Saturday, January 28, 2017

Mallattoowwan Abbaa irree Ittiin beekkaman beeytuu?

DEEBII ARGACHUUF BARRUU SAAYINSAAWA KANA HANGA DHUMA DUBBISAA)
('Share' godhuun waliin gahaa)
(saphaloo kadiir irraa)
Yeroo baayyee dhimmi abbaa irrummaafi gita bittummaa maaliin beekkama laata jedhee namni of hin gaafanne hin jiru. Abbaa irrummaa ykn gita bittummaan namoota dhunfaa irratti, waliin jireenya maatii keessatti, walitti dhufeenya hariiroo hawaasummaafi geengoo diinagdee keessattiis kan mul'atu haa tahu malee, abbaan irrummaa hamtuun, tan jireenya ummata guutuu irratti gaaga'amaafi balaa hamtuu fiddu immoo roga siyaasaa keessatti argamtu akka taate beektoonni xinxala siyaasaa addunyaa ni dubbatan.
Irra baayyeen namaa abbaa irrummaa yaadumaan ilaaluu malee mallattoo qabatamaafi waltawaa mootummaa biyya tokkoo bulchu ykn jaarmaya siyaasaa saba gaggeessu keessatti mul'atu gad fageenyaan hin hubatan. Kana waan taheef yoo garri tokko "mootummaan kun abbaa irreeti!" jedhan kaan immoo "lakkii mootummaan kun abbaa irree tahuu hin danda'u. Mootummaan kun dimokraatawaa dha!" jedhee gama faallaatiin eegee guduunfee morma. Mootummaa tokko ykn dhaaba siyaasaa tokko kan hojiin isaa tokko tahe, kan amalli isaa wal fakkaataa tahe irratti ilaalchi garagaraa saniifuu kan faallaa tahe eessaa dhufe ykn kun maaliif tahe jennee yoo kan if gaafannu tahe, akkaataa nuti itti ilaalluufi xinxallu mallattoowwan qabatamaa irra dhaabbannee murteessuu dadhabbiif. Yookaan immoo faaydaa dhaaba ykn mootummaa san irraa dhunfaan argannu fi dhabnu irraa ka'uun ilaalcha mataa keenyaan murteessuu malee ulaagaa addunyaawaa qorannoon deeggarame bu'ura godhatanii miti.
Mallattoon abbaan irrummaa ykn gita bittummaan mootummoota ykn dhaaboota siyaasaa danuu keessatti calaqqisan muraasni kan wal dhabu tahullee, wal fakkeenyaafi mallattoolee waloo baayee qaban. Wal fakkeenyummaa isaanii irra dhaabbachuun mallattooleen isaan wal fakkeessan itti fayyadama aangoo, bu'aa hawaasaa guutuu, wal qixxummaa mirga namoomaa eeguu fi amaloota dhunfaa gaggeessaa jaarmaya ykn hogganaa biyyaa waliiniis wal qabatee amala qabaniitu jira.
Sadarkaa addunyaatti hoggantoonni abbaa irrummaatiin beekkaman keessaa kan akka Hitler, Saadam, Istalin, Kaastiroo, Gaadafiifi kkf danuu keessaa hangafoota. Akka waliigalaatti yoo kan ilaallu tahe immoo abboottiin irree amaloota kanaa gadii kan qabaniifi qabatamaan irratti calaqqisuu dha. Mallattoolee armaan gadii kun namoota dhunfaa hogganoota garee, dhaabaafi biyya bulchan kamuu biratti mul'achuu jalqabnaan abbaa irrummaa isaa hin shakkinaa. Gaggeessitoonni dhaaba siyaasaa Oromoo gaggeessan amaloota kanaan gadii qabaannaan abba irree tahuu isaanii hin shakkinaa.
1) DHUNFANNAA AANGOO.
Aangoon humna addaa kan mirqaana hawwataa qabu yoo tahu, takka dhandhamnaan haraaraa hamaafi araada cimaa tahuun mi'aa isii daran mi'eeffattee arraabbachuuf nama gororsiisuu dha. Takka dhandhama isii mi'eeffannaan immoo yoo dhabde akka malee waan araadduuf si dharraasiftee, dheebeeysitee tan biraa argachuuf si anfariirsiti. San booda dabarsitee kennuuf, gad dhiisuuf yaaduun gonkuma ni ulfaata. Dabarsuu irra aangoolee guutuutti dhunfachuuf tooftaa diriirsuu jalqabda. Sadarkaa kana geenyaan nama biraa dhandhamsiisuu hin jaalattu.
Namni tokko aangoo argannaan yoo dirqamee gad lakkise malee miira gad lakkisuu hin qabaatu. Aangoo gad lakkisuu caalaa humna isiitti fayyadamuun addunyaan gara fedhii isaa fiduuf dhiibbaa godhuu, dhugaa gara isaatti jallisuu, geengoo isaa keessatti jannata dhunfaa ijaarrachu barbaada. Waan mara muree kan murteessu isuma qofa. Bu'aan roga siyaasaa isaatiin argamu marti kan dhunfaa isaa akka tahetti yaada waan taheef malaammaltummaan isaaniif halaali. Beektoonni warra adii dhimma kana "Absolute power corrupts absolutely" jechuun ibsu. Kanaaf aangoo san yeroo mara ni barbaada.
Aangoo waan qabuuf mataan isaa akka seera tahetti if laala. Yoo kora ykn marii tokko irratti hirmaatan yaadoota marii namoota biraa irraa roga addaatiin ilaaluun murteessuufi yaada isaanii qofa namarratti fe'uuf yaadu. Namni yaada addaa qabaatullee san dhiisee kan isaa san akka fudhatu dirqisiisuuf yaala. Namoonni gariin murtii isaanii kana yoo hin fudhanne tahe immoo akka nama yaada isaanii ibsachaa jiruutti osoo hin taane waan isaan mormaa ykn faalleessaa jirtu itti fakkaata. Nama sanyii mormii ykn firii faallaa facaasaa akka jirtu, nageenya biyyattii ykn dhaabaa laaffisuun, tasgabbii nageenyaa dhoorkuun diigaminsaaf qaawa uumaa jiraachuufi piropagaandaa diinaa adeemsisaa jiruutti laalamta. Yaada isaanii fudhachuu didnaan garuu qabatamaan qilee si geessanii rasaasaan si laboobu.
2) DUGUUGGAAN SANYII NI HAMMAATA.
Mallattoon abbaa irrummaa mul'isu keessaa tokko dugaaggaan sanyii namaa yoo raawwatamu akka badii ykn hammeenyaatti hin ilaalamu. Duguuggaan sanyii akka yakkaatti osoo hin tahin akka bu'aa mataa isii qabuutti yaadan. Yakki duguuggaa sanyii yeroo baayyee namoota ykn ummata siyaasaa isaanii dura dhaabbatu irratti yoo raawwatamu akka badii osoo hin tahin akka carraa umrii aangoo isaanii dheereessuutti laalama. Yakki guddaan abboottii irree biratti yakka siyaasaati. Duguuggaan sanyii abboottiin irree raawwatan kun garee siyaasaa, aadaa, sabaa fi kkf irratti hammaata. Abboottii irreetiif duguuggaan sanyii sulluma aangoo isaanii irratti oliin bahanii dha..
3) GAREE UUMMACHUU.
Abbootiin irree yeroo mara garee dhunfaa isaanii ijaarrachuun beekkamu. Garee waraanaas tahee garee deeggarsa addaa isaaf laatan tan haala maraan dhunfataafi ajaja isaa jala fiigan ijaarachuun hojii isaanii ijoodha. Namoota isaan deeggaran, kan yaadoota isaanii jaalatan, namoota karoora isaa hojiirra oolchaniifi garee namoota isaaf du'aniifi isaaf ajjeessaniin marfamu uummachuu jaalata. Kanaaf wayta garee isaatiin marfamu kana uffata gosa wal fakkaatu, naaduraa gurraatiifaa ijatti akka uffatanii ummata bal'aa irraa addatti mul'atan godhuu fedhu. Gama biraatiin wayta ummata keessatti gad bahan eegduu (gourd) kophaa isaanii tan addaatti isa maddii hiriiran qaban. Gara biraatiin garee namoota ilaalcha, yaada, hawwiifi fedhii isaan wal fakkaataa qaban kanneen isaaf shubbisu uummatan. Gareen san inni balleessuus, tolchuus miirri isaanii wal fakkaatuma.
4) ADDUMMAA FAALLAA TAHE QABU
Namoonni miirri abba irrummaa isaan golge harki caalaan namoota biraa irraa yaada, ilaalchaa, amalaafi gochaaniis addaa kan yeroo baayyee kallattii faallaatti yakkatu qaban. Amala kana qabaachuu isaanii osuma beekanii garuu addummaa isaanii kana akka hammeenyaa ykn akka hir'inaatti osoo hin tahin akka ciminaatti ilaalu. Amala kanaaniis haaloota addunyaa keessa hin jirre uumuuf of butuchan. Waan ofiif itti amanan qofaatu sirrii dha jedhanii yaadu. Kanaaf yeroo baayyee adeemsa isaanii keessatti marii osoo hin tahin ajajaatu baayyata. Hojii akka raawwatan ajajaman raawwachuuf, namoonni garee isaa san hanga lubbuu isaanii kennuutti of kennuu qaban jedhee yaada. Amala gaggeessaa ykn hogganaa osoo hin tahin amala ajajaa waraanaati qabu.
Godhi jennaan godhi dhiisi jennaan dhiisi dhaadannoo jedhu qaban yeroo baayyee. Namoota bulchan san dura deemuun gaggeessummaa gochaan kan mirkaneessan osoo hin tahin ajajuun yeroo hedduu akka raawwatan fedhu. Kana malees waan isaanii achitti hojjatame mara ofiif irratti argamuu jaalatu. Kana malees yeroo hedduu mul'achuu waan jaalataniif bakka miilaan hin geenyellee suuraan isaanii akka mul'atuuf ajaja laatu. Fkf. Gareen isaan bulchan ykn warri geengoo isaa keessa jiran san 't-shirt' suuraa isaa qabu akka uffatan godhu. Manneen daldalaatiis suuraa isaa hayyama daldalaa madditti akka fannifatan godhuufi suuraa isaanii bakka namoonni baayyeen itti wal gahutti guddisanii mul'isuu barbaadu. Kanaafiis sagantaalee televziyoona biyyaa ykn dhaaba irratti yoo akkam xiqqaate torbaanitti sagantaa sa'atii sadii ol mul'atu.
5) MIIRA OF-QOLUMMAA QABAN.
Abboottiin irree amalli isaanii guddaan ofittummaa ykn ifqolummaa dha. Waan hojjatan mara faaydaa dhunfaa isaaniif irraa argatan irraa ka'uun qofa hojjatu. Wanti isaan raawwatan kamuu bu'aa isaaniif laachuu malee miidhaa namoota biraa irratti fidu irraa dhimma hin qabu. Yeroo mara humna kee butuchitee, qabeenya kee mancaaftee, yeroo kees qisaastee bu'aa argamu immoo akka isaaf galchitu jaalatan. Of jaalattummaa irraa kan ka'e wareegama nama biraatiin injifannoo isaanii faayuu,  cululuqsuu barbaadu. Waan hojjatamu keessaa kan tole mara ofiin yaamuu barbaadan. Waan hammaate, waan bade immoo yeroo hedduu nama biraatiif laatu.
Amalaafi ilaalcha ofqolummaa "Kan biyya gaggeessuu ykn kan dhaaba kana sirritti hogganu ana malee hin jiru" jedhee yaada. Kana yaaduun isaas bu'aa dhimmichi kun isaaf argamsiisu irra dhaabbatee malee fedhiifi hawwii ummataa irraa dantaa hin qabu. Yeroo hedduu dirqama anaatu siif beekaatiin waan sakraananiif fincilli ummataa isaan qunnama. Warraaqsi ummataa kan mormii cimtuu ykn dura dhaabbannoo ulfaataan gaggeeffamu yeroo baayyee kan isaan qunnamu tahuus isaan immoo didanii aangotti cichu. "Ana malee namoonni biraa gaggeessummaa irratti dadhaboo dha" jedhanii yaadu. Akkasumaas waan isaan hojjataniifi yaadan qofaatu biyya ykn dhaabaaf, ummataaf faydaa buusa jedhanii amanu.
Eegaa kabajamtoota dubbiftoota keenya, eega mallatooleen abbaa irrummaa kanneen yoo tahu isaan keessaa lamaafi lamaa ol kan qabu mootummaan ykn dhaabni siyaasaa tokko abbaa irree tahuun isaa shakkii hin qabu. Mallattoolee armaan olii kanneen mootummaan wayyaanee qabaachuun abbaa irree akka tahe ni hubanna. Laata dhaabbilee siyaasaa Oromoo gaggeessan keessaa amaloota kana kan qaban jiru? Yoo kan qabaatan jiraate kami? Haala kamiin abbaa irree kana ofirraa kaasuun danda'ama kan jedhu, tooftaafi mala barbaachisu waliin yeroo biraan isiniif dhiheessa. Horaa bulaa!
"Abbaa irree kan ummata Oromoo miidhu hundi qabsoo keenyaan buqqa'uu qaba!"
Saphaloo Kadiir | Abdulbasit
Adooleessa, 2016.

Friday, January 27, 2017

NAMNI AKKAMIIN WALIIN MILKAA'A?



Lati Hirpa Hunde

Namni akka haadha manaa fi abbaa manaatti, akka maatii tti, akka,waldaa hawwaasaa tti, akka dhaabbata amantii tti, akka dhaaba siyyaasaa tti, akka sabaa tti, akka biyyaa tti milkaa’uu barbaada. Milkaa’uuf maal gochuun qaba jedhee Kan irratti hojjetu garuu muraasa. Beekuu fi isa beekan hojii irra oolchun tokko miti. Jireenyanamaa keessatti Kan jijjiirama fidu beekuu osoo hin taane, isa beekan hojii irra oolchuu dha.
Egaa namni waliin jiraatu ykn namni waliin hojjetu tokko, waliin milkaa’ina argachuuf waliin hojjechuu qaba. Namni akkuma bifaan adda adda ta’e, amala fi fedhiin isaas adda adda. Namni amala fi fedhii adda adda qabu kun akkamiin waliin jiraachuu ykn waliin hojjechuu danda’a kan jedhu gaaffii namatti uumuu danda’a. Dhugumayyu namni amala adda addaa qabu akkamiin waliin milkaa’a?
1- WAL SIMACHUU
Wal simachuu jechuun, garaagarummaa akka qaban waliif hubatanii waliin jiraachuu danda’uudha; amala fi ilaalcha adda addaa qaban kana waliif simachuu danda’uu jechuu dha. Namni lama fi lamaa ol ta’u yeroo walitti dhufu amala, ilaalcha fi bifa tokko qabaate miti. Yeroo baayy’ee Kan namni dogoggora uumee gufuu walitti ta’u namni hundi akka isaa tti akka yaadu, ilaalcha isaa akka qabaatu, kan inni itti amanu tti akka namni amanu barbaada. Ilaalchi akkasii sirrii miti. Namni ilaalcha, amala fi amantii garaagaraa akka qabu beekanii waliif simachuun milkaa’uuf nama gargaara.
2-KABAJA
Kabaja jechuun, ilaalcha gaarii nuti namaaf qabnu; akkataa nuti nama itti ulfeessinu ykn ol ol qabnu jechuudha. Namni garaagarummaa walii erga waliif hubatee waliif kabaju qaba. Ilaalcha nama tokko yoo kabajjeef, innis ilaalcha kee siif kabaja. Amantii nama tokkoo yoo kabajje, innis amantii kee siif kabaja; fedhii isaa hubattee yoo isaaf kabajje, innis fedhii kee siif kabaja. Otuu nama hin kabajiin kabaja nama irraa eeguun gowwummaa dha. Wal kabajuun wal gidduu tti jaalala uumuu dha; akkasumas humna waliif ta’uudha. Kabajni yeroo wal qixa ta’u guddinaaf karaa namaaf saaqa.
3- JAALALA
Jaalalli akka simmintoo dha. Hidhaa waan hundumaati. Gamoon guddaa tokko simmintoo dhaan wal qabata. Akkasuma jaalalli nama waliin jiraatu ykn nama waliin hojjetu tokko Kan walitti hidhu dha. Abiddi boba’aa jiru tokko itti fufee akka boba’uuf qoraan itti daddabaluu; itti tuttuqachuu qabna. Yoo akkas hin goone abiddichi ni dhaama. Jaalalli kunuunsuu barbaada, itti tuttuqachuu barbaada. Sin jaalladha jechuun faayidaa hin qabu yoo hojiin hin mul’isne. Namni wal jaallatu muudaa waliif dhoksa, waliif obsa, kufaatii waliitti hin gammadu, irra daddarbaa walitti hin lakkaa’uu waliif dhiisee waliin gammada malee. Namni jaalalaan yeroo wal duukaa jiraatu ykn waliin hojjetu gammachuun isaa ni dabala. Namni gammachuu qabu humna qaba. Namni humna qabu immoo waa hojjechuun isa hin dhibu.
4-TOKKUMMAA
Tokkummaa dhugaa kan nama gidduu tti uumu, ilaalcha, amalaa fi amantii tokko qabaachuu osoo hin taane, garaagarummaa qaban waliif hubatanii yeroo waliif kabajanidha. Akkas jechuun hundeen tokkummaa hubannaa fi kabaja dha. Tokummaan hubannaa fi kabaja of keessaa hin qabne tokkummaa miti. Of tuulummaa fi ofittummaan farra tokkummaadha. Qaamni waliin hojjetu tokko of tuulummaa fi ofittummaa irraa bilisa ta’uu qaba. Isa hubateef adda addummaan(diversity) miidhagina. Adda addummaa kana waliif simatanii waliif kabajuun gara tokkummaa tti nama geessa! Namni tokko ta’ee waliin hojjetu akka inni hin milkoofne kan daangessu hin jiru.
5-DINQISIIFACHUU
Akka maatii tti, akka hiriyaatti, akka waliin hojjetutti, akka qomoo keetti wal dinqisiifachuun ykn wal galateeffachuun; wal leellisuun akka namni isa darbe caalaa waan guddaa hojjetuuf wal kakaasuuf nama gargaara. Walii walii keenyaaf gatii kennuu qabna. Wal ulfeessuu fi wal leellisuu aadaa haa godhannu. Nama tokko akka inni cimu, akka inni fuul duratti tarkaanfatu gochuu yoo barbaadde galateeffadhu ykn dinqisiifadhu. Egaa namni tokko yeroo waliin jiraatu keessatti ykn yeroo waliin hojjetu yoo wal galateeffate, yoo wal leellisse, yoo wal ulfeesse jaalala fi kabaja wal gidduu tti uuma; waliin milkaa’a!
Egaa walumaa galatti namni waliin jiraatu ykn waliin hojjetu tokko milkaa’uuf adda addummaa walii hubatee, waliif simatee, waliif kabajee jaalala fi tokkummaan wal wajjin hojjechuu qaba.

Lati Hirpa Hunde

Wednesday, January 25, 2017

Private connection akkamittiin seentee dubbisuu dandeessu?

Maarsariitii tokko tokko jala galtanii dubbisuuf carraan akka armaan gadii yoo isin mudate akkaataa suuraa irraa argamu kanatti fayyadamtanii seentanii dubbisuu dandeessu.  ADVANCED ==>proceed to www......com(UNSAFE) tuquudhaan itti gargaaramuu dandeessu.

www.arsicha.info irraa

Maxxansa keenya kan waa’ee faayiloota koompiitara keessaa badan karaa  deebisaniiittiin argatan ilaachisee namoonni hedduun yaadota garagaraa nuuf kaa’anii jiru. galatoomaa jennaan. San madditti immoo akkaataa faayiloota moobaayila android keessaa badan deebisanii ittiin argachuu danda’an ilaalchisee gaafii keessaniif deebii ni taha jennee kan yaanne, kunootii haa ilaalluu mee.
Koompiitara keessaa faayila yoo balleesine gara recyle bin gala. kun waan koompiitarri recyle bin qabuuf, garuu kan moobaayilaa yoo tahe garri deeemu waan hin jiraanneef; deebisnee argachuu hin dandeenyu. Kanaafuu, akkamitti argachuu dandeenyaree laata?
Dumpster’n akka recyle bin’tti isin fayyada. Yeroo tokko qofa play store keessaa buufachuu isin barbaachisa. Hojjachuufis qunnamtii intarneetii kamiiyuu isin hin gaafatu. Erga moobaayila keessan irratti feetanii booda, faayila kamuu yoo balleesitan, dumpster keessaa ni argattu.
Kun kuusaa recyle bin gaariidha moobaayiloota android’iif. kan si barbaachisu erga moosaajii kana play store keessaa buufattee booda ongochuu qofa.
Kan an armaan olitti barreesse kunniin lamaan, maloota faayila kee kan bade ittiin deebistee argattu. Garuu rakkoo tokko qabu. Rakkoon isaas faayilli ati argachuu dandeessu, faayiloota erga moosaajilee kanneen feetee booda balleesiteedha. Kanneen achiin dura balleesite hoo akkamitti deebistee argachuu dandeessa? Akka armaan gadii kanatti haa ilaalluu.
Miimoorii balleesitan keessaa faayila deebistanii argachuu dandeessuu yoo jennee, deebiin isaa eeyye taha. Garuu carraan isin 50-50 dha. Kana jechuun argachuus dandeessu, dhabuus dandeessu jechuudha.
Moosaajileen armaan olii kunniin lamaan ni hojjatu jedheen yaada. Haala itti fayyadama isaanii immoo yeroo biraa isiniif dhiyaassa.
Galatoomaa!!

Tuesday, January 24, 2017

Osoo beeytus tahee osoo hin beeyne akkaataa file kompita keessanirraa bade itti deeffattan

HomeTechnologyKoompiitara Kee Keessaa Faayila Balleesite Akkaataa Deebistee Ittiin Argattu
TECHNOLOGY/JANUARY 24, 2017/ARSICHA 
/NO COMMENT/969 VIEWS
Koompiitara Kee Keessaa Faayila Balleesite Akkaataa Deebistee Ittiin Argattu
Osoo beektus haa tahuu osoo hin beekne koompiitara kee keessaa faayiloota gara garaa kan na barbaachisu jettee hin yaanne balleessuu dandeessa. Booda irratti garuu yoo faayiloonni balleesite kunniin si barbaachisanitti deebistee  argachuun baay’ee isin rakkisuu danda’a. Yoo rakkoon akkanaa kun isin muudate tahe akkaataa keessaa bahuu dandeessan isiniif barreessee jiraa, dubbiasaa itti fayyadamaa.
Yoo faayila kamiiyyuu koompiitara tokko irraa balleesite gara recyle bin keessa akka galu ni beekna. Yoo akkas tahe hundi keenyaa Recyle bin bannee deebifnee faayila balleesine san argachuu dandeenya. Garuu yoo Shift gadi qabnee balleesine, deebisnee faayila san argachuun baayee rakkisaadha. Anis manxansa kana keessatti faayiloota shift gadi qabuudhaan koompiitara keessan keessaa balleesitan, akkaataa ittiin deebistanii argachuu dandeessan isiniif barreessee jiraa haa jalqabnuu mee.
Hunda dura faayila kee argachuu yoo barbaadde, recyle bin banuudhaan keessa ilaali. Yoo achi keessaa hin arganne tahe; yoo faayiloota sana ol keessee(back up) gootee jiraatte tahe achi keessa barbaaduudhaan argachuu ni dandeessa. Maloota kanneeniin yoo hin milkoofne tahe, moosaajiilee armaan gadii kanneen keessa tokko fayyadamuudhaan argachuu ni dandeenya. Ani akkaataa itti fayyadama moosaajii tokkoo isiniif barreessee jira. kanneen hafan immoo maqama isaanii isiniif dhawa.
Jalqaba moosaajii maqaan isaa recover my files jedhuhttp://www.recovermyfiles.com/ hidha kana irraa buufadhaa koompiitara keessan irratti fe’aa.Itti aansuudhaan; filannoowwan lamatu isiniif dhufa. Filannoowwan sanneen keessaa isin recover a drive kan jedhu filadhaa.Fooddaa haaraa isiniif banamu keessatti filannoo search for deleted files jedhu irratti cuqaasaa sekondii muraasaaf eegaa.Amma faayiloota kee kana balleesite hundumaa ni argita. unhide the protected files in windows kan jedhu filachuun faayiloota kee iddoo duraaniitti deebistu.
Recover My Files yoo isiniif hojjachuu dide:
fi kan kana fakkaatan heedduu isaanii fayyadamtanii faayiloota keessan argachuu ni dandeessu.

Tuesday, January 17, 2017

Goota oromoo atleet fayyee leellisaa sabaa


Dubbii tanatti xiyyeeffadhaa! 
Fayyisaa leellisaa mootii moototaa, jagna bara seenaa, goota umuriin hin geeddarre ta’uu beektuu? Fayyisaan bu’aa inni qabsoo seenaa oromoo keessatti buuse safaramee kaa’amuu hindanda’u! Dhugaan isaa kana. Jagni kun bakka dorgome maratti, tana booddee sadarkaa qabates qabachuu baates injifataadha; mootidha!
Fayyisaan gaafa Ri’ootti deeggarsa qabsoo Oromoo argisiise san qabsoo Oromoo kan habashoonni jaarraa tokkoof duubatti butuu yaalan san jaarraa tokkoof duratti ceesise. Haqa tokko.
Fayyisaan gaafa deeggarsa qabsoo san godhu miidiyaan TV heyyama argatanii waan san dabarsaa turan 164 akka ta’aniifi isaan kun ammoo “local sell” of jalaa qabaniin waan inni godhe san ijaa gurra addunyaatin gahan.
Akka daily viewers jedhutti wayita inni deeggarsa san argisiisutti kallattiidha kan daawwachaa jiran namoota miiliyoona 16.86 ta’uu gabaase. Alkallattiidhan ammoo namoonni waan san ilaalan biiliyoona 1.2 oli jedhama.
Staadiyeemii inni waan san keessatti godhe keessaa qofa yeroo sanitti namoota kuma saddeettama (80,000) tu ture.
Jagni kun egaa kana hundatti altokkoon gaffii, qabsoo,eenyummaafi rakkoo Oromoo dhiyeessee, beeksisee,mormee, cimsee bahe.
Gocha kanaan fayyisaan namoota addunyaa kanarratti dhageettii qaban keessaa isa tokko ta’ee jira. Hundarraahuu wanti adda isa godhu garuu hunda caalaa daawwataa hedduutti altokkoon dhagahamuutti hunda caala. Namoonni dhimma akkanaa altokkoon addunyaa cufatti dhiyeessanii dhagahaman muraasa. Atileetonni Ameerikaa bara 1968 waan kanaan walfakkaatu garuu loogii sanyiitirratti mormii mul’isan ni jiru. Yaa ta’u malee kan Fayyisaa adda. Isaan san godhanii biyyumatti deebi’u; Fayyisaan garuu biyyatti deebi’uu akka hin dandeenye beeket godhe. Kun kutannoo guddaadha; jagnummaa addaati.
Fayyisaan waan kana gochuu isaatin Oromoofi Oromiyaa walumaa galatti gaaffii sabni kun qabu addunyaatti hime. Amma Oromoofi gaaffii oromoo addunyaan quba qaba.
Gaaffii:
-Oromoon waa’ee jagna kanaa beeksisuufii irratti hojjechuurratti hangam deemee jira?
-Namoota akkanaa argachuun hiree altokko tokko qofa dhufu ta’uu isaahoo meeqa keenyatu hubatee waan kana leellisaa jira?
– Gaazexeessitoonnifi namoonni siyaasaa naannessaa mucaa kanaatti wanti hojjechuuf maltan hin hafnee?
-Fayyisaan odoo saba biraa ta’e yona maal jedhu jettanii yaaddu?
Akka yaada kiyyaatti waa’ee jagna kanaa miidiyaaleen keenya waan guddoo dalaguu qabun jedha. Kabajniifi ulfinni godhamuufii qabu ammallee itti deemmamuu qaba. Waa’ee isaa sagantaan bal’aan hojjetamee farfamuufi galateffamuutu irra jira. Har’a yoo kana goone bor kan biraa arganna.
Gaheen isaa kun qoratamee, namoota gahee alfakkaatoo qabaniin walbira qabamee ilaallamuun bu’aa gaaroma( positive) inni buuse qaaccessuun dhiyeessuun waraana xiinsammuu gaggeessuun gahee keenya.
Fayyisaan waan hundumaa nuuf godheera; nuti garuu gamasiin waa jalaa qocachaatii akka hin jirre natti dhagahama.
Fayyisaan nama gaafuma moo’e faarsinee gaafa kaan callisnuunii miti.kanaan booddee moo’es moo’uu baatus mootidha. Inni hirmaachuu isaatin qofa gooba oromoo baatee waan deemuf kabajaafi jaalala,ayyaana injifannoot qaba-mootidha!
Irratti hojjechuurratti yaa yaadnu!

Sunday, January 15, 2017

Maqaalee gosoota oromoo dubbisii of bari

▶of baruu barbanaan dubbisii
Hortee ummata Oromoo
______________________________
Booranii       kaa     Oromoti
Oromoon     kaa     xaboti
Xaboo          kaa     waaqoti
Waaqoo       kaa     dadhiti
Dadhiin        kaa     uteeti
Uteen           kaa     biteeti
Bitee             kaa     waalabuti
Waalabuu    kaa      jilichati
Jilichi           kaa      daawaroti
Dawaroo      kaa      hoofati
Hoofaan      kaa      sharati
Sharaan       kaa      haadiyati 
Haadiyaan   kaa      Rabati
Rabaan      kaa      dooriti
Dooriin         kaa      mormor
Mormor        kaa      mamati
Mamaan      kaa      warari
Warar           kaa      waayuti
Wayuun       kaa      goodedi
Gooded       kaa       maridhati
Marin           kaa       galani
Galan           kaa       waaditi
Waadin        kaa       shunkur
Shunkur      kaa       lmaar
Imaar           kaa       batayi
Batay           kaa       lubaay
Lubaay        kaa        Malik
Malik           kaa        kuush
Kuush         kaa        haamii
Haamii        kaa        nuuhii
Nuuhii         kaa        Malik
Malik           kaa        matoshati
Matoshan  kaa         yahiti
Yahati          kaa        muhalalii
Muhalal      kaa         Akuni
Akun           kaa         Anushi
Anush         kaa         shishiti
Shishin       kaa         Adaam
Adaam        kaa         biyyeetii
Biyyyeen     kaa         bishanii
Bishaan      kaa         qilensaa
Qilensii       kaa         quduraa
Qudaraan   kaa          rabbii ☝
==<<<~~~~```=<<<<<<<=======

Oromoon ilmaan lama(2)dhale.
1- Booranaafi
2-Bareentuu
Booranni Ilmaan 12 dhale
Isaanis
1-Wallagga
2-Callabba
3-Goree
4-Goofaa
5-Sidaamoo
6-Arii
7-Dacee
8-Garrii
9-Guraa
10-Giriirraa
11-Naayroobii fi
12-Gujii
Bareentuun Ilmaan 5
dhale
1. xummuungaa
2-murawwaa
3-karrayyuu
4-Hunbanna
5-Qal’oo
Xummuungaan Ilmaan 3 dhale
1-Arsii
2-Asoosaa
3-Hawaasaa
Murawwaan 1 dhale
Innis:- Ituudha jedhama
Ituun 10 dhale isaanis:-
1-waatee
2-Gaamo
3-Baayee
4-Galaan
5-Addaayyo
6-Baabbo
7-Waaree
8-Algaa
9-Gaaddullaa
10-Elellee
Karrayyuun Barentuu
Ilmaan 12 dhale
1-Dullachaa
2-Abbichuu
3-Gonbichuu
4-sayyuu
5-Oboo
6-Oborii
7-Jiillee
8-Bullaalla
9-Mucee
10-Galaan
11-Salaalee
12-Wallo
Hunbannaan Ilma 1 dhale
Innis:-
Anniyya jedhama
Anniyya 7dhale
1-Malkaa
2-Baabboo
3-Dinbii
4-Baaduu (biduuu)
5-muci
6-Naannaa'a
7-kudheedhee
Qallo 4 dhale
1-Ala
2-Daga
3-Oborraa
4-Baabbile
Ala 12 dhale
1-Abbayi
2-Nuunnu
3-kaaku
4-Buubbu
5-Diiramu
6-Abbaadho
7-Goollo
8-Eeri
9-Utayyu
10-Galaan
11-Meettaa
12-Arroojji
Daga 3 dhale
1-Noolee
2-Jaarsoo
3-Huume
Oborraan 3 dhale
1-Akkichu
2-bil'I
3-Dooranii
Baabbile 3 dhale
1-Gantuub
2-Hawiyyaa
3-Hawaasilee
Arsiin 2 dhale
1-sikkoo
2-mandoo
sikko 5 dhale
1-Bullaalla
2-Wucaale
3-wooji
4-Jaawwi
5-Ilaannii
Mando 7dhale
1-Raayituu (Raa'idoo)
2-Hawaxxuu
3-Karaara
4-karrayyuu
5-Meettaa
6-Arroojii
7-Garjeeda
Akkichuu Oborraa ilma 2
dhale
1-dhaayi
2-biliidaa
Dhaayi 3 dhale
1-Dukkoo
2-Kooyee
3-Allaatayya
Billiidaan 3 dhale
1-Godaanaa
2-busaa
3-Allaa
Gujiin Boorana 3 dhale
1-Hookkuu
2-Uraagaa
3-Matii (maatii)
Hookkuun 7dhale
1-Galalcha
2-Oborraa
3-Michille
4-Heeraa
5-Bundhituu
6-Kinnoo
7-Baallaa
Uraagaan 6 dhale
1-Goolloo
2-Hallaa'oo
3-Agantuu
4-Daraartuu
5-Sarboortuu
6-Waajituu
Maatiin 3 dhale
1-Hirqaantuu
2-Linsoolee
3-Hunde
Maddii issaa kitabaa seennaa irraa ☜✍

Thursday, January 12, 2017

Haaromsa qaamolee haqaafi nageenyaa

"Haarayoomsa qaamoole haqaa fi nageenyaa
                                         

Biyyoota dimokraasii keessatti qaamoleen mootummaa sadeen aangoo heeraan qoodameef daangaa hujii fi gahee isaani eeggatanii hojjatu.Kayyoon gargar bahinsa qaamolee mootummaa kanaas aangoo qaama tokko harkatti kuufamee abbaa irree akkaa hin dhallaneefi.
Gargaar bahinsa qamoolee mootummaa saden kana dura gargar bahinsi jiraachuu qabu gargar bahinsa mootummaa fi paartii biyya bulcchuuti.Yoo gargar bahinsi mootummaa fi paartii biyya bulchuu hin jiraanne qoodaminsi aangoo qamolee motummmaa sadanii hiika hin qabaatu.
Fakkenyaaf qaamolee sadeen mootummaa keessaa tokko mana murtiiti .Manni murtii qaama mootummaa keessaa tokko tahuus qaama paartii biyya bulchuutii miti
.Paartii siyaasa biyya bulchuu fii ' motummaa' walitti makuun kallatiidhaan manaa murtii meeshaa siyaasaa godhachuudha. Sirna amma jiru kana keessatti caasaan mootummaa/bulchinsaa fi paartii biyya bulchu addaan bahee jiraachuu dhabuurraa kan ka'e mana murtii/ wajjirri haqaa guutumatti meeshaa siyaasaa godhaa jiran.Haala kanaan maqaa fooya'insa jedhuun 'caasaa' adda addaa mana murtii keessatti ijruudhaan mana murtii sakalaanii meeshaa godhataa jiru.Caasaa kaayyoo kanaaf ijaarame keessa muraasni koree foyyainsa sirna haqaa,fi koree jabahaadha kaasuun ni dandayama.Akka qajeeltootti koreen kun dhimma mana murtiitti ilaalamaa jiru irratti hin mariyatamu jedhamuus qabataamaadhaan koreewwan kun yeroo manni murtii namoota ilaalacha siyaasaan hidhamaniif mirga wabii kabajee fii murtii bilisaa kenne kan isaan waltajjii ta'anii mariyatan .Koreewwan kuniis yeroo dhimmoonni akkanaa kun uumaman dhimmoota akkanaa kun murtii haqaa akka hin arganne dhibbaa ssiyaasaa umuu fi abbaa alangaa fi seeraa hujii kana hojjataan kanneen ejjanoo seeraan deeman irratti duula olalaa gaggessudh.Kanarraa ka'udhaan abbootiin seeraa fii alanagaa baayyeen akka hujii isaanii ofitti amantaadhaan hin hojjanne godhamaaa turan /jiran.
.Koreewwan mana murtii laamshessuuf uumaman kana cinatti waggoota as dhiyoo kana maqaa leenjiitiiniis dhibbaan guddaan abbooti seeraa fi alangaa / mana murtii fi wajjira haqaa irratti godhamaa ture.Wagga kana dura waggoota lamaaf waltajjiin maqaa leenjii qaamolee haqaa jedhamun godhamaa turee ragaa guddaadha.Akkuma jalqabarratti ibsamaa ture, mootummaa fi paartiin biyya bulchu walitti baqee waan jiruuf waltajjiin maqaa mootummaatiin yaamanii leenjii dabballee kennaa turan.Kayyoon leenjii kanaas abbootii seeraa fii alanga koreewwan fii duula siyaasa irratti godhamaa tureen harka hin kennin yaada isaan waltajjii irratti kennaniin adda baafachuudhaan hordoffi godhuufi.Kaayyoon inni biroo immoo qaamolee haqaa kana dabballomsuu fii tokkummaadhaan dhiibbaa akka dhunfaatti abbootii seeraa fi alangaa irratti godhaman fi akka dhabbataatti mana murtii fi wajjira haqaa irratti godhaman akka tokkummaan hin falmanne dorsisuu fii ilaalchaan adda qooduudha.
Waltajjiin maqaa haarayoomsa qaamolee haqaa fi nageenyaan waggaa kana keessa taasifamee kuniis qabiyyee hirmaattotaatiin kan duraanirraa adda tahuus kayyoon isaa kaniin tokkuma.Garaagarummaan waltajjiin haramooysaa kun gama qabiyyee hirmaattotaatiin qabu waltajjii kanarratti namootaa muraasa qaamolee haqaa fi nangeenyaan filaman yommu tahu waltajjii kanaan duraa irraatti abbootiin seeraa fi alangaa gututti hirmaataa turaan.Hirmattonni waltajjii harayoomsaa kana irratti hirmatan kun namoota gaaffi mirgaa fi dhibbaa siyaasaa abbootii alangaa fi seeraa irratti godhamaa jiru hin dubbatan jedhamanii tilmaamaniidha.Sababni namoonni gaafii hin gaafanne filatamaniis waggaa darbe kana keessa sababa warraaqsa ummataa keessaa harka qabdan jedhuun reebichi fi doorsisni baayyeen abbootii seeraa fi alangaa irratti godhamaa tureef abbootiin seeraa fi alangaa hundi waltajjii kana irratti yoo hirmaatan dhibbaa umuu dandayu jedhaniiti.Sababni biroo immoo waggaa kana keessa gaaffiin dabballii mindaa waggoota dheeraaf abbootii seeraa fii alangaan dhiyaataa ture akka waltajjii irratti kaafamee mormiin isaan hin mudanne godhuuf ture.Haa tahuu malee gaaffileen bayyeen dhimmota akkanaa ilaallatan ka'anii turan.Gaaffilee ka'an sana keessa kan daballii mindaa ilaallatan tokko ture.Gaffiin kun gaaffii daballi mindaa qofa osoo hin tahin gaaffii walqixummaati.
Nannoo Oromiyaa malee nannoon hundi akkasumaas Federaalli mindaa qaamolee kanaaf dabalee osoo jiruu kan Oromiyaaf dabalamuu dhabuun mirga walqixxummaa heeraan kabajame mulquudha.Gaaffiin kun gaaffii seera fi heeraan akkamusaamaas haala qabatamaa jireenya biyyattitiin deegarame tahuus deebisaan hoggansa ol'aanoo qamoolee kanaan kenname arrabsoodha.Hoggansi qamoolee kanneenii mirga qamota kanneenii kabachiisuu caalaa ajendaa paartii biyya bulchuun itti kenname hirmaattota waltajjii irratti fe'uu ture.
.Haala kaanan,rakkoon amma biyyatti keessatti uumameef sababa kan tahe nuhi itti gaafatumummaa ni fudhanna jedhaa jedhanii hirmaattota dirqisiisaa turan.Rakkoo kanaaf sababa kan tahe garuu qaamolee kana osoo hin tahin imaammata paartii biyya bulchuuti.Paartiin biyya bulchu immamata saamicha lafaa,dirree siyaasaa cufuu ,bilisummaa yaada ibsachuu mulquu ,jireenya siyaasaa fii dinagdee keessa Oromoo mogguu qabatee demuu fi gaafii siyaasaa gara rakkoo nageenyaatti jijjiruun isa akka rakkoo amma biyti keessa jirtuuf akka sababa tahe beekkamaadha.Eegaa mootummaan kun tarsiimoo qamolee haqaa siyaasomsuu fii lamshessuu fayyadamuudhaan abbootiin seeraa fi alangaa akka tokkomanii dhibbaa isaanirra jiru hin falmanne godhuu bira dabree akka daballii mindaallee hin dubbanne taasisee jira
.Akkuma waltajjii harayoomsaa dhiheenya kana godhamerraa hubatamutti hoggansi qamolee kannenii gaaffii mirgaa dhihaate kana deebisuuf akka fedhii hin qabne ifaan agarsiisaanii jira.Inumaa kana bira darbanii qamolee kana walitti qabatti arrabsan.Silaahuu mirgi kennaa bilisaan namaaf kennamuu miti.Mirga abbaa dhimmaatu qabsaawee kabachiifata.Kana immoo muuxannoo abbootii seeraa fi alangaa nannoo Amharaa irraa hubachuu dandeenya..Kanaaf,kabajamtoota abbooti seeraa fi alangaa ,mirga keenya kabachiisfachuuf haa kaanu."

Monday, January 09, 2017

jawar Mohammed 2016 dantaa addaa Oromiyaan finfinnee irraa qabdu

DANTAA OROMIYAAN FINFINNEE IRAA QABDU 
by 
OPDOn ammas ofii Wayyaaneen gowwomtee Oromoo gowwoomsuuf tattaafataa jirti. Kunis dantaa  Oromiyaan Finfinerraa qabdu eegsisuuf deemna jedhan. Dantaa Oromiyaa kana yoo tarreessan
1) Oromiyaan waajiroota Finfinnee keessaa qabaachuu
2) Oromoon Finfinnee keessaa galma aadaa qabaachu
3) Manneen barnoota Afaan Ormoo barsiisan Finfinnee keessa jiraachuu jedhanii lafa kaayan ( ibsa Dhaabaa Dabalee torban dabre kenneefi waan amma miidiyaan isanii hafarsu laalaa)
Kun qaanii guddaadha.
1) Finfinnee kessaa waajjira qabaachuun dantaa addaa Oomiyaatii miti. Jibuutii, Koongoofi Chaaynaanis ni qaban.
2) Oromoon Finfinnee keessa galma aadaa qabachuun gaariidha. Kun garuu dantaa Oromiyaan Finfinnerraa qabdu jechuu miti. Galma aadaa Finfinnee keessaa Ruusiyaafi Faransaayis ni qaban.
3) Afaan Oromoo Finfinnee keessatti baratamuun ilmaan Oromoo jiraattota magaalattii ta'aniif faaydaa qaba. Kun garuu dantaa Oromiyaatii miti. Kan jiraattota Finfinnee malee.  Sanuu ammoo bar manneen barnootaa mootummaa Finfinne keessatti Afaan Oromoo ha dabalamuu osoo hin taane manneen barnootaa addaatitu Oromoof banuuf deeman. Kana jechuun faaydaadhuma Amaarri Oromiyaa keesstti  argataa jirullee hin gahu. Akkuma beekkamu waggoota dheeraaf warri Afaan Oromoo barachuu hin barbaannee manneen barnootaa Oromiyaa keessatti Afaan Amaaraatin barataa jiran.
Dantaa takkaahuu faaydaa ( national interest) ummata tokkoo jechuun maal akka ta'eeyyuu waan galeef hin fakkaatu. Yoo dubbiin jalaa galte akka galtuufitti bifa armaan gadiitin keenya. Dantaan Oromiyaan Finfinnee irraa qabdu  bifa lamaan hojitti hiikkama;
1) Bulchiinsa magaalatti keessaa qooda seeraan kaayame qabaachuu( bulchiinsa waloo/joint administration)
2) Galii isii qoodachuudha ( revenue sharing)
Bifa kanaan dantaan Oromiyaan Finfinnee irraa qabdu hojitti hiikame kan jedhamu galii magaalattin argattu Oromiyaan yoo qoodatte ( shared revenue), kana gochuuf ammoo bulchiinsa magaalatti keessaas qooda qabaachuu barbaachisa ( joint administration). Yeroo kana jennu kunoo Finfinnee Dirribaa Kumaatu bulchaa  jetti ta'a. Akkasii miti.
Bulchiinsa waloo ( joint administration) jechuun teessuma mana marii fi hojii raaw'achiiftuu magaalattii keessaa Oromiyaadhaaf dhibbeentaan kennamuu qaba. Kantiibaan Finfinnee Oromoo ta'uuniifi Oromiyaan bulchiinsa Finfinnee waloon bulchuun garaagarummaa guddaa qaba. Akkasumas qoodni Oromiyaan galii diinaggee Finfinnee irraa argattu dhibbeentaan lafa kaayamuu qaba.
Kana ammoo akkaataa OPDOn amma ummata qabbaneessuuf wixxifattu kanaan waan ta'uu miti. Dura Caffeen Oromiyaa walgahee Oromiyaan Finfinnerraa qooda bulchiinsaatifi diinaggee dhibbeentaa hammanaa argachuu qabdi jechee murteesse mootummaa Federaalaatiif dabarasa. Sanitti aansee heerri Itoophiyaa keewwaanni 49 hiikkamee dantaa diinaggeefi bulchiinsaa Oromiyaan Finfinneerraa argachuu maltu akka armaan olii kanatti dhibbeentaan kaayuu qaba. Sanitti aansee heerii bulchiinsa magaala Finfinnee fooyya'ee qooda Oromiyaan magaalattirraa qabdu san ifatti lafaa kaayuu raggaasisuu qaba. Ergasii Oromiyaan bakka bu'oota ishee bulchiinsa Finfinnee keessa glachitee dantaa diinaggee ishee san hojitti hiiksifti.
Kanaafuu OPDOn waan hin beeyneefi hin taane keessa seente lallaqachuun orma ofitti kofalchiiftee Oromoo qaanessuu dhiisuu wayyaaf. Ummanni keenyas qoosaa tapha joollee OPDO kanaaf gurra laachuu dhiisee qabsoo isaa finiinsuutu dantaa inni Finfinnerraa qabu hojitti hiikaaf.

Sunday, January 08, 2017

Dirmannaa yaada araaramaa social media irratti kennuu


Hawwii fi fedhiin ilma namaa daangaa hin qabdu, dantaa ofii caalaa dantaa saba baldhaa haakabajnuu?

Yeroo qabsoon saba oromoo bakka danqaa jirtu kanatti dhagaa walitti haruun maalif barbaachise? Qabsoon oromoo cunqursaa mootummaa Abbaa irree jalaa baatee gootota ilmaan oromoo hiriyaa hin qabneen jaarraa hedduu booda dhaloota oromoo hunda dammasitee jirtu kanatti  waldura dhaabbachuun wama jiru kun maalif yoo jettan nuti oromoon saba baldhaa ilaalcha adda addaa, Amantii adda addaa,aadaafi wkfn qabuudha.

Waldhibdeen keenya ammaaf diina yoo gammachiisellee boodaf barnoota nuutaha.
eegaa yaa ilmaan oromoo dantaa dhaaba siyaasaa keessa jirruutif jannee, nama oromoof hojjetu kabirarratti yooduulle ijaaramuun saba oromoo waggaa 25 of duuba akka deebinu nugodha. Qabsoo bilisummaa oromoo keessatti jaallan hiriyaa hin qabne kan akka Jaal Nadhii gammadaa, jaarraa Abbaa gadaa, Elemoo Qilxuu, Taaddasaa birruu, maammoo muzambil, J/waaqoo Guutuu, Husseen Bunee,fi ilmaan oromoo hedduu itti dhabne oromumman dhiigaan ijaaramteet lafeen utubamtee as geesse.

Ilmaan oromoo addunyaa tana mara keessa jiran akkuma amalaan garagaratti addaddummaa yaadaatiinis garagara maalif yaadan tokko hin taane yoojenne heera uumaatu nudaangessa.
Yaadaan waldhabuun wama jiru garuu, maalirratti waldhabne? Eenyuuf waldhabne? Waan irratti waldhabne San ammaaf dhiifnee boodaf yoo mariin furanne hoo?  Waldhabbiidhaan wajji hojjechuu wayya moo? Waliigalteen qabsoo sabaa ifdura oofuu wayya?  jennee yeroo kamiyyuu caalaa hafuura tokkummaafi jaalalaatin ummata oromoo jiddutti muldhachuun amma yeroon isaa.

Kabeeku waan beeku dalagaa,kanbeeyne waan beekan dalagu San dalagaa je'an.
Yoo ofii waan gaarii nama dalagu hin taane callifnee gurra hawaasa dhaggeeffachuu. Abalu nama kana arrabseef arrabsuu irraa of qusachuu, abalu isa faarseef, faarsuu dhiisuu,abalu garee kana deeggaraaf deeggaruu osoo hin taane, barbaachisummaa isaa erga hubatte booda ejjennoo mataa keetin deeggaruun mirga keeti.
Abbaan fedhe waan fedhe haadalaguu haadubbatuu osoo waan San hin hubatin dubbachuufi itti amanuun dogoggora.

Yeroo baayyee wallaalan nama oromoof dalagu ykn dubbatu abaarra. Qabsoon bilisummaa oromoo harka qeerroo oromoo oromiyaa jirtuun wixinamti malee fakkeessitoota fbtin miti. Qabsoon bilisummaa oromoo humna nama baratetti haajomti malee maqaa jijjiirratanii daggala fb irra hololuun hin milkooytu haga dhugaan aloolanitti. Yeroo dhimma sabaa dubbachuuf kaane gita keenyaan haadhaabbannuu akka nutti fakkaate hunda dubbachuufi dalaguu osoo hin taane maaltu duuban dhufaa xiinxaluun bareeda. Dubbiin a'oo 30 baate nama 30 hin habqattu. Arraba hamaa facaasurra hafuura tokkummaa haa diriirsinuu gootowwan akka bekele gerba, merera guddinaa haa yaadannuu kaayyoosaanii galmaan gahuuf .wayyaanef guuza hin baanu waltaanee tokkummaan galma yaanne geenya.

Saturday, January 07, 2017

saphaloo kadiir, Adeemsaafi tooftaan baqattoota oromoo walitti buusuu,

(Saphaloo Kadiir irraa) Adeemsaafi tooftaan baqattoota Oromoo sababa hin taaneen walitti buusuu, gargar qooduu, wal shakkisiisuu, maqaa balleessuu fi wal ficcisiisuu biyya Masrii magaalaa Kaayiroo keessatti deemaa jiru biyya Keeniyaa magaalaa Naayroobii keessatti adeemsifamuuf mallattoon jalqabbii mul’achaa jira. Eenyuun? Kan jedhu immoo fira qabsoo Oromoo fakkaachaa warra gochaan diinoomaniin ykn diina mataa isaatiin tahuus mala ykn immoo qaamoota biraatiiniis haa tahuu yeroof wantiin ibsu jiraachuu baatuus garuu mataan diraamichi jalqabuu deemamuu ibsu mul’achaa jira. Maaliif? Yoom? akkamitti? Kan jedhu immoo ammaaf ibsuu hin barbaadu maaliif jennaan yerootu dhufataan waan taheef. Haatahuu malee shirri kun eenyurratti xiyyeeffata kan jedhu yoon tuqu immoo namoota hawaasa keessatti dhageettiifi fudhatama qaban olola dharaatiin irratti duuluun maqaa balleessuufi seenaa isaan hin qabneen xureessuu irraa jalqaba. Itti aansuun immoo baqattoota Oromoo keessaa namoota qabsoo Oromoof quuqamaafi laalaa qaban jiddutti ilaalcha naannummaafi gosummaa jiddutti unkuruun akkasumaas sababoota biraa tokko tokko uumanii baqattoota keessattuu baqattoota siyaasaa walitti buusutti deemamaa jira. Namoota hariiroo hawaasummaatiin adda duree tahaniifi tapha siyaasaa tooftaan taphachuu beekan kan Oromoo biratti fudhatama qaban keessattuu warroota qabsoofi warraaqsa bara 2016 biyya keessatti gaggeeffamaa ture irratti ilaalcha sirrii qabaniifi yaadaan deeggaran irratti xiyyeeffannaan qaamoota kanaa hedduu cimaa akka tahees mallattooleen mul’achaa jiran kun ni mirkaneessa. Akkuma beekkamu haalli amma biyyoota hedduu keessatti baqattoota Oromoo waliin fixaa jiru kun kan biyya Masrii hedduu guddatee haa mul’atu malee garuu sochiin akkanaa biyyoota baqattoonni Oromoo jiran maratti jalqabee akka jiru hubachuun dirqama. Fakkeenyaaf biyyoota baqattoota Oromoo walitti buuusuun itti jalqabee jiru keessaa muraasni biyyoota Arabaa kan akka Sa’udi Arabiyaa, Jibuutiifi Soomaliyaa dabalatee kan biroo keessattiis jalqabee jiraachuu haalaafi akkaataa tokko tokko kan agarruufi dhageenyu irraa ni hubanna. Kan Masrii kun guddatee mul’achuun isaa sababni tokko irra baayyeen baqattoota Oromoo biyya Masrii jiraatan haareya waan tahaniifi kanneen dhiheenyatti garas baqatan waan tahaniif saffisaan mul’achuu jalqabe. Akka biyyoota garagaraatti duraan irraa baqachaa turan san osoo hin tahin Oromoon harki baayyeen gara Masrii kan dhaquu jalqabde waggoota muraasa dura. Fakkeenyaaf waggoota 8 fi 9 dabran dura Oromoon gara biyya Masrii baqatan kan lakkoofsa qubaan beekkamaan turan. Gama kaniin jeequmsi Oromoo waliin fixaa jiru kun kan Masrii finiinee haa mul’atu malee biyyoota akka Afrikkaa Kibbaa fi Suudaan dabalatee biyyoota addunyaa kan Oromoon keessa jiraatan maratti akka jalqabuuf diriirfame sammuu qaroon ni agarti. Karoorri Oromoo walitti buusuu kun sababa of danda’eefi kaayyoo cimaa qabaatuus irra caalatti immoo yeroo qabsoon Oromoo finiintu mara kan ka’u tahuu namoonni deemsa warraaqsaafi seenaa qabsoo Oromoo beekan ni hubatan. Kanaaf kaayyoo guddaan Oromoo walitti buusaniif qabsoo Oromoo laamsheessuufi karatti hambisuuf kan kiyyeeffame tahuu hubatamuu qaba. Fakkeenyaaf biyya Keeniyaa keessatti waggoota kurnan dabre dura walitti bu’iinsa sababoota qoodamiinsa jaarmayaalee siyaasaa Oromoofi shira qaamoonni siyaasaa adda addaa xaxan irraa kan ka’e akkasumaas kiyyoo hamaa diinaan diriirfamaa tureen baqattoota Oromoo jiddutti wal duguugiinsi cimaan kutaa, amantaafi ilaalcha siyaasaan walitti buusuufi waliin fixuun hangam akka ilmaan Oromoo miidheefi qabsoo Oromoo qancarse namoonni bara 2006 irraa hanga 2012 Keeniyaa keessa jiraate ni beeka. Sababoota garagaraatiin wal afaan deebi’uufi walitti bu’uun ilmaan Oromoo kun hanga mooraa baqataa Kaakumaatti Oromoo walitti summeessaa akka ture baqataan Oromoo Keeniyaa ture marti kan wallaaluu miti. Kanaafuu wantiin jechuu barbaadu yoo jiraate baqattoonni Oromoo Keeniyaas tahee biyyoota garagaraa keessa jiraatan marti qophaa’ummaan qaamootaas tahee namoota dhunfaa kan nu shoorarkeessuufi maqaa amantaa, siyaasaa, naannummaa, gosummaa, kutaa, hawaasummaa fi kkf maraan baqattoota Oromoo walitti buusuuf sochoo’an mara xiyyeeffannaa isaanii jalaa fashaleessuun dirqama taha. Keessattuu baqattoonni Oromoo biyya Keeniyaa Naayroobi fi kaampii baqattootaa kan akka Dhaadhaabiifi Kaakumaa keessa jiraattan qaama Oromoo walitti buusuuf sochoo’u kamuu bayyanootaan hordofuun jalaa fashaleessuun dirqama taha jedheen isiniif dhaamuu barbaada. Warreen sababoota garagaraan ilmaan Oromoo tokko dhaadheessee tokko maqaa balleessu, namoota ilmaan Oromoo kan hawaasa keessatti dhageettii qabu maqaa xureessuufi diinoomsuu barbaadu mara afaanitti dha’uun dirqama keessan taha. Nama fedhe haa tahu kan Miidiyaa OMN akka TV ergama diinaa dabarsuutti haasa’uu barbaaduufi hadheeysee balaaleeffatu mara jalaa fashaleessuun dirqama. Qaama fira qabsoo Oromoo fakkaatee ololaan qabsoo Oromoo diiguus haa tahu kan ergama diina ba’atee deemu mara ilmaan Oromoo tokkummaafi bayyanootaan fashaleessuu qaba. “Dhaloonni qubee ololaafi shira eenyuutiin illee kan diigamuu miti!” Saphaloo Kadiir | Abdulbasit Amajjii, 2017

Jechoota Hayyootaa

JECHOOTA HAYYOOTAA-- ====<=======================> Dubbisaa #Share waliif godhaa waan guddaa irraa baruu dandeessu. ~Diinni yoo si woraane, qaama kee si madeessa,hiriyyaan sobaa garuu sammuu kee si madeessaAraboota) ~Muka jallaa gaaddidduun isaatis jallaadha(French). ~Dubartootni bifaan warra irraa dhalatte fakkaati,amalaan garuu warra itti heeruman fakkatu(Oromoota) ~Qabsoo bishaanii fi dhagaa gidduutti godhamu keessatti, turee bulee kan mo'atu bishaanuma. (Japanese) ~Simbirroon risaa dukaa fiigdu, waan inni jalaa baqatu itti fakkaata(Japanese) ~si`a torba yoo kufte, si`a saddeet lafaa ka`i(Jaappanoota) ~Hiriyyaan kee namma akkamii akka ta`e natti hiimi, ati nama akkamii akka taate siifan himaa(Russia) ~.Gowwaan mammaaksa tuffata, abshaalli immoo irraa barata. (Chinese) ~. Maallaqni hin dubbatu,garuu soba dhugaa fakkeessa. (South African) ~Namni akka itti jiraatu beeku, beekumsa ga'aa qaba. (Swedish) ~Iccitiin akkuma Simbirroo ogguma nama harkaa baatu balali'uu eegalti. (Saudi Arabia) ~Waa'ee Qilxuu, Qilxuu irraa baradhu, waa'ee Birbirsaa immoo Birbirsa irraa baradhu. (Zen) ~Beekumsa (ogummaa) kee guyyaa tokkoof yoo dagatte, inni immoo guyyaa lamaaf si dagata.(Chinese) ~Yoo manni kee laga qarqara ta'e, naacha fira godhadhu. (Indian) ~. Duuti maqaan isaa hin tolu. Ykn ni ture jedhu;ykn immoo ni ariifate jedhu. (Engliz) ~ Nama Giriikii tokko erga harka fuutee booda,quboota kee lakkaawwadhu. (Albanian) ~. Keessummummaa ganda harree dhaqxee waa'ee gurraa hin haasa'iin. (Jamaican) ~. Simbirroon Allaattii duuba fiigdu, waan inni baqatu seeti. (Japanese) ~. Jabanaan kee inni haaraan akka bishaan baatu hanga mirkaneeffattutti, isa moofaa hin gatiin.Swedish) ~Bakka itti kufte osoo hin taane iddoo iraa sigigaatte(mucucaatte)ilaali lammata akka hin kufne.jecha Afrikaanotaati. ~ Barachuu jechuun barumsa keessa darbuu osoo hin taane, barumsi nama keessa darbuudha! ~Barumsa barattee yoo qoramtu,jireenya immoo qoramtee baratta! ~Nama si sobu wajjiin gammaddee kolfuu, irra nama dhugaa sitti himu wajjiin gadditee boohuusi wayya! ~Namni carraa gaarii qabu osoo bishaan galaana keessatti darbaniiyyuu, Qurxummii afaanitti qabatee keessaa baha! ~Obsi guddaan dhagaa yoo affeelu, aariin xinnoon bishaan bobeessiti! ~Yeroo tokko tokko gammachuun guyyaa tokkoo,gadda waggaa tokkootti jijjiirama!~ Hiyyeessa jechuun nama qarshii hiyyoome osoohin taane, nama sammuu hiyyoomeedha! ~ Nama kabajuun mallattoo sodaa ykn lugnummaa osoo hin taane, bilchina sammuu fi dandeettii fageessanii yaaduuti! ~ Jireenya kee fooyyessuudhaaf yaaliidhaan shaakala ati taasiftu keessatti kufaatiiwwan simuudatan kufaatii osoo hin taane, akeektuu galma gahiinsa yaalii keetiiti! ~Addunyaa kana irratti Harreen akka namaatti yaadu jiraatuu baatus, namni akka harreetti yaadu hin dhabamu! ~Akka addunyaatti yaadii, akka naannootti hojjadhu! ~Dhalli namaa wanta haara argannoodhaan uumuun (kalaqu) kan nama gammachiisu yoo ta'u, garuu ufii isaatii uumamuu (kalaqamuu) yoo I rraaffatu immoo kan nama gaddisiisuudha! ~Kan nama qaaneessu ba'aa guddaa sammuu irratti baachuu osoo hin taane, sammuu hin yaanne baachuudha! ~Yoo rakkoon wahii si muudate rakkoo si mudate saniif yaaduu osoo hin taane, akkaataa rakkoo si muudate san keessaa itti baatu yaaduu qabda! ~Osoo dhugaan kophee hin godhatin, dharti addunyaa naannofti! ~Mucucaattee dugdaan yoo kufte balleessaan kee ta'uu kan hin dandeenye yoo ta'u, balleessaan kee ta'uu kan danda'u kuftee yoo achitti hafteedha! Wal beekuu irra, walii beekuu wayya! ~Bishaan kadhaan argame dheebuu nama hin baasu! ~Sareen yeroo hunda duttu akka hin birmanneef uf gooti! ~Kan nama nyaatu dukkana osoo hin taane, wanta dukkana keessa jiruudha!~Irra caalatti kan dinqisiifatamuu qabu namoota addeessa irra qophatan osoo hin taane, namoota akkaataa isan addeessa irra ittiin qophatan barsiisaniidha! Addunyaan tun sirraa waan tokko eegdi waan ta'eef, waan gaarii tokko hojjadhu!~Kaayyoo ufii galmaan gahachuuf dhama'uun har'aaf dhandhamni isaa kuraawaadha malee,boru firii fi dhandhamni isaa mi'aawaadha! ~Nama shakkitu hin mindeessin, yoo mindeessite hin shakkin! ~Wanti calaqqisu hundi, warqii sitti hin fakkaatin! ~Jiraachuuf nyaadhu malee, nyaachuuf hin jiraatin! ~Waggatti jiruu dabali malee, jiruutti waggaa hin dabalin! ~Riqicha muka tokkoo irra osoo hin bahin dura, gorora takka liqimsi! ~Balbalti carraa takka yoo si jalaa cufamte yoonaatti abdii kutuu dhabde, tan biraa siif banamti! ~Gatii yeroo beekuu yoo barbaadde, atileetii maaykiroo sekondii tokkoof moo'amee badhaasa meedaaliyaa warqii dhabe gaafadhu! ~ Bu'aa qabxii baruu yoo feete, barataa qabxii 0.5niif qormaata kufe haasofsiisi! ~ Aangoo qubaan si filaniin uf hin tuulin, qubaan irraa si buusaniitii! ~ Beekkumsa qabduun hin boonin, kan si caala beeku heddutu jiraatii! ~ Namni an beekaadhaa ufiin jedhu, wallaalaan akka isaa hin jiru! ~ Hanga dandeessetti bara baraan jireenya kee jijjiiri malee, akka barri wal sitti hin jijjiirre! ~ Barcumaa fi kabaja abbatu uf jalaan deema! ~ Bara rakkoo bishaantu muka namatti kora! ~ Waan garaan namaa baatu, Wadalli Harree hin baatu! ~ Lafa fardi sangaan hin jirre, maxaanatu itti arreeda! ~ Kan ati jechuu qabdu biyyi too maal naa goote jechuu osoo hin taane, an biyya kootiif maal godhe jechuu qabda! ~ Baay'ee haasahuu irra, baay'ee dhageeffachuu filadhu! ~ Hojii guddaa karoorfame irra, hojii xinnoo hojjatametu caala! ~ Bara jireenyaa kee keessatti yeroo dheeraa taa'umsaan dabarsitu irra, yeroo gabaabduu hojiin dabarsitutu bu'aa guddaa siif qaba! Waan guddaa akka irraa bartan abdiin qaba.Share waliif godhaa...

Tuesday, January 03, 2017

SHIRRI BAQATTOOTA OROMOO MASRI KEESSATTI WALITTI BUUSAA JIRU KEENIYAA KEESSATTIIS JALQABAA JIRA.

SHIRRI BAQATTOOTA OROMOO MASRI KEESSATTI WALITTI BUUSAA JIRU KEENIYAA KEESSATTIIS JALQABAA JIRA. (Saphaloo Kadiir irraa) Adeemsaafi tooftaan baqattoota Oromoo sababa hin taaneen walitti buusuu, gargar qooduu, wal shakkisiisuu, maqaa balleessuu fi wal ficcisiisuu biyya Masrii magaalaa Kaayiroo keessatti deemaa jiru biyya Keeniyaa magaalaa Naayroobii keessatti adeemsifamuuf mallattoon jalqabbii mul'achaa jira. Eenyuun? Kan jedhu immoo fira qabsoo Oromoo fakkaachaa warra gochaan diinoomaniin ykn diina mataa isaatiin tahuus mala ykn immoo qaamoota biraatiiniis haa tahuu yeroof wantiin ibsu jiraachuu baatuus garuu mataan diraamichi jalqabuu deemamuu ibsu mul'achaa jira. Maaliif? Yoom? akkamitti? Kan jedhu immoo ammaaf ibsuu hin barbaadu maaliif jennaan yerootu dhufataan waan taheef. Haatahuu malee shirri kun eenyurratti xiyyeeffata kan jedhu yoon tuqu immoo namoota hawaasa keessatti dhageettiifi fudhatama qaban olola dharaatiin irratti duuluun maqaa balleessuufi seenaa isaan hin qabneen xureessuu irraa jalqaba. Itti aansuun immoo baqattoota Oromoo keessaa namoota qabsoo Oromoof quuqamaafi laalaa qaban jiddutti ilaalcha naannummaafi gosummaa jiddutti unkuruun akkasumaas sababoota biraa tokko tokko uumanii baqattoota keessattuu baqattoota siyaasaa walitti buusutti deemamaa jira. Namoota hariiroo hawaasummaatiin adda duree tahaniifi tapha siyaasaa tooftaan taphachuu beekan kan Oromoo biratti fudhatama qaban keessattuu warroota qabsoofi warraaqsa bara 2016 biyya keessatti gaggeeffamaa ture irratti ilaalcha sirrii qabaniifi yaadaan deeggaran irratti xiyyeeffannaan qaamoota kanaa hedduu cimaa akka tahees mallattooleen mul'achaa jiran kun ni mirkaneessa. Akkuma beekkamu haalli amma biyyoota hedduu keessatti baqattoota Oromoo waliin fixaa jiru kun kan biyya Masrii hedduu guddatee haa mul'atu malee garuu sochiin akkanaa biyyoota baqattoonni Oromoo jiran maratti jalqabee akka jiru hubachuun dirqama. Fakkeenyaaf biyyoota baqattoota Oromoo walitti buuusuun itti jalqabee jiru keessaa muraasni biyyoota Arabaa kan akka Sa'udi Arabiyaa, Jibuutiifi Soomaliyaa dabalatee kan biroo keessattiis jalqabee jiraachuu haalaafi akkaataa tokko tokko kan agarruufi dhageenyu irraa ni hubanna. Kan Masrii kun guddatee mul'achuun isaa sababni tokko irra baayyeen baqattoota Oromoo biyya Masrii jiraatan haareya waan tahaniifi kanneen dhiheenyatti garas baqatan waan tahaniif saffisaan mul'achuu jalqabe. Akka biyyoota garagaraatti duraan irraa baqachaa turan san osoo hin tahin Oromoon harki baayyeen gara Masrii kan dhaquu jalqabde waggoota muraasa dura. Fakkeenyaaf waggoota 8 fi 9 dabran dura Oromoon gara biyya Masrii baqatan kan lakkoofsa qubaan beekkamaan turan. Gama kaniin jeequmsi Oromoo waliin fixaa jiru kun kan Masrii finiinee haa mul'atu malee biyyoota akka Afrikkaa Kibbaa fi Suudaan dabalatee biyyoota addunyaa kan Oromoon keessa jiraatan maratti akka jalqabuuf diriirfame sammuu qaroon ni agarti. Karoorri Oromoo walitti buusuu kun sababa of danda'eefi kaayyoo cimaa qabaatuus irra caalatti immoo yeroo qabsoon Oromoo finiintu mara kan ka'u tahuu namoonni deemsa warraaqsaafi seenaa qabsoo Oromoo beekan ni hubatan. Kanaaf kaayyoo guddaan Oromoo walitti buusaniif qabsoo Oromoo laamsheessuufi karatti hambisuuf kan kiyyeeffame tahuu hubatamuu qaba. Fakkeenyaaf biyya Keeniyaa keessatti waggoota kurnan dabre dura walitti bu'iinsa sababoota qoodamiinsa jaarmayaalee siyaasaa Oromoofi shira qaamoonni siyaasaa adda addaa xaxan irraa kan ka'e akkasumaas kiyyoo hamaa diinaan diriirfamaa tureen baqattoota Oromoo jiddutti wal duguugiinsi cimaan kutaa, amantaafi ilaalcha siyaasaan walitti buusuufi waliin fixuun hangam akka ilmaan Oromoo miidheefi qabsoo Oromoo qancarse namoonni bara 2006 irraa hanga 2012 Keeniyaa keessa jiraate ni beeka. Sababoota garagaraatiin wal afaan deebi'uufi walitti bu'uun ilmaan Oromoo kun hanga mooraa baqataa Kaakumaatti Oromoo walitti summeessaa akka ture baqataan Oromoo Keeniyaa ture marti kan wallaaluu miti. Kanaafuu wantiin jechuu barbaadu yoo jiraate baqattoonni Oromoo Keeniyaas tahee biyyoota garagaraa keessa jiraatan marti qophaa'ummaan qaamootaas tahee namoota dhunfaa kan nu shoorarkeessuufi maqaa amantaa, siyaasaa, naannummaa, gosummaa, kutaa, hawaasummaa fi kkf maraan baqattoota Oromoo walitti buusuuf sochoo'an mara xiyyeeffannaa isaanii jalaa fashaleessuun dirqama taha. Keessattuu baqattoonni Oromoo biyya Keeniyaa Naayroobi fi kaampii baqattootaa kan akka Dhaadhaabiifi Kaakumaa keessa jiraattan qaama Oromoo walitti buusuuf sochoo'u kamuu bayyanootaan hordofuun jalaa fashaleessuun dirqama taha jedheen isiniif dhaamuu barbaada. Warreen sababoota garagaraan ilmaan Oromoo tokko dhaadheessee tokko maqaa balleessu, namoota ilmaan Oromoo kan hawaasa keessatti dhageettii qabu maqaa xureessuufi diinoomsuu barbaadu mara afaanitti dha'uun dirqama keessan taha. Nama fedhe haa tahu kan Miidiyaa OMN akka TV ergama diinaa dabarsuutti haasa'uu barbaaduufi hadheeysee balaaleeffatu mara jalaa fashaleessuun dirqama. Qaama fira qabsoo Oromoo fakkaatee ololaan qabsoo Oromoo diiguus haa tahu kan ergama diina ba'atee deemu mara ilmaan Oromoo tokkummaafi bayyanootaan fashaleessuu qaba. "Dhaloonni qubee ololaafi shira eenyuutiin illee kan diigamuu miti!" Saphaloo Kadiir | Abdulbasit Amajjii, 2017

Monday, January 02, 2017

Haala yeroo Ammaa kaayirroo keessatti raawwachaa jiru ilaalchisee

By Geresu tufa
Rakkinoota Naannoo Kaayiroo fi Yaada Furmaataa Duraan dursee obbollewwaan hundaan amma illee irra deebiyeen baga wagga harayaa nagaan geessan isiniin jedha. Hawwii koo wagga harayaatti aansee haala gidduu kana midiyaa hawasaa(social Media) irratti deddeemaa jiru irratti yaada tokko tokko kennatuun fedha. Kunis dubbii kara Kaayiroo(Cairo) irraa deemaa jiru ilaalchise jechuu dha. Akkuma beekamu waggoota 5 darban kanarrraa eegalee baqatooti Oromoo naannoo Kaayirootti (Masiritti) kolouu-galtummaa gafatan hedduu dha. Kanuma waliin rakkoon adda addaa naannoo sanatti uumamaa jirus yeroo irraa yerootti guddataa dhufee jira. Rakkoo naannoo sanatti uumamaa turee fi jiru irratti odefannoo gahaa otoo hin argatiin yaada kennuun waan akka malee nama rakkisuu fi dogogora biraa fidu dha. Haa ta'uu garuu waan ifatti mul'ataa irratti yaadu tokko tokko kaasuun dirqama yaada jedhuun qaba. Akkuma hundi keenya yaadannoo yeroo wagga tokko hin guutne keessatti rakkinooti jeequmsaa uummata keessatti uumaniif amma illee sababiin isaaniii faatti hin hubatamiiniii fi hundeetti hin furamiin sadiitu jiru. 1.Midhaa Birraa Gammadii 2. Waranamuu Yaazoo Kabbadaa 3. Samamuu Wajjira OMN dha. Dhimmoota kanarratti yaada adda addaatu ka'ee uummata gidduutti jeequmsa uuma ture. Midhamuun Birra Gammadi qamaan sirritti mul'ataa waan tureef midhamuun isaa shakkii hin kaase hin jiru. Sababii isaa fi hunde rakkoo sana haga amma sirritti uummata bal'aan hubatamuu isaa garuu haga amma qabu hin qabu. Dhimmi Yaazoo, ilaalchisee yaada adda addaa wal-falleesitutu ture. Gareen adda addaa yaadaa fi ilaalcha adda addaa uummata keessa facaasaa ture jedha. Gariin waraanamuu dhugaa mitii jedha. Gariin waraanamuu dhugaa dha kan ragaa hakimaa fi jijjirra qaama qabu jedha. Gariin Garee waraane ykn warra waraane waliin quba jedhutti quba qaba. Warri quba itti qabamees haga amma ifaatti ibsaa hin kenninee. Ummati bal'aan dubbii kanarra fagoo jiru ammoo akkuma shakkii keessa isaa keessatti uumameetti hafee. Namni hundinuu waanuma gareen inni deeggaruu jedhu dhugaa godhee fudhatee, warra ammoo garee keessatti hin jirre waanuma jedhu dhabee afaan qabatee. Gidduutti diinnis uummata gidduutti shakkii jajjabessuuf karaa argate. Samamuu wajjjira OMN Kaayiro(Cairo) ilaalchisees waanuma walfakkatatu deemaa jiru. Waan Midiyaa Hawasaatti(Social Media) irratti deeman hedduun isaa yoon ilaalu waa lama of keessa qaba. Tokkoffaa gochaan kuni kan godhameen akka diinaa hin ta'iniif gartuun wayii kanuma kamp Oromo keessa akka duuba jiru. Kan lammataa xiqiin keessa jira. Harka diinaa keessa jiraatu malaa yaada jedhu hin argine. Haala akkasii keessatti namnni hundinuu, namuma fi gartuu ofii shakkuutti quba qaba. Rakkoo tokko sirritti qorannee adda baasnee abbaa itti goone, uummata gidduutti tasgabbii fi nageenya yoo hin uumiin rakkoon biraa dhufee itti dabalama. Amalaa midiyaa hawasaa(social media character) ta'ee rakkoo duraan uumamee sana daganneetuma kanuma harayaa kanarratti hasofnaa. Boruu ammoo rakkoon kanarra hammatuu fi lubbuu namoota hedduu gaggaga'uu yooo uumamee kanuma jiru kana dagannee sanatti ceena. Rakkinooti uumaman kuni akka nuti irratti hasawaa jirru bifa, yabudummaa(neutruality) ta'ee tokkoon otoo ta'an bifa garee qabatee fi seeteedhanii dha. Yeroo waa tokko uumamu namuu otoo dubbii sirritti adda hin bafanne diinuma(garee/nam-tokkee) duraan mataa isaaa keessa qabuutti kallattiin ykn bifa biraan quba qaba. Gareen wal ijaareetuma walirratti duuluun rakkoo dura uumamte hiikuu otoo hin taane, qilleensa borayaa (spoiled envionment) rakkoo harayaa uumuu itti dabalaa. Waan jedhamuu hundi waan garee irratti xiyyeffatee fi xiiqiin guutamee qofa dha. Waan akkana kuni deeme deemee rakkoo guddaa uuma yaada jedhuun qaba. Rakkinooti uumamanii otoo hundeen isaanii hin qoratamiin akkasumatti hafan kuni deemanii deemanii, wal-amantaa uummata keessa jiru diiganii rakkina guddaa keessa nu galchuu. Kuni ammoo akka nuti diina uummata keenya fixaa jiru dhiisnee walirratti xiyyeffannuu fi wal-diignuu nu godha. Walitti dhufeenya uummata keenya gidduu jirus yeroo irraa kara yerootti laffataaf diigamaa deema. Bifa kanaan yoo deemne boruu ammoo rakkoo kana olii fi hiikuuf nu dhibu kessa seenuu dhabuu keenyaaf homaa ragaa hin qabnuu. Rakkoo tokkorra kara rakkoo biraatti utaaluu fi garee nu fakkata jennu deggaruun kan biraa irratti duuluun kuni dhumti isaa jeequmsaa fi digoomsa akka ta'ee shakkii tokko illee hin qabu.Kanaaf maaltu wayya? Rakkinoota uumamaa jiran kana sirritti hubatuu, furuuf akkasuma fulduraas rakkinooti akkasii akka hin uumanee uummata keenya keesatti nageenyaa fi tasgabbii uumuuf waan kanaa gad godhuun barbaachisaa dha jedheen yaada. 1. Namni hundinuu midhaa qaamaa aggammii lubbuu fi qabeenya gahee kana eenyunuu yaa gahuu sagalee tokkoon balaalleffatuu qaba, 2. Qaama yabadummaa( neutralty) qabuu ijaaruun gargaarsa barbaachisu godhuun rakkinoota haga amma uumaman kanaaf, hundee rakkinoota achi jiran kana qoratuun uummataaf gabasaa odeffannoo qabatamaa irratti hundayee dhiyeessuun qalbii uummata tasgebessuuf fi nageenya uummata gidduutti buusuun barbaachisaa dha. Kan shakkiin wal-himataa jiru kanas kan adda baasuu danda'auu dhugaa(fact) qofa dha. 3. Gartuulees ta'ee nam-tokkeen rakkinoota dhunfaa walirraa qaban, yeroo rakkoon uumamee hunda quba walitti qabuu fi carraa uumamee hundaan walirratti duuluu irraa of-qusatuu qaban. 4. Uummati bal'aas rakkoon tokko yoo uumamee suuta jedhe hunde rakkoo qoratuu fi hunde dubbii baruuf tattafatuu irraa, diinuma duraan mataa qabanitti dafanii quba qabuun kuni fagoo waan nu gessu natti hin fakkaatu. Guyyaa guyyaan diigoomsa, shakkii fi wal-amantaa dhabuutti nu geessa. Dubbii oo'iituu yoo uumamtee sanuma qabatanii diinaa eenyumaan isaa(unidentified enemy) irratti quba qabuu irraa yeroo hundaa yoo rakkoon uumamee qorannoon akka rakkoon suni furamuu godhuun irraa rakkoo nurraa hambisaa. 5. Aktiisistooti fi qamooti ijaraman Oromoo daddafanii garee qabatuuf xiiqidhaan deemanii rakkoo biraa dabaluu irraa qaama furmaata ta'uuf tattafachuun irraa bu'aa qabaata yaada jedhuun qaba. Akkas yoo goone hunde rakkoo ni barra, waan kuni diinaa ta'aa jira moo nama keenyaan ta'aa jirra? , yoo nama keenya ta'aa jiraate eenyutu kana godhaa jira ? maaliif godhaa jira? nam-tokkoo dha moo gartuu dha?, bifa akkammiin rakkoo kana hundeetti furra ? yaada jedhu sana ni mirkanessinaa. Yoo akkas hin taane waan amma godhamaa jirru kuni furmaati inni fiduu hin jiru qofa otoo hin taane, yeroo gababa keessatti rakkoo guddaa keessa nu galchuu akka dandeenyu shakkii tokko illee hin qabu. Haalli qabatamaan lafarra jirus kanuma agarsiisa. Waanti nuti asitti goonus uummata biyya jiru akka malee qalbii akka cabsaa akka jiru beekuun byaadatuun barbaachisaa dha. Kanaaf rakkoo dabaluuf otoo hin taane rakkoo uumamee hubannoon furuuf yaa tattafannuun jedha.

Biyyaaf Malee Biyyeef Hin Qabsoofne[ Sheikh Aadam Tuulaa]

Biyyaaf malee biyyeef hin qabsoofne Sheik Adam Tula Seenaa gabaabaa Muftii Sheekh Aadam Tuulaa (Rahimahullah)  Sheekh Aadam Ahmad Hammarroo ...