannee humna horannee fiigicha keenya itti fufna. Kiilomeetira dhumaa keessatti garuu kufnee dogongora xiqqaa tokko raawwannaan moo'atamuu dandeenya. Fakkeenyaaf atileetonni tokko tokko yeroo sarara xumuratti dhihaatan gammachuun of dagatanii yeroo burraaqanitti kan itti dhiyaatee duubaan jiru sirriitti fiigee isaan moo'achuudhaan badhaasa isaan kiilomeetira 42 guutu itti xaaran yeroo dhabsiisu agarra. Qabsoo Oromoo waggoota shantamaaf godhamaa jirtu keessattis sodaan kiyya guddaan, erga aarsaa hedduu kanfallee sadarkaa ol’aanaa amma irra jiru kanaan geenyee booda gantantarree akka of jalaa hin balleessineefi. Waggoota dheeraa dabran injifannoo gurguddaa argannee jirra. Dogongora hamaas hojjannee turre. Garuu yeroo qabaachaa waan turreef qabsoon dandamattee karaatti deebi'aa as geenye. Waggoota afran dabre kana ammoo saffisa dabaluun goolabbiitti dhihaachaa jirti. Adaduma sarara goolabbiitti dhihaachaa deemnuun tarkaanfiin fudhannu cufti kan nu gatantarsiisan akka hin taane of eeggannoo cimaa godhuu qabna. Hiriira mormii tibbana godhamaa jiru kanas haaluma kanaan ilaaluun barbaachisaadha. Ummanni maalif hiriira bahaa jira jennee yoo gaafanne deebiin isaa baay’ee salphaa akka ta’e ifa gala. Sababiileen guddaan haalli Oromoofi Oromiyaa ammaa fincilaaf bilchaataa ( ripen condition) - Uummanni keenna osoo hin jaalatin Wayyaanee waggoota 26f baadhatee dugdi isaa waan madaayeef; - Madaan ajjeechaa baroota dabranii ammas kan hin qoorin waan ta’eefi tuqaan xinnoon ishee miira isaa waan kakaasuf; - Hidhamuunifi salphifamuun hoggantoota isaa baay’ee waan isa gaddisiisuf/ isa aarsuf; - Daangaan isaa shira diinaan qindaayeen sarbamee obboleewwan isaa eddoofi lafa jireenyaa biyya teenya jedhanii keessa jiraataa turan irraa buqqa’uun isaanii baay’ee waan isa madeessef; - Injifannooleen gurguddoon waggoota dabran galmaahan abdii ol’aanaa ta’e waan itti horeef; ( confidence) - Hoggansi qalbii isanii hubatuufi dhugaa isaanii dubbatu gama aangoo Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Oromiyaa dhufuun onneefi ofitti amanamummaa waan itti horeef; ( euphoric hope) - Poolisiin Oromiyaa Uummata isaatiif aantummaa agarsiisuuniifi fedhii uummataatiin masakamee hiriira dhowwuu dhabuun uummatichi hamma poolisiin Oromiyaa bira jirutti miidhaan akka irra hin geenye/ irra gahus baay’ee xiqqaa akka ta'u waan amaneef/ waan tilmaamef; ( low risk anticipation) Dimshaashatti uummatni keenya bifa yeroo kamiinuu adda ta’een sirriiti bilchaatee jira. Bilchini kun qabsaa'ota Oromoof abdiifi humna guddaa kan kenne yommuu ta’u diinatti ammoo naasuufi sodaa hamaa uume jira. Bilchinniifii kaka’umsi uummataa armaan olitti tarreessine kun akkanumaan lafatti kan dhufe osoo hin ta’in hojii ol’aanaa aarsaan guddaan itti baheen kan dhugoomeedha. Kanneen tokko tokkoon yoo ilaalle; - Dadammaqiinsa sabboonummaa ( nationalist concisouness) kana uumuuf waggoota shantammaan dabre hayyoonni, barreessitoonnifii qindeessitoonni kumaatamaan lakkaawwaman humnaafi lubbuu isaanii itti wareeganiit takka takkaan jaaran ( it was built brick by brick); - Dhaaba waggoota dheeraadhaaf meeshaa diinaa ta'ee diinni uummata keenya ittiin cunqursu, saamufi ajjeesuuf ijaarate keessatti hoggansi sabboonummaafi aantummaa sabaa qabu aangoo kan dhuunfate akka hireettii miti. Kuni kan dhugoomuu danda’eef tariismoodhaan irratti dalagamee, aarsaan guddaan amma himamuu hin barbaachifne itti kafalameeti. - Poolisiin Oromiyaa aangoo alagaa eegsisuuf ummata keenya fixaa ture, har'a ajaja diinaa didee namootuma seera cabsaniiyyuu qawwee lafa kaayee kan kadhaataa jiruuf waggaa takka keessatti raajiin (miracle) kun lafatti dhufe seetanii? Lakki! Jijjiiramni kun kan laayyotti dhufe osoo hin ta’in, kan hojiin guddaan irratti hojjatameefi namootni muraasni aarsaadhaaf of qopheessanii dirqama kana fudhatanii jijjirama fiduudhaaf raawwachiisaa jiraniidha. Kanaafu jijiirama gurguddaa xumura qabsoo keenyaatiif baay’ee barbaachisaa ta'an kana of eeggannoon itti fayyadamuun murteessaadha. Diinni ammoo humna fiigicha meetiroota dhumaatiif kuufanne kana waan arguuf akka qisaasnu gochuun of duuba nu deebisuu barbaada. Akeekni isaanii qaamota qabsoo kana finiinsaa jiran sadiin asii gadii kanneen qaamaafi ololaanis kuffisuudha. A. QEERROO OROMOO - Humni dargaggoota Oromoo kun waggota dabran keessatti tarsiimoodhaan diina caalee siyaasaa biyyattii kallattii isaa jijjiireera. Kanaafuu firaafi alagaa fagoofi dhihoo birattis humna kabajamuufi sodaatamu ta'ee jira. Akkuma baatilee dabran kana keessa muldhatetti ajaja jeneraalota biyya saniitrra kan Qeerrotu ummataan kabajamaa jira. Qeerroon Oromoo mootummaan biyya bulchaa jira ofiin jedhu ija ummataatin xiqqaatee ( undermined) akka tuffatamu godheera. Mootummaan tokko qaama biraatin wal bira qabamee tuffatamnaan mataa namaa keessatti kufuu isaa kan agarsiisudha. Achirraa qaamaan kufuuf yeroo gabaabaa qofa gaafata. Diinni kufaatii ol’aanaa kallattii kanaan irra gahaa jiru kana jalaa bahuuf ilaacha ummanni Qeerroof qabu jijjiruu akka qabu sirriitti beeka. Sababa kanaaf Qeerroon kan tarsiimoon masakamu osoo hin taane kan miiraan machaaye fiigu fakkeessee dhiyeessuu barbaada. Humna tokkummaa qabu osoo hin taane kanuma faffaca'ee fincilu godhees agarsiisuun akeeka isaati. Humna kaayyoo biyya ijaaruu qabu osoo hin taane walitti qaba daa'immaniifi kashalabbee biyya jeequdhaaf machoofte akka taatetti mataa ummataa keessatti uumuu fedha. Kana ammoo ololaan yaalanii waan dadhabaniif luuxxee seentotaafi lukkeeleedhaan ( infiltrators and agent saboteurs) fayyadamuun Qeerroo fakkaatanii hojii tarsiimoo hin qabneefi ummata nuffifisiisu fayyadamuutti cehaa jiru. Harargeetti yeroo uggura jimaa Qeerroo fakkaatanii daldalatoota saamaa turan, haadholii waa gurguratan boochisaa turan. Hiriirota godhaman keessatti ummata gara kaambii waraanaatti oofuu dabalatee shira gaaga'ama guddaa fiduu danda’u garagaraa kan yaalan ta’us yaaliin isaanii kuni tattaaffii manguddootaafi poolisiin hanga ammaa qindoominaan godhaniin fashalaa’uu danda’e. Gara fuulduraatis shira kana daran cimsanii akka itti fufan shakkiin hin jiru. B. POOLISII OROMIYAA - kasaaraa Wayyaaneerra barana gahe keessaa inni ol’aanaan poolisiin Oromiyaa ummatarra goruu isaati. Poolisiin Oromiyaa uummata isaatiif qabatamaan aantummaa agarsiisiisuu isaa bira darbee saamicha jeneraalonni Wayyaanee godhaa jiran bakka heddutti harkatti qabuudhaan gufuu itti ta'eera. Weerara jeneraalonni kun Abdi Ilee duubaan taa’anii godhanis ummata waliin ta'uun kan fashalse poolisii Oromiyaati. Qaama mootummaa kamuu keessatti caasaan hidhateefi hojii nageenyaa keessatti gahee guddaa qabu qajeelfamaafi akeeka mootummaa sanii hojiitti hiikuu diduun isaa sirni suni jiguuf kalaawuu isaa kan agarsiisudha. Akkuma amma dura jenne mootummaan utubaalee aangootin (pillars of power) deeggaramee jiraata. Utubaalee san keessaa tokkoofi jabaan qaama poolisiiti. Poolisiin gara ummataa gore jechuun utubaan tokko sirnicha jalaa baheem sirnichis kufuuf garaasitti jallate jechuudha. Wayyaaneen aantummaa akkanaa kana yoomiyuu hin fudhattu. Kanaafuu haala kana jijjiirudhaaf mala barbaaduun ishii hin oolu. Kanaaf filannoo lama qabdi. Kan duraa humnaan micciirtee poolisiin sodaatee akka ajajamuuf gochuudha. Kan gochuuf garuu sababa ishii barbaachisa. Poolisiin Oromiyaa nama ajjeesuu waan dhaabaniif inni jedhu sababa gahaa isaaniif hin ta’u. Kanaafuu gara filannoo lammataa deemuuf dirqamu. Kunis yeroo hiriiraa, walgahiifi bakka poolisiifi ummanni walitti dhufanitti jeequmsa kaasuun Uummataafi Poolisii walitti buusuudha. Walitti bu'iinsi kun waa lamaaf kaarra saaqa. Kan duraa aantummaan poolisiin ummataaf qabu kun sababa jeequmsaatiin gara diinummaa duraaniitti akka deebi'u godha. San qofaa miti. Yoo danda'an Oromiyaa guututti jeequmsa uumuudhaan, poolisiin Oromiyaa naannicha keessatti heeraafi seera eegsisuu dadhabeera jechuudhaan kallattiidhaan hoggansi poolisii Oromiyaa ajaja federaalaa jalatti akka galu godhuu barbaadu. Kana gochuuf ammoo labsiin mootummaa federaalaa lakk. 359/2003 jedhamu kan federaalli akka aangoo naannoo irraa fudhatu hayyamuuf baafatanii lafaa qabu. Halli Oromiyaa keessaa karooraan maletti boorayee ajajoonni poolisii Oromiyaa bakkaa kaafaamanii poolisiifi milishaan Oromiyaa kallattiidhaan federaalaan ajajamuu jechuun immoo kasaaraa hamaa qabsoo teenya waggoota hedduun of duuba deebisu yommuu ta'u Wayyaaneef ammoo lootorii lubbuu ishii gaggabde tana baraarsuudha. C. HOGGANSA MNO- Bu'aa warraaqsa waggoota sadan dabranii keessaa tokko DHDUO keessa warri sabboonummaa, beekkumsaafi murannoonis irra wayyaa qaban gara aangotti dhufuudha. Jarri kun gara aangotti dhufuun gaafii Oromoo deebisee saba keenya kan aangesse ta'uu baatus qabsoo bilisummaa Oromootiif faaydaa guddaa akka qabu jijjiramoota mul’ataa jiran irraa hubachuun ni danda’ama. Jijjirama gama poolisiitiin dhufe armaan olitti kaaseen jira. Miidiyaan kaleessa saba Oromootin dhiphoota, shoorarkeessitoota jechaa ture har'a ejjannoo sabboontotaa dhiheessuu eegalee jira. Misooma kijibaa dhiisee dhugaa ummataa dhiheessuu eegalee jira. Daangaa Oromiyaa gurgurachuun hafee tiiksutti seenamee jira. Qabeenya Oromiyaa irratti abbaan Oromoo ta'uu akka qabu qondaalota dubbatantu as bahe. Hojii xixiqqaas taatu wanti eegalan waan gaaridha. Warri amma aangoo irra jiran warra akka kanaan dura federaala ( Wayyaanee) bakka bu'ee Oromiyaa saamsisan osoo hin ta’in wa warra mirgaafi dantaa naannichaa falman akka ta'an dubbataa jiru Shira wayyaaneen xaxxuu fshalsuuf falmaa kana keessattis aangoo federaalaa ifatti gadi dhiisuu mormii eegalanii jiran. Hoggana waan sabni barbaadu hojjachuuf aangoofi humna qabu ta'uu baatus kan hawwiifi fedhii ummataa dhaggeeffatee dubbatutu as bahe. Waliigalatti dhaabni Wayyaaneen Oromiyaa al-kallattiidhaan ittiin bulchuudhaaf ijaarattee turte gara mooraa qabsoo Oromootti saffisaan as siqaa jiraachuun kun saba keenyaaf hiree guddaa yoo ta'u Wayyaaneef immoo baay’ee sodaachisaadha. Kana jijjiruuf saffisaan socho'aa jirti. Akka duritti akka feetetti kan jibbite aangoo irra kaaftee kittillayyoo biroo aangoo irraa baasuu akka hin dandeenye waan beektuuf sababa uummachuu qabdi. Shirri gara naannoo Soomaleetin gooteyaa li duraati. Garuu fashalee jira. Shirri itti aanu Oromiyaa jeequmsa guddaa keessa galchitee keewwata armaan olitti tuqne sanitti fayyadamuun bulchiinsa Mootummaa Naannoo Oromiyaa waraana biyyattii jala oolchuudha. Hogganoota Oromiyaatiin warra nageenya naannichaa eeguu dadhaban/didan ( unwilling and unable to protect the constitutional order), kanneen shoorarkeessitoota waliin hidhata qaban taappeellaa jedhu itti maxxansanii rukutuudha. Gara kanatti akka deemaa jiran immoo nama qalbiin xiyyeeffate hundaaf ifa natti fakkaata. Qeerroo, Poolisii Oromiyaa fi hogganoota MNO waliin dhahuun maqaafi qaamaan balleessuun ( Physical and political elimination) akeeka yeroo ammaa Wayyaaneen lubbuu ofii ittiin baraaruuf lafa kaayyattee ittiin socho'aa jirtuudha. Akeekni ishii kun galma kan ga'u yoo qaamonni sadeen kunneen karooraafi tarsiimoo itti yaadamee qophaayeen masakamuu dhabanii diinaaf qaawwa bananiidha. Mootummoonni abbaa irree yeroo warraaqsi uummataa isaan kuffisuuf ka'u tooftaalee farra warraaqsaa ( counter revolution strategies) fayyadamu. Farra Warraaqsaa (Counter revolution) hoggaa jennu warraaqsi tokko yennaa sirna abbaa irree kuffisuuf dhiyaatetti warraaqsi suni sakaallamee ykn butamee akka of duuba deebi'u ykn ammoo abbaan irree sun erguma kufeeyyuu humnoonni warraaqsaa aangoo dhuunfatanii turuu dadhabuu isaanitiin sirni kufe sun ykn qaamni sirna sanaa ( fkn waraanni) deebi'ee aangoo qabachuu yeroo danda'eedha. Walumaa galatti akkuman baniinsa barruu kanaa irratti ibsetti kiiloomeetiriin takkittiin dhuma fiigicha maaraatoonii sun abshaalummaa, tasgabbii fi of eeggannoo cimaan socho'uu gaafatti. Yeroo gabaabduu hafte sana obsaan goolabuun osoo danda’amuu jarjara hin barbaachisne keessa galuun kufaatii hamaa ta’e fiduu malti. Osoo karaan hin dhumin dhumni isaa dhiyaatee waan nutti muldhate qofaaf gammachuudhaan of wallaaluunis of dagachuu fiddi. Kanaafuu akkuma atileetotni keenya yeroo irraa gara yerootti hamma injifatanitti miiraafi of eeggannoo cimaadhaan fiiganii moo’atanii nutti agarsiisan sanatti nutis karaa gabaabduu nu hafte tana tarsiimoo lafa kaayamee hanga ammaa bu'aa buuse irraa osoo hin maqin, tasgabbiifi waldhaggeeffachuun adeemuun baay’ee murteessaa akka ta’e hubachuu qabnan jedha. Har'aaf kanuma Isinitti dheeressee dhiifama Dhugaa qabna Tokkummaan qabsoofna Tarsiimoon masakamna Ni injifanna!!Jawar Mohammed

Subscribe to:
Posts (Atom)
Biyyaaf Malee Biyyeef Hin Qabsoofne[ Sheikh Aadam Tuulaa]
Biyyaaf malee biyyeef hin qabsoofne Sheik Adam Tula Seenaa gabaabaa Muftii Sheekh Aadam Tuulaa (Rahimahullah) Sheekh Aadam Ahmad Hammarroo ...

-
Silaallee uleen caphee kan Abbaa Gadaa hincaphuu, Beekaa irra kutne malee, seenaann hiyyeeysa hinqabuu.Ja’a Alii Birraa bar kurnee afur...
-
Seenaa ergamaa keenyaa dhalootarraa hanga du'aatti kan maxxanse Jafar Bayan . PDF isaa buufattanii dubbistanii seenaa isaa barach...