Dhugaan furmaata rakkooti. Warri keenya kanaaf dhugaa dubbatanii bakka aduun dhiite buluu wayya jedhu. Roorroo fi gadadoo hamaa keessa jiraatuu keenya addunyaatu beeka. Kana keessaa bahuuf qaata qabsoo eegalle. Wareegamma guddaa baafne.Qabsoon keenya garuu galma hin geenye. Sababi ammoo wal sobuu dha. Wal sodaannee fafakkeessina. Amma dhugaa walitti himuun dirqama.
Oromoon erga qabsoo sirnaa jalqabee ganna shantama jala gaheera. Kan qabsoo sirneesse ammoo ABO dha. Dhaabi kun xurree qabsoo saaquu caalaatti tokkummaa Oromoof bu'uura cimaa teechise. Oromoo gosaan adda bahe walitti fidee sabboonummaa facaase. Garuu amma ABOn maqaan malee qaamaan hin jiru. Caasaan isaa jalaa haga gubbaatti diinaan dhuunfatameera. Basaasa diinaatu maqaa ABOtiin hojjata. Keessa fi alattuu diinatu baajata baasee waan ABOn jiru fakkeessuuf diraamaa hojjata. Diraamaan kun alaabaa fi sirbaan miidhagee dalagama. Kan raawwatamu ammoo maqaa "Shanee" jedhamuuni. Murni kun diinatti dhiyoo dha. Firoomi jitu kan dhiigaa ykn kan maallaqqaa ta'uu waaqatu beeka. Wanti sirriitti beekamu murnichi diina waliin ta'ee qabsoo Oromoo qancarsuu isaa ti. Yeroo dheeraaf Oromoon akka hin tokkoomne kan danqaa ture murna kana. Gootota keenya irrattis daba hamaa hojjataa ture. Garii ofii ajjeese. Dargaggoota Soloolotti dhuman haga hin beeku.Garii ammoo harka diinaa buuse. Warra kaan ammoo kijibaan maqaa ajjerse. Dr Mararaan Guraagee ta'uu fi Abbaa-duulaan Tigree ta'uu murna kanatu ololaa ture. Ofii waa hin hojjatu. Akka nami hin hojjanne ammoo oduu fi miidiyaan ololee gufuu ta'a.
Shaneen qabatamaatti hin jiru. Kan jiraa isa fakkeessu diina. Diinatu baajata baasee murnicha dhaadhessaa jira. Diinni maqaa ABO waa lamaaf fayyadama. Tokko Oromoo gowwomsuu dha. Oromoon gaafa sirba qabsoo dhageeffataa alaabaa ABO argu ni gammada. Waan dhaabichi torban ykn ji'a booda dhufee isa bilisoosu se'a. Kanaaf taa'ee dhaggeeffata. Fala biraa hin barbaadatu. Alaabaa fi sirbaan gowwomsee buddeena abjuu nu nyaachisa. Waggoota 26 darban wanti Oromoo diina jala bulche sodaa du'aa ykn jabina diinaa miti. Waan hin jirre abdatuutu gabrummaa nurra bubbulche.
Lammati ammoo sabboonummaa Oromoo rukutuu dha. Kun gama lamaan raawwatama. Gama tokkoon Oromoo sabboonaa biyya keessa jiru maqaa ABO itti maxxansee darara. Naggaadeen Oromoo maqaa saniin saamaman danuu dha. Miseensoti KFO maqaa saniin hidhamu. DhDUO sabboonaan maqaa saniin ifatama. Barataan Oromoo maqaa saniin ajjeefama. Gama kaanin ammoo maqichaan dahatee Oromoo qabsoo jibbisiisa. Murni maqaa kanaan nagadu Oromoota dhaabichatti dabalaman ni darara. Garii hidhee itti taphata. Kaan ammoo ajjeesee gata. Yoo fedhe diinatti laata. Kashalabbee raatuu dabballee jedhee hawaasatti bobbaasa. Jarri ammoo ganda keessa yaatee waan fokkuu hojjatti. Kun martuu akka Oromoon qabsoo irraa abdii kutatuufi. Wanti saba keenya afaan afaan godhe cubbuu maqaa ABOtiin diinni raawwatu kana. Diinni faayidaa ofiitiif baajata baasee alaabaa fi faaruu ABO dhaadhessa.
Jidduu kana bakka adda addaatti hiriirri bahamaa jira. Hiriira kana diinatu qindeesse. Ofumaa horii ramadanii alaabaa oomishuun rabsan. Kaayoon jaraa jeequmsa uumanii Oromiyaa bulchiinsa waraanaa jala galchuu dha. Bulchiinsa obbo Lammaa jigsanii ergamtoota kaayatuu fedhu. Amma "Shororkeessaan waan seeneef waraanni Oromiyaa haa galu" jechuu eegalaniiru. Shaneenis hiriiricha natu hooggana jedheera. Fedhiin jaraa walitti gale jechuu dha. Diinni qabsoo keenya cabsuuf jeequmsa qopheesse. Shaneen ammoo jira jechuuf ana jedhe.
Amma qeerroof dhaamsan qaba. Lammii fi biyya keef qabsaa'uf mirga qofa otoo hin ta'in dirqama qabda. Kana karaa sitti fakkaaten godhi. Garuu waan ABO jedhamu faana deemtee ofiin hin taphatin. ABOn diinaan fudhatameera.Gaafa garas deemte saba bilisoomsuun hafee ofii badda. Yoo akka kootii Oromoo martuu walqabatee hooggansa haaromsaa bira dhaabbata.
ABOn hin jiru. Dhugaa kana gootichi Umar Suleeyman ganna 15 dura hime. Amma dhugaa hadhooftuu tana liqimsuun dirqama.
Dhugaan kun nama baayyee rifachiisuu mala. Garuu dhugaa dha.Dhugaa Hadhooftuu

Dhugaan kun nama baayyee rifachiisuu mala. Garuu dhugaa dha.Taye dendea

No comments:
Post a Comment