BAARRILEE/BACCARROO - Pityriasis Versicolor/Tinea Versicolor
*************************************
Dr.Nuredin L irraa
Baarilee Ykn Baccarroon dhukuboota gogaa namaa irratti mul'atan/bahan kan maqaan Afaan Oromootiin beekaman keessa isa tokko. Innis faangasii gogaa keenya irra jiraatuun kan dhufu yoo ta'u, tuttuqqiidhaan ykn uffata nama isa qabuu uffachuun nama san irraa gara nama birootti hin darbu. Yaalamuu dhabuunis lubbuu namaa balaaf kan saaxiluu miti. Sanyiin firaan/dhiigaanis hin daddarbu.
---
Faangasiin rakkinna gogaa kana fidu gogaa nama hundaa irra kan jiraatu/argamu yoo ta'u, sababni inni namoota tokko tokko irratti rakkoo akkasii fiduuf guutumaan guututti kan beekamuu miti. Maqaan faangasiichaa "Malassezia" jedhamuun beekama. Rakkinni gogaa kuni ammoo maqaa "Pityriasis Versicolor"/" Tinea Versicolor " jedhamuun beekama.
---
Faangasiin kun fayyaa namaa kan hiin miine(miidhine) ta'uyyuu yeroo tokko tokko haala malee baldhachuun morma, quceefi dugda gara gubbaa jiru dhunfachuun argaa bareeda nama miidhuu danda'a. Darbee darbee hoqxoo xinnoo qabaachuu mala. Baccarroon yeroo tokko ofuma isaati qaama irraa badaa yeroo kaan deebi'uu danda'a. Yeroo baay'ee Namoota qilleensa hoo'aa jidhaa keessa jiraatan akkasumas baay'inaan dargaggoota Umrii digdamanii keessa jiran irratti mul'ata.
-----
Baarrilee/Baccarroo yoo of-irratti argine mala ittiin balleessu dandeenyu keessa:
*Qullubbii adii tuttumnee bulleesuun jiidha ishee san iddoo gogaa rakkina kana qabuutti dibachuu. Daqiiqaa soddoma booda bishaan qulqulluun dhiqachuu. Yoo xiqqaate guyyatti al lama akkas gochuu.
*Cuunfaa Loomii bishaan dachaa isaatiin Wolitti maknee dibachuu. Ergasii guyyaa tokko bulchinee dhiqachuu.
*Nadhii dammaa (damma uumamaa) haphisnee gogaa hubame san irratti dibuu. Yoo xiqqaate dhiqachuu keenyaan dura sa'a lamaaf turu qaba. Kanas guyyaa guyyaadhaan torbaan lamaaf gochuu.
*Shalalaa/Ayibii/ haphifnee daqiiqaa soddomaaf dibachuu san booda qulqullessinee dhiqachuu.
---
Karaaleen armaan olitti eeramaniin yoo baduu dhabe:
* Doktoraaf rakkina gogaa kana kan biroo irraa addaan baasuuf salphaa waan ta'uuf deemanii laallaamuun barbaachisaa ta'a.
-Haala rakkinna gogaa keessanii erga ilaalee booda Doktorri keessan Shampoo ittiin miicatan kan qoricha of keessaa qabuu, ykn qoricha gogaa irratti dibatamu, ykn qoricha liqimfamu isiinf ajajuu mala.
----
Ulfaadhaa!
Horaa, bulaa, deebanaa!
Waan addunyaa tanarratti taane himachuu osoo hin taane waan addunyaa tanarra tahuuf dhufne beekuutu dirqama.
Monday, September 11, 2017
Tuesday, September 05, 2017
Faayidaa kaarootii
KAAROTII HAA HAA NYAANNUU?
Dr.GurmeessaaIrraa
1. Qaroo keenyaaf hedduu gargaara. Keemikaala beettaa kaarootin jedhamu kan qaroo keenyaaf hedduu gargaaru of keessaa qaba.
2. Tiruun keenya xuraawaa qaama keessaa akka baasuuf ni gargaara.
3. Ilkaaniif afaan keenya sirritti akka ququllaa'uuf fayyaa akka qabaatu taasisa.
4. Carraa sammuu keessatti dhiiguu ni xiqqeessa
5. Keemikaalota antioxidant ta'an waan of keessaa qabuuf seelotni akka dafanii hin dulloomne taasisuun umurii dheeraa carraa jiraachuu namaaf kenna.
6. Vitaamina ga'aa waan of keessaa qabuuf gogaan keenya fayya qabeessaaf akka ta'uu fi bareedina akka qabaatu gargaara.
7. Kaanseriiwwan garagaraa keemikaala nama irraa ittisu (falcarinol) of keessaa qaba.
8. Dhiibbaa dhiigaa, dhukkuba onneen carraa qabamuu gadi buusa
Fayyaan faaya

Dhukkuba vaayiraasii tiruu--viral Hepatitis
DHUKKUBA VAAYIRASII TIRUU - Viral Hepatitis
Tiruun keenya dhukkuboota gara garaatiin hubamuu danda'a. Isaan keessaa tokko dhukkuba Tiruu vaayirasoota Tiruutiin/ 'Hepatitis Virus' dhufudha. Kanaan alattis woggoota dheeraaf Alkoolii baay'isanii dhuguun, Qorichoota garagaraa baay'isanii fudhachuun, summii garagaraatiif saaxilamuun, Ameebaan ykn baakteriyoonni tokko tokko malaa uumuun/guuruun, Kaansariin seelii Tiruu irraa ka'uun, Sirna ittisa dhukkuba qaamaa keessatti qamni keenya miidhamuun/wol rukutuun (autoimmune disease), fi rakkinna ujummoo hadhooftuu irraa kan ka'e Tiruun keenya dhukkubsachuu/miidhamuu dandeessi. Hardhaaf mee kanniin keessaa waa'ee Dhukkuba Tiruu Vayirasoota Tiruutiin dhufu ilaalla.
---
Vaayirasiin Tiruu /Hepatitis Virus/ vaayirasoota gartuu/gosa garagaraa ta'anii isaan irra jireessaan Tiruu miidhan dha. Vayirasiin kunniin 'Hepatitis (A, B, C, D, fi E ) virus' jedhamanii beekamu.
---
---
HEPATITIS 'A' VIRUS:
• Inni kuni vaayirasii tiruu daddarbaa ta'an keessaa isa tokko ta'ee nama isa qabu irraa gara nama biraa hanqinna qulqullinna nyaata, bishaaniifi nama dhukkubsateen hariiroo wolitti dhihoo ta'e qabaachuun darba.
• Yeroo gabaabduuf tiruu keenya haalaan miidhuu danda'uyyuu rakkinna yeroo dheeraatif tiruu keenya hin saaxilu.
• Dhukkubni tiruu vaayirasii kanaan dhufu otoo hin yaalamin ofinuu baduu/fayyuu danda'a. Qulqullinna nyaataaf dhugaatii keenyaa eguun. Bishaan qulqulluu fayyadamuun carraa vaayirasii tiruu kanaan qabamuu gadi buusuu ykn hambisuun ni danda'ama.
---
---
HEPATITIS 'B' VIRUS:
• Inni kun vaayirasii tiruu baay'e hamaa ta'eefi miidhaa yeroo dheeraa fiduu danda'u dha.
• Vaayirasiin kun akka nu hin qabneef talaliin fudhatamu jiratuyyuu vaayirasii kanaan takka qabamnaan qaama namaa keessa hin bahu/badu.
• Vaayirasiin inni kun miidhaa/dhukkuba tiruu yeroo gabaabaa ji'a jahaa gadiif turu (Acute viral Hepatitis) ykn dhukkuba yeroo dheeraan booda namatti deebi'ufi nama irra turu (Chronic Viral Hepatitis) fiduu danda'a.
• Carraa vaayirasiin hepatitis B kun dhukkuba yeroo dheeraa fiduu ka murteessu umrii itti vaayirasichi qaama namaa seenee dha. Umrii kun Xiqqaa yoo ta'e carraan dhukkuba yeroo dheeraa/dheeraaf qabaachuu guddaa ta'a. Fakkeenyaaf daa'imman yeroo cininsuu ykn dahumsaa haadha irraa vaayirasiin kun itti daddarbe carraa dhukkuba yeroo dheeraa qabaachu parsantii 90-95 qabu. Yoon nama guddaa ta'ee Vaayirasii Hepatitis B kanaan qabame carraan dhukkuba yeroo dheeraa (Chronic Viral Hepatitis) qabaachu parsantii 5-10 qofadha.
• Vayirasiin Tiruu kun (Hepatitis B Virus) kun Tiruun keenya dalagaa ishee akka dadhabdu, Kaansarii tiruutiif akka saaxilamtu akkasumas godaanisoofte ( 'Cirrhosis'- goddanisa umtee ) akka haftu gochuu danda'a.
• Vaayirasiin kun nama Isa qabu irraa gara nama biraa Wol qunnamtii saalaa hin ittifamne gochuun, waan qara
qabu woliin fayyadamuun,
dhiiga fi dhangala'oo biroo(hancufa, isparmii fi kkf) nama vaayirasii kana qabu irraa bahan/jigan akkuma argan qaqqabu/tuttuquun, akkasumas yeroo dahumsaa haadha irraa gara da'imaa daddarba.
• Vaayirasii kanaan akka hin qabamneef: Wol qunnamtii saalaa hin ittifamne gochuu dhabuu, waan qara qabu woliin fayyadamuu dhabuu, dhiiga fi dhangala'oo biroo kan qaama nama biraatii bahan/jigan akkuma argan qaqqabu/tuttuquu dhabuu, yeroo ulfaa qorannoo vaayirasii kanaaf qabaachuu ilaaluuf godhamu gochuun da'ima keenyatti akka hin dabarre talaallii vayirsii kanaaf daa'ima keenya qopheessu/qophayuu.
• Talaalliin namoota carraa vaayirasii kanaan qabamuu danda'aniif kennamu ni jira.
---
---
HEPATITIS 'C' VIRUS
• Akkuma Vaayirasii Hepatitis 'B' san dhukkuba tiruu yeroo gabaabdu fi dhukkuba tiruu yeroo dheeraaf nama wojjiin jiru fiduu danda'a.
• Isaan Vaayirasii kanaan qabaman keessaa ℅ 70-85 kan ta'an dhukkuba Tiruu yeroo dheeraa nama wojjiin turuun qabamu danda'u.
• Qaamni keenya dhukkubni kun balaa yeroo dheeraa akka hin fidne yeroo hedduu ittisuu danda'ayyuu namoota tokko tokko irratti Tiruun akka dadhabdu, Kaansarii tiruutiif akka saaxilamtu akkasumas godaanisoofte ( 'Cirrhosis'- goddanisa umtee ) akka haftu gochuu danda'a.
• Karaan hedduun vayirasiin kun Ittiin nama qabuuf daddarbu kan Vaayirasii Hepatitis B wolfakkaata yoo ta'u wontoota/barteewwan sanniin balleessun/hanbisuun Vaayirasii kanaan akka hin qabamne nu gochuu mala.
• Vaayirasii Hepatitis 'C' kun qoricha farraa Vaayirasii (anti-viral medications) ji'oota hedduuf fudhatamuun akka dhiiga keenya keessatti hin mul'anne/badu gochuun ni danda'ama.
• Virus inni kun talaallii hin qabu.
---
---
HEPATITIS 'D' VIRUS:
• Vaayirasiin kun dhukkuba fiduuf gargaarsa Vaayirasii hepatitis B kan barbaadu yoo ta'u Vaayirasii Hepatitis B wojjiin ykn Tiruu Vaayirasii Hepatitis B'n dadhabde hubun/qabuun miidha tiruu keenya irratti fida.
• Yeroo hedduu Vaayirasiin kun dhiiga keenya keessa ufuma isati baduu danda'uyyuu rakkinnoota yeroo dheeraa Vaayirasiin Hepatitis B fidu sanniinis fiduu danda'a.
• Karaan inni Ittiin daddarbus kan Vaayirasii Hepatitis B tiin wolfakkaataadha.
---
---
HEPATITIS 'E' VIRUS:
• Yeroo hedduu dhukkubni Tiruu Vaayirasii gosa kanaan dhufu turti yeroo gabaabdu booda ofuma isati baduu kan danda'u ta'uyyuu darbee darbee Tiruun keenya yeroo gababdu keessatti akka dadhabdu gochuu danda'a.
• Inni kunis akkuma Hepatitis A Virus san dhukkuba Tiruu yeroo dheeraa hin fidu.
• Vaayirasiin kun nyaataaf bishaan qulqullina hin qabne, foon dheedhii horii vaayirasi kana qabu, akkasumas dhiiga nama vaayirasi kana qabuu fudhachuun daddarba.
----
----
Mallattooleen Dhukkuba Vaayirasii Tiruu Maal Fa'a?
- Nama dadhabsiisuu
- Nama lolloojjessuu fi haqqisiisuu
- Dhukkubbi garaafi Garaan nama muruu kessattu naannoo tiruun keenya argamtu irratti.
- Hoo'a qaamaa
- Fincaani gurrachayuu ykn boora ta'uu.
- Iddoo cabsata qaamaa garagara irratti dhukkubbiin namatti dhagahamuu.
- Qaama nama hoossisuu.
- Gogaafii ijji keenya boora ta'uu
- Fedhi nyaataa gadi bu'uu
- Garaafi miila nama i'itessu/fuffursuu.
- Haala salphaan dhiiguu. Yoo dhiiges dhiigni haala salphaan dhaabachuu dhabuu.
* Sadarkaa Vaayirasiin kunniin Tiruu keenya miidhee jiru irratti fi gosa vaayirasii kanniin irratti hunda'uun mallattoolee garagaraa kan biroos mul'achuu danda'an.
---
Ulfaadhaa!
Horaa, bulaa, deebanaa!
Dr.Nuredin L. Irraa

Faayidaa timaatimii/aa
TIMAATIMII
*************
@Dr.Nuredin L. IrraaTimaatimiin maqaa saayinsii ''Solanum lycopersicum'' jedhamuun kan beekamu yoo ta'u, kompawundootafi albuudota fayyaa qaama namaatiif barbaachisoo ta'an hedduu of keessa qaba.
-
Bu'aaleen qorannoo woggaa hedduuf timaatimii irratti godhaman akka mul'isanitti:
* Koompawundoota Lycopene, Beta-Carotene, fi Chlorogenic acid jedhaman kan keemikaalota tokko tokko (free radicals) seelii keenya miidhan akka miidhaa san hin fidne dhorkan (anti-oxidant) kanniin of keessaa qaba.
* Fiber (nyaata qaamaa keenyaan hin bulloofne) guddaa waan ofkeessaa qabuuf gogiinsa garaa hanbisuuf, bullayinsa nyaata saffisisuuf, ulfaatinna qaamaa hirdhisuufi fayyummaa mar'umaan keenyaafis gaaridha.
* Bu'aan qorannoolee hedduu akka agarsiisutti koompawundii Lycopene jenne san guddaa waan of keessaa qabuuf carraa kaansarii garaachaa, mur'umaan guddafi kaansarii xannacha pirosteeti ni hirdhisa.
* Albuuda Pootaashiyeemi jedhamu kan dhiibbaa dhiigaa akka hirdhatu godhuufi kaalshiyeemii kan jabinna lafeetiif barbachisu guddaa ta'e waan qabuuf dhiibbaa dhiigatiifi fayyummaa lafeetiif kuduraa baay'ee gorfamaadha.
* Dabalataan madda Vaayitamin A, C, K1 fi B9 (Folate) waan ta'eef fayyumaa ijaaf, sirna ittisa qaamaaf, sirna ititu dhiigaa fi haadholii ulfaatiif daa'imni gadamessa jiru qaama guutuun akka uumamuuf faayidaa guddaa ni qabaata.
* Kanaan alattis koompawuundootni fi albuudonni timaatimii keessa jiran fayyumaa Onnee keenyaaf, bareedinna gogaaf rifeensa keenyaaf shora guddaa tapachuu danda'u.
* Nyaanni keenya dhandhama gaarii akka qabaatuuf akka mi'eessituutitti ni tajaajila.
-
Faayidaalee armaan olitti eerre argachuuf bilcheessinee fayyadamuun gaarii ta'a sababa koompawundonni jenne kunniin yeroo san irra argamaniif.
---
Fayyaa ta'aa!

Monday, September 04, 2017
Faayidaa cuunfaa loomii
CUUNFAA LOOMII
Dr Nuradin Luke irraa
*************
Bu'aan qorannoolee hedduu akka addeessutti cuunfaan loomii:
* Vaayitamiin C dhaan kan badhaadhefi madda Vaayitamiin C isa guddaa ta'uun sirni ittisa qaamaa keenya akka jabaatu godha.
* Nyaata qaaman hin bullofne (Fiber) guddaa waan of keessaa qabuuf gogiinsa garaa hanbisuu, ulfaatinna qaamaa hirdhisuufi fayyummaa mar'umaan guddaa keenyafis gaariidha.
* Hammi PH qaama keenyaa madaalawa akka ta'u gargaara.
* Bullayinsa nyaataa saffisiisufi oomisha hadhooftu(bile) kan bullayinsa Lipiidiif (coomaaf zayitaaf) barbaachisu ni si'eessa.
* Bu'aa wolnyaatissa keemikaala qaamaa ta'anii isaan qamaaf hin barbachifne bulbuluu irrattis gahee qaba
* Dabalataan madda albuudota akka pootashiyeemii, maagniziyeemii, kaalshiyeemii, fosfarasii fa'a ta'uunis ni beekama. Kun ammoo sirna narvii kunuunsuufi dhiibba dhiigaa hirdhisuu irratti gahe gudda qaba.
* Baakteriyootn dhukkuba fidan hedduun akka wol hin horre ittisuu irratti gahee guddaa taphata.
* Dhukkubbi nannoo jilbaa, ciqilee, fi naanno lafeen wolitti dhufu (joint) namatti dhagahamu tokko tokko ni hirdhisa
* Qakkee/uttaalloo (Common Cold) woyyeesuufi fayyisuufis ni tajaajila
* Gubaa laphees haga tokko ni woyyeessa.
* Kormammaa fi gogaan keenyas akka wolitti hin shunturoofne ni godha.
* Fayyummaa ija keenyaafis barbaachisaadha.
---
Fayyaa ta'aa!
Horaa, bulaa, deebanaa!
---
©Dr. Nuredin L.

Sunday, September 03, 2017
Dogoggorri xiqqaan siyaasaa keessatti balaa guddaa uuma.
“DOGOGGORRI XIQQAAN SIYAASAA KEESSATTI MUDATU BALAA GUDDAA UUMA !”
Rogeeyyoota (activistoota), deeggartootaa, barreessitootaa fi firoota qabsoo Oromoo mara yaadachiisa ammaas tahee, fuula duraas qabsoo keenyaaf ijoo tahe tokkoon qaba. Akkuma beekkamu yeroo ammaa qabsoon bu'aa guddaa qindoominaan akkuma buusaa jirtu, hanqinoonni xixiqqoo mul'ataniis miidhaa geessisaa jira. Hanqinni xixiqqaan deemsa qabsoo keessatti mul'atu kamuu laabraatoorii siyaasaa keessatti maaykiraaskoppiin guddifamee waan laalamuuf if eeggannoo guddaa godhuutu nurra jiraata. Akkuma daandurreen (micro Organism) ijaan hin agarre dhibee adda addaaf nu saaxiluu danda'an, dogoggoroonni xixiqqaan qabsoo siyaasaa keessatti nu mudataniis balaa guddaa nutti fiduu danda'an. Haaluma kanaan yeroo ammaa kanatti dogoggoroonni xixiqqaan osoo beeknuus tahee hin beekin hojjannu baayyee tahullee, akkaan ani irra gahetti hangafoonni iccitii odeeffannoo facaasuu, hirmaannaa diinagdee roga balaa qabuun daddabrsuu fi dirmannaa qabsoo Oromootiif bifa humnaa fi meeshaan godhamu sirnaan eegachuu dadhabuun ijoo yoo tahan, miidhaa fi furmaata isaanii tokko tokkoon dhilliyyinee (bal'ifnee) haa laallu.
1) Odeeffannoo Iccitii Tahuu Qaban Facaasuu Dhabuu.
Qabsoo godhamu kamuu keessatti odeeffannoon meeshaa guddaadha. Keessattuu warra akka keenyaa kan qabsoo fi warraaqsa sochii ummata bal'aa irratti hundaa'e biyya alagaan koloneeffatamte keessatti godhuuf odeeffannoo fi iccitiin dhimma baayyee murteessaa dha. Odeeffannoon xiqqoon osoo beeknuus tahee osoo hin beekne nu harkaa baatu lubbuu lammiilee hedduu galaafachuu daran adeemsa qabsoo qancarsuu fi qabsaa'oota gaaga'uun abdii kutannaa dhalti. Diinni iccitii nu harkaa baatetti dhimma bahee hojii warraaqsa itti doomsu danuu argatee if eewaluuf illee tarkaanfii cimaa fudhata. Odeeffannoon nu biratti laaftuu fi xiqqoo fakkaattu cufti diina faallaa keenyaa biratti gatii guddaa qabdi. Yoo nuti odeeffannoo keenyaaf osoo hin dhimmamne bilisatti dabrisinee alagaaf kan kenninu tahe gaaga'ama dhuufu tilmaamuun waan nama rakkisu natti hin fakkaatu.
Keessattuu warra warraaqsa isaa ujummoo qunnamtii odeeffannootiin (Information Technology)tti harka caalaa dhimma bahu kan akka keenyaa kana keessatti miidiyaan hawaasaa akkuma odeeffannoo saffisaan waliin gahuuf bu'aa qabu, dhiibbaa fi miidhaa guddaas qaba. Teknooloojiin qunnamtii faayda guddaa osoo qabuu miidhaa isaa xixiqqaas eeggachaa yoo itti hin fayyadamne gaaga'amni isaa balaa guddaa dhala. Kanaaf yeroo ammaa iccitii guddaan nuti bilisaan fuula 'facebook' keenyarratti dhangalaasaa jirru osuma nu fayyaduu nuus miidhaa, qabsoo teenyaas maxachaa jiraachuu hubachuu dadhabuu fi itti dhimmamuu dhabuu irraa deemsa qabsoo keenyaa dabarsinee bilisaan laachaa jiraachuu keenya mirkaneessa. Waan arkanne mara odeeffanno jannee yoo fuula miidiyaa hawaasaa irratti dhoobne iccitii keenya bilisaan alagaaf hiraa jiraachuu keenya mul'isa. Odeeffannoo nuti akkuma arganneen fuula facebook irratti maxxansinuun miidhaa uumamaa jiru tilmaamuu waan dadhabne fakkaata. Kanaaf odeeffannoo silaa iccitii godhuu qabnu hunda fuula intrrneetii irratti maxxansuu irraa osoo of qusannee gaarii dha.
Kana malees odeeffannoo dogoggoraa kan diinni akka nutummaan wal dhooynuu fi walitti bobbaanu akkasumaas adeemsa qabsoo keenyaa sobsiisuuf fayyadamulleen akka jiru addaan baafnee beekuun gaarii dha. Yeroo hedduu mootummaan wayyaanee tooftaan qabsoo keenya ittiin fashaleessu keessaa tokko odeeffannoo sobaa nama qabsoo Oromoof dhimmamu fakkaatee eega dabarse booda iddoo odeeffannoon san irratti xiyyeefatu dhaqee wanti isaan odeessan soba jechuun qabsoo Oromoo fashaleessaa ture.
Kanaaf, Iccitii odeeffannoo keenyaa eeggachuun qabsoo qofa keessatti osoo hin taane jiruuf jireenya hawaasummaa keessattiillee barbaachisaa dha. Iccitii eeguun barbaachisaa tahuu daran ammaas dugugguruu qabsoo tahuu namni hin hubanne qaawa qilleensi diinaa nuttiin seenu banaaf. qabsaa'oonni, rogeeyyoonni, deeggartoonni fi barreessitoonni kamiyyuu yoo Oromoofiin dhimmama ja'e fakkeenyummaa Jaal Haaji Aadam Saaddoo fudhachuu qaba. Xalayaa iccitii xiqqaa qabdu nyaatee "Wanti garaa nu baate garatti nu deebitee amma waan feetan nu godhuu dandeessan." Jaal Aadam Saaddoo ja'ee san irra waan guddaa barachuu fi hubannee hojitti hiikuus qabna.
2) Dirmannaa Hawaasni Biyya Waliif Godhu Gad Fageenyaan Himuu Dhiisuu.
Hawaasni keenya bakkaa adda addarraa yeroo waliif tumsan keessafuu kan biyya keessa jiraatan, tumsa waliif godhan gosa gosaan adda babaasanii (In Details) himuu hin feesisun.
Fkn:- Hawaasni aanaa weerarame tokko gargaaruuf qawween ykn firii rasaasaan (Ilmoon) kan arjooman yoo tahe osoo dirretti hin baafne dhoksaan yoo biraan gahan gaarii dha. Sababni isaa wayyaaneen basaastuu fi gantuu bakka hundaa qabdi waan taheef hidhannoo ummaanni keenya hidhatu irraa hiikuu fi firii irraa saamuu dandeeysi. Ammas kana godhaas jirti.
Qaaman bakkatti argamanii goollisuu yoo barbaadaniis bifuma dhoksaa taheen battalumatti argamnii eega haleelan ykn ergama galmaan gahan booda tumsi godhamuu isaa ummataaf yoo ibsan gaarii taha. Iccitiin waliif dirmannaa keenyaa roga hidhannootiiniis tahe roga diinagdeetiin godhamu kamuu gonkumaa wayyaanef ifa tahuu hin qabu. Kuni ammoo daran nu jabeeysee diina keenya caalatti maraacha sababa taheef. Ummata gargaarsaf dhufan sanillee rakkisuu waan malaniif. Hawaasa naannoo saniitis wayyaanen irratti xiyyeeffattee gaaga'ama biraatif akka hin saaxilleef isaan fayyada je'een yaada.
Bara tahe sirnaan hin yaadadhu malee yeroo tokko Raadiyoon Sagalee Bilisummaa Oromoo (SBO'n) namoota biyya keessaa ABO'f deeggarsa adda addaa godhan maqaa sirrii fi teessoon tartiibeessee ibsuun namoonni baayyeen gaaga'ama hamaaf saaxilamanii, gariiniis mana hidhaatti guuramanii akka turan niin yaadadha. Yeroo ammaa wayta qabsoon Oromoo sadarkaa guddatti tarkaanfatte jirtu kanatti namoota dhunfaa kan deeggarsa kamuu biyya keessaa godhan kan akka abboottii qabeenyaa, aanga'oota mootummaa fi garee hawaasummaa biyya keessaa roga adda addaatiin gumaacha godhaa jiran dirree baasaanii roga miidiyaa kamiinuu himuun diinaaf dabarsanii laachuu waan taheef kaayyoo diinaatiin addaa hin laalamu. Kanaaf, namni qabsoo Oromoof dhimmamu kamuu namoota dhunfaa biyya keessaa deeggarsa laatan maqaa dhugaa fi teessoo isaa himuun hin barbaachisu.
3) Diinagdee Qabsoo Of Eeggannoo Malee Daddabarsuu Dhiisuu.
Qabsoon gaggeeffamu kamuu humna namaa, diinagdee, tooftaa fi tarsiimoo siyaasaa fi mala saayinsaawaan yoo hin deeggaramne carraan galma gahiinsa isii xiqqaa dha. Diinagdeen humna qabsoo guddaa fi qirixxee duugdaati. Keessattuu hawaasni keenya wayta ammaa gumaachi diinagdee qabsoof taasisuu jalqabe kan nama ajaa'ibsiisuu, kan hamilee nama jajjabbeessuu fi kan nama gammachiisu tahuu daran, ummanni keenya biyya alaa fi biyya keessaas hangam akka qabsoof dheebotee, hangam akka walabummaa fi bilisummaaf hawwellee kan namatti mul'isuu dha. Haa tahuu garuu wanti eeggachuu qabnu guddaan diinagdee qabsoof guuramu kana bakka barbaachisuu fi dhimma guurameef bira karaa iccitaawaan yoo gahe malee, tasa daandii irraa maqe taanaan gaaga'ama guddaa fida. Diingdee kana daddabrsuu keessatti rakkoo fi qaawni akka hin uumamne kallattii naannawaa fi iccitaawaa fayyadamuun dirqama.
Fnkf. Biyya alaatii yeroo qabsoon finiinu maallaqa baankii wayyaaneen to'attutti gara biyya keessaa erguun gaaga'ama guddaa qaba. Diinagdee biyyoota alaatii guuraman gara biyya keessatti dabarsuuf jaarmaalee ykn dhaabbilee daddabarsa maallaqaa (hawaalaa) fi baankitti erguu osoo hin taane, nama amanamaa fi sabboonaa diinagdee qabu biyya alaa fi biyya keessaa uumachuun gaarii dha. Diinagdee biyya alaatti guurame nama saniif kennamee, inni ammoo nama biyya keessatiin wal qunnamee kallattiin akka nama dhimmamee gara bakka qabsoo geessutti kennamu eega godhame booda tooftaan hanga bakka barbaachisu gahutti akka iccitiin dabru godhuun gaarii dha. Eega dubbiin qabbanooyte booda namoonni lamaan biyya alaa fi biyya keessaa san lafa nagayaatti waliif dabarsuun gaarii dha.
Kana malees tooftaa biraa kan balaa hin qabnetti fayyadamuun gaarii dhaa. Gara fuula duraatti gurmii fi waldoota hawaasummaa fi diinagdee kan qajeelcha sirnaawaa fi adeemsa sirrii fi jabaa tahe qabu, kan dabarsa diinagdee qabsoo irratti biyyaa fi biyya alaa jidduu diriiree hojjachuu danda'u iccitiin ijaaruun dirqama taha. Hubadhaa! Maallaqni nuti qabsoo keenya itti finiinsuu fi qeerroo jajjabeessuuf goonu kun yoo akka tasaa kallattii irraa maqe numatti deebi'ee gaaga'ama hamaa akka fiduu danda'u beekuun gaarii dha. Kanaaf of eeggannoo guddaa godhuu madditti tooftaa fi mala ammayyaawaa salphatti adeemsa diinaaf hin saaxilamne fayyadamuun gaarii dha. Eegaa dubbiftoota keenya qabsoo goonu keessatti dogoggoroota xixiqqaa mara eeggachaa deemuun gaarii dha. Galma gahiinsa qabsoo keenyaaf tarkaanfiin keenya murteessaa tahuu hubachuun warraaqsa jalqabne galma barbaannuun akka geenyuuf yaadachiisaan barreesse asirrattiin guduunfa. Waan hanga xumuraatti na faana turtaniif galatoomaa, Horaa Bulaa!
"Daandii warraaqsaa qulqulluu qabannee galma ni geenya!"
Saphaloo Kadiir | Abdulbasit
Fuulbana, 2017Saphaloo kadiir'n
Subscribe to:
Posts (Atom)
Biyyaaf Malee Biyyeef Hin Qabsoofne[ Sheikh Aadam Tuulaa]
Biyyaaf malee biyyeef hin qabsoofne Sheik Adam Tula Seenaa gabaabaa Muftii Sheekh Aadam Tuulaa (Rahimahullah) Sheekh Aadam Ahmad Hammarroo ...

-
Silaallee uleen caphee kan Abbaa Gadaa hincaphuu, Beekaa irra kutne malee, seenaann hiyyeeysa hinqabuu.Ja’a Alii Birraa bar kurnee afur...
-
Seenaa ergamaa keenyaa dhalootarraa hanga du'aatti kan maxxanse Jafar Bayan . PDF isaa buufattanii dubbistanii seenaa isaa barach...
-
Biyyaaf malee biyyeef hin qabsoofne Sheik Adam Tula Seenaa gabaabaa Muftii Sheekh Aadam Tuulaa (Rahimahullah) Sheekh Aadam Ahmad Hammarroo ...