"NYAADHEE FIXUU DADHABUUS, FACAASEE FIXUUN DADHABU!" JATTE LUKKUUN. | Waliif share godhun sittin ulfaatin
Qabsoon godhamu kamilleen tarsiimoo, ijaarsa, gamtummaa fi wal dhaga'uun hornagamtee yoo tarkaanfatte qofa galma barbaachisu saniin gahuun danda'ama. Bifa qindoomina qabu qofaan injifannoo dhugaa fi fiinxa ba'iinsa kajeellu san milkaa'uun danda'ama malee bifa faffaca'aa fi diigamiinsaatiin tarkaanfii takka ejjachuu hin dandeenyu. Haalli dhiheenya kana mul'atu ammoo qabsoo jalqabarraa tarsiimoo siyaasaa fi saayinsiitiin qajeelfamtee deemaa turte jallisuu fi mitiriqsuuf qaamni cubbuun cuuphame gariin waan cabaquu jalqabe fakkaata. Haalli kun ammoo qabsoo fiinxarra geesse deebi'ee qancarsuu madditti qeerroowwan akka habalee qaramtee teepha gabrummaa bara danuu cicciruu jalqabde deebisanii doomsuuf shira xaxamaa jiru tahuun beekkamaa dha. Qeerroon Oromiyaa xurree walabummaa Oromiyaa fi bilisummaa Oromootti nu fullaaftu tahuu jalqabarraa gad qabanii beekan waan taheef warri jiddu lixni gariin kaayyoo qeerroowwan kanaa firfirsuu barbaadan, garuu hin danda'an malee. Facaasuu dadhabaniis garuu deemsaa fi akeeka keenya irraa nu shaakaluun saffisa deemsa qabsoo dhibeeysuu fi tirachiisuu malan jannee shakkuu qabna. Haala garii amma tahaa jiru yoon gad qabee laallu waan hedduutu keessaa nutti mul'ata. Dhiheenyuma kana dubbiin alabaa bilisummaa Oromoo irratti kaatee atakaaroo fi waca wahii uumuun shoorarkaa fi hokkora keessa Oromoo galchuuf yaalanii turan. Haa tahuuti garuu gareen garaaf gaara qaxxaamurte gariin afaanuma qofa qabattee maaliif akka gurra nu duuchitu naaf galuu baatullee, osoo biyya harkatti hin deebifatin alabaa fi asxaaf maraachuun, kan biyyee irra dhaabbannu hin qabne alaabaaf mar'achuun qabsoo hin taatu. Warraaqsa goolabbiif qarqara bilisummaa irra gahee jiru kana micciiruu fi jijjiiruuf warri hamashaa cubbuu hamashatan heddummaachaa jiraachuuniis dubbii biraati. Wayta jirru kanatti abbaan fedhe haa wacuu, kan barbaadees haa irraa qicuu nuti ammoo addaan osoon facaanee kaayyoo dhugaa fi haqa Oromoon ganna dhibbaa oliif irraa agabe san galma dhugaatiin gahuun nurratti dirqama. Kana godhuuf ammoo waan nuuf maluu fi nuuf tolu irratti wal dhagayaa deemuu qabna. Nuti dhaloonni qubee dhaloota 'fidalaa' waliin waliif galuun akka malee nutti ulfaatee jira. Tahuus ciniinnannee qabsoo galmaan gahuuf of qopheessuu qabna.
Waa'een alaabaa yoo kaafamu ammoo jibbansaaf ykn tuffiif osoo hin taane kabajaa fi ulfina isiif qabnurraa dubbanna. Haa tahuu garuu,"Beelooyne ja'anii mar'imaan dheedhii hin nyaatan" akkuma ja'amu, waa hundi yeroo isii tan sirrii eeggatti malee waan tahuu hin oolle. Obsaa fi abdii dhugaa nu barbaachisa jechuu kiyya. Jarjaraan osoo hin qaxarre boqqolloo qeensa kaayee shimbirroof karaa bana. Bakka inni qeensaan ka'e san hordoftee shimbiroon boqqolloo qaxaratti fixxi. Nutiis qabsoon nuti godhaa jirru alaabuma qabsoo Oromoo tan gootonni kum kumni jalatti wareegame tana fuul dura akka isiin hin buqqaanetti oromiyaa keessa gad dhaabuuf waan taheef jarjaraa fi sardama hin barbaachisu. "Jarjaraan re'ee hin horu" akkuma ja'an san yoo jarjarree waanuma keessa keenyatti dhaga'amu hamilee yerootiin yoo goone gaaga'ama guddaatu nu mudachuu danda'a. Of eeggannoo fi tarsiimoon hogganamaa deemuun wareegama hin malle akka nu hin mudanneef nu gargaara. Qabsoo godhaa jirru of eeggannoo, tasgabbii, bilchinaa fi tarsiimoon hornogamaa deemuun dirqama taha. Kana godhuuf ammoo qeerroon Oromoo bilchinaa fi kutannoo qabsoon gaggeessaa asiin gahan dagachuun isaanirra hin jiraatu. Akeekaa fi kaayyoo bu'uraa tan deemsa qabsoo ittiin eegalleen injifannoo hawwinu galmeessaa qabsoo tana goolabbii bareedaa hin qasamnee fi hin tifamneen guduunfuu nurra jiraata. Kana keessatti qaama tumsa qabsoo keenyaaf qaama diinaa keessa horanne kan akka poolisii Oromiyaa kan milkooyne kanallee kabajaa, waan isaan nuun ja'anillee dhagayaa deemuun gaarii dha
Waan milkooyne sirnaan qabachaa waan dhabnees itti barbaaddachaa yoo tarkaanfanne qofa galiif galmi ganamaa osoo hin micciiramnee fi hin jijjiiramne bakkaan gahuu dandeenya. Yoo san tahuu baate ammoo wareegama hin barbaachifne kafallee, kufaatii nuun hin mallees kufnee caccaphuun nu mudata. Qabsoon bilisummaa Oromoo dura irraa sirnaa fi tirna bareedaa qabaachaa hanga godhamtetti bu'aa baayyee nuuf laachuun isii beekkamaa dha. Osoo galma akeekamteef san hin gahin karatti mogolamuun qabsoo Oromoo ammoo bu'aa argame caalaa ba'aa hamaas gateetii gubbatti nu fe'a. Mee tanuma irra dabarre keessaa xiqqo haa hubannuu. Eega Addi Bilisummaa Oromoo dhaaba mirga abbaa biyyummaa falmachuuf qabsoo biyya keessaa godhu irraa baafamee gara bosonaatti deebi'ee galee riphee lolaa tahe boodallee hanga arraa maquma isaa ulee godhatee diinni nuun dhaanaa ture. Mirguma uumamaan qabnullee yoo gaafannu isin ABO dha, shoorarkeessitoota, farra misoomaa, farra nageenyaa, humna badiiti ja'amnee bardoo fi buuca sobaa alagaan tooftaan nutti quunquumtee ittiin nuus deedaqaa turte. Yoo waanuma heerri mootummaa federaalaa sadarkaa fuula xalayaa irratti nuuf hayyamellee gaafanne deebiin keenya hidhaa, ajjeechaa, reebicha, qaamaa miidhamuu, biyyaa ari'atamuu fi kkf tahee qoodaa fi hooda keenya irraa agabnee, jireenya buxa hin qabneen sukukkullee, sukkuumamnee, bututnee hanga arraallee daammacaamaa turre. Kan nu aagibeeysaa ture ammoo diina tahullee maqaan isaan ittiin nu sancarsaa fi qancarsaa turan isin ABO dha maqaa ja'u afaanitti qabachuun akka tahe beekkamaa dha. Nuti injifannoo kalee qabsoon ABO'n hogganamtu nuuf buuftee fi galanni wareegamtoota qabsaa'oota keenyaas kan galchuu dhiisii himnee fixuu dandeenyuu miti. Akkasuma warra dhiiga gootota san lafatti irra ajjatee tarkaanfatee, kaayyoo isaaniis ajjeesse kanaas galaan saanii nurraa hin dhumu. Garuu hanga galma barbaachisu san geenyuu ciminumaan qabsoo tarsiimoon itti fufu malee alabaaf wacuun nurra hin jiraatu.
Garuu wanti nama dhibu Addi Bilisummaa Oromoo akeekaa fi kaayyoo dhugaa xaliila akka bishaan roobaa qabaachuun ni beekkama. Hoggana dadhabaa qabaachuu daran shira alagootaatiin qofa osoo hin taane rakkoo keessoo isaa turtee waliin geengoo qabsoo biyyaa keessaa eega darbame booda shira alaa caalaa hammeenyi mooraa qabsoo isaa daran hammaachuun abbaa biyyummaaf qabsaa'uun hafee riphee lolaa tahe. Maquma riphee lolaa sanuu hanqatee osoo muuguu riphee rafaa fi riphee hafaa tahuu malee if cimsuu fi qabsoof tumsuu hanqate. Riphee lolaa moggaafatee riphee oolaa tahuu daran inuu ammaas bakka lamaa fi kudha lamatti qaqqaanxa'uun dhaabichaatiis haala qabsoo akka hin sossoone sakaalee, bu'aa lama fiduu daran teepha ba'aa gabrummaa hamtuu nurratti gad jabeessu tahuun isaa ammallee dhiiga nu danfisuu, shira wayyaanee jalatti nu gombisuu fi gabrummaa hammeenyi isii nuun hin malle jalatti nu hambisuu mudate. Kun marti dadhabinaa fi masluufummaa hoggantootaatiin kan uumame ture. Qabsoo qeerroon Oromoo amma godhaa jiruu kuniis tasa mucucaattee yoo kufte ykn tasa mitiriqxee nu harkatti gunnuuffattees wanti nu mudachuu malu tilmaama keenyaan ol akka tahu shakkii hin qabu. Hameenyaa fi jireenya goflola kottee gabrummaatiin nu qucaacuu fi manxaraasha (masaraaca) alagaatiin nu waraanu kan dur irra hamaa san keessatti deebine jechuun ammoo boolla wajiijni ibiddaa keessatti dibametti darbamuu jechuu dha. Kun tahe taanaan ammoo bilisummaa hamiluu dhiiaii deebinee jiraachuuf hawwuu miti nyaachuufuu carraa hin qabnu. Osuma kun hin taane daandii deemsa qabsoo keenyaa akka hin gunnuuffanne eeggachaa deemuun dirqama. Qabsoon kaayyoo sirrii qabattee qabsaa'oota qaroo fi hoggana qaraan gaggeeffamtu injifannoo caalma galmeessaa galma barbaachisu san geessi malee akkuma qabsoo hoggana darree fi dadhabaan durfamtuu, akka qabsoo kaayyoo fi galma hin qabneetti karumatti tima limtee qabamtee, gaadii teepha cubbuutiin sakaalamtee hidhamtee hafuu fi bakka hin malletti shooylaa cubbuutiin kufuu hin qabdu.
Qabsoon Oromoo amma gaggeeffamaa jirtu tun haalaa fi amalli deemsa isii qabsoo kaleessa godhamaa turte waliin dakaa fi baddaa dha. Adeemsaafi malli isiis tan duriin addummaa guddaa qaba. Qabsoon ammaa tun qeerroon bakka dur itti raftee dammeeyfamtee fi bakka itti kuftee kaafamtee fi bakka itti gaggabdee bayyanachiifamtee tarsiimoo fi tooftaa ammayyaawaan masakamaa, adeemsa sirnaawaan tarkaanfachaa fi gulantaa qindaawaan deemaa as geesse malee qabsoo tasa mirqaanuma yerootiin farshaantee kaatee as geessee miti. Hundaafuu, urtoo fi qottoon amma qabsoo fi warraaqsa Oromoon godhaa jiru kana bakka hawwinee fi dharraane saniin akka nuti hin ga'anne qoqoruuf ilkee qarachaa jirtu hedduu dha. Garuu nuti bakka baaneef injifannoon gahuuf, adeemsa jallate sirreeffachaa, kan miliqe xurretti deebifachaa, kan mitiriqees dhidhiibaa waluma daddagalfachaa daandii qabsoo qajeelaa irra yoo imallee qofa injifannoo waggaa dheeraa fannoo turte lafatti buufachuu dandeenya. Qabsoon Oromoo wayta ammaa sadarkaa guddaa of duuba deebi'uu fi mucucaachuu bira dabartee jiraachuun beekkamaa tahullee garuu yoo dhiibbaa ambaa caalaa kan nuti gargar addaan dhiibbannuu fi wal qaanxeessinu tahe qabsooniis deebitee qancaruu fi xoolaguun isii hafa hin qabu. Gaafa gamaaf gamas wal harkifne, hoggaa nuti akkuma lukkuu faffacaanee gola golaa kan qaaqqifnu tahe humnaa fi malli nuti dhawannu bu'aa buusuu miti sagaleen teenyaahu dhawwaaqaa oollee bullullee hin dhaga'amtu. Humni birki birkitti bubuutee gaaraa gabrummaa dhiibdee fonqolchuu dhiisii qaraa dandeessee hin cabsitu. Yoo humnaa teenya qindeeffannee ba'aa walitti tahuu irra ba'aa wal gargaarre qofa osoo hin dadhabne, osoo daandii irraallee hin daddabne imala saffisaatiin bakka baaneef san yeroon gahuu dandeenya.
Kana maddittiis of ijaaruun dirqama guddaa dha. Gandaan, araddaan, hiriyummaan, walitti dhiheenyummaan, akkasumaas maatii fi firoomaan akkuma walitti siqnuun wal jaaruu, wal miggaaruu, wal ajjeeruu qabna. Eenyullee osoo hin eegganne dhimma keenyaaf nutummaan dhimmamnee waliin mari'achuun wal jaaruu qabna. Yeroo ammaa qabsoon Oromoo tarsiimoo ammayyooytuu fi fooyya'ina qabduun tarkaanfachaa jirti. Tarsiimoo san keessaa tokko obboleeyyan keenya kan haaloota taheen caaseeffama mootummaa alagaa tajaajilaa turan hawwannee, maxxanfannee, qabsoo teenyatti dabaluun humna yoo godhanne bilchalli dhihana bilisummaa dafee bilchaata. Haaluma amma agarru kanaaniis Poolisiin Oromiyaa kan baroota lamaan dabran kana ulee alagaan harka kaayee ajaja jala kaayee numarrattin bobba'aa turan san wayta ammaa kana ammoo haala nama ajaa'ibsiisuun harka mirgaa qeerroo tahuu daran wabii warraaqsa Oromoo tahuu danda'anii jiran. Tarsiimoon kun ammallee dabalee daddabalee irratti hojjatamuu qaba. Qabsoo sabni akka keenyaa kan sirna kolonii jalatti gombifame kun taasiisu keessatti obbolaa mooraa ambaa keessa tajaajilaa jiran, habaaboo taanee hawwachuun humna diinaa butuchaa irree keenya cimsachaa deemuuf nu gargaara waan taheef tooftaa simannaa fi hammannaa skkanaa cimsuu qabna.
Walumaagalatti injifannoo itti dhihaanne tana milkaa'uuf akkuma kaleessa wal dhagayaa, wal jala deemaa, wal hordofaa dhufne ammaas miira jaalala obbolummaa hidda Oromummaatiin ganamarraa nu jiddutti magarte tana daran cimsuun, wal kabajuu, waliif abboomuu fi waliif hubachaa tarkaanfachuun gaarii tahuu namuu hubatee, fudhatee hojiirra oolchuu qaba. Kanaaf fakkeenyi guddaan dirmannaa fi hirmaannaa Oromoon amma waliif godhaa jiru kanaa achi numa hin hafini. Xiqqaan guddaa kabajuu, guddaan xiqqaa kabajuun aadaaf hooda Oromoo kan dur irraa qabnu tahuun akkuma beekkamu, kennaa keenya uumaan badhaafamne tana daran leellisuun hojitti hiikaa yoo deemne, bakka tokko xurree dabetti tolumaa fi dadaan karatti wal deebifachaa yoo deemne galmi nuti hin geenye, gaarri nuti diddiiguu hin dandeenye numa hin jirre. Kanaaf, manguddoota keenya, abboottii amantaa, abboottii gadaa fi hangafoota yaadaaf akeeka dhugaa qaban dhaga'uu, bakka isaan irraa dhaabbadhaa ja'an irraa dhaabbachuun injifannoo qofa osoo hin taane eebba dabalataas nu milkeessa. Wanni hubachuu qabnu guddaan wayyaaneen ummata Oromoo kana warraaqsa isaanii irraa gufachiisuuf dhagaan isiin hin fonqolchine hin jiru. "Nyaannee fixuu dadhabnuus facaafnee fixuu hin dadhabnu" akkuma lukkuun jatte, wayyaaneeniis ummata Oromootiin injifatamuu of beeknaan shira danuu xaxxee qabsoo teenya gufachiisuuf godhaa jirtu tana haa irratti dammaqnuu yaa Oromoo. Jarri keenya gariiniis qabsaa'uu dadhabnuus qabsoo gufachiisuu hin dadhabnu waan ja'an fakkaatu. Warri gama biraatiin hiriira kana nuutu qindeessu jira jattaniis dhaabaa ja'aa itti himaa mee. Kana tahuu baannaan qabsoon teenya hiriiruma qofa amaleeffattee hafuu daran diinni tooftaa kaleessa ittiin nu masakeen arraas nu fixuuf kaayyoo guddaa qabaachuu haa barru. Haqa keenya falmachaa jirra waan taheef dhugaa irratti wal dhaga'aa deemuun dirqama keenya. Hiriira amma finiinaa jiru kanaas diinni harka keessa naqachuu ragaa danuun argaa jirra waan taheef yeroof haa dhaabnuu hadaraa. kana jechuun kiyya garuu qabsoo haa dhaabnu jechuu kiyyaa miti. Qabsoo hiriiraa irraa gara gulantaa xumuraatti haa tarkaanfannu jechuu kiyya. Gulantaa xumuraa ammoo wal jaarun qabsoo hidhannootti galuu.
"Dhugaa fi haqa qabnu qabsoo tarsiimoon hornagamtuun injifanna!"
Saphaloo Kadiir | Abdulbasit
Onk. 2017

No comments:
Post a Comment